الشمس
The Sun • 15 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Aduufi ifa isheetiinin (kakadha).
2Ji’aanis; yeroo inni ishee hordofe.
3Guyyaanis yeroo inni ishee (aduu) mul’ise;
4Halkaniinis yeroo inni ishee haguuge;
5Samiifi kan ishee ijaareenis;
6Dachiifi kan ishee diriirseenis;
7Lubbuufi kan ishee uumeenis;
8Kan jall’ina isheefi qajeeluma ishee ishee barsiise.
9Namni ishee qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
10Namni ishee xureesses dhugaatti hoonga’e.
11Samuud daangaa dabruu isheetiin kijibsiifte.
12Yeroo irra jallaan ishee ka’u (kijibsiifte).
13Ergamaan Rabbiis isaaniin “gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe.
14Isa kijibsiisanii, ishee waraanan, Rabbiin isaanii Sababa badii isaanii isaan balleessee, ishee wal qixxeesse.
15Haaloo ishee hin sodaatu.