At-Takwir

التكوير

The Overthrowing29 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِذَا ٱلشَّمۡسُ كُوِّرَتۡ﴿١

1Yeroo aduun maramte,

وَإِذَا ٱلنُّجُومُ ٱنكَدَرَتۡ﴿٢

2Yeroo urjiin harcaate,

وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ سُيِّرَتۡ﴿٣

3Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,

وَإِذَا ٱلۡعِشَارُ عُطِّلَتۡ﴿٤

4Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),

وَإِذَا ٱلۡوُحُوشُ حُشِرَتۡ﴿٥

5Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,

وَإِذَا ٱلۡبِحَارُ سُجِّرَتۡ﴿٦

6Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),

وَإِذَا ٱلنُّفُوسُ زُوِّجَتۡ﴿٧

7Yeroo lubbuuleen hundi qindeeffamte.

وَإِذَا ٱلۡمَوۡءُۥدَةُ سُئِلَتۡ﴿٨

8Yeroo durbi jirtuun awwaalamte gaafatamte,

بِأَيِّ ذَنۢبٖ قُتِلَتۡ﴿٩

9Balleessa kamiif akka ajjeefamte;

وَإِذَا ٱلصُّحُفُ نُشِرَتۡ﴿١٠

10Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,

وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ كُشِطَتۡ﴿١١

11Yeroo samiin buqqifamtee maramte,

وَإِذَا ٱلۡجَحِيمُ سُعِّرَتۡ﴿١٢

12Yeroo ibiddi qabsiifamte,

وَإِذَا ٱلۡجَنَّةُ أُزۡلِفَتۡ﴿١٣

13Yeroo jannanni dhiheeffamte,

عَلِمَتۡ نَفۡسٞ مَّآ أَحۡضَرَتۡ﴿١٤

14Lubbuun waan dalagatte beekteetti.

فَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلۡخُنَّسِ﴿١٥

15(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.

ٱلۡجَوَارِ ٱلۡكُنَّسِ﴿١٦

16(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).

وَٱلَّيۡلِ إِذَا عَسۡعَسَ﴿١٧

17Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),

وَٱلصُّبۡحِ إِذَا تَنَفَّسَ﴿١٨

18Bariittillee yeroo inni hafuura baafate (ife) (kakadha),

إِنَّهُۥ لَقَوۡلُ رَسُولٖ كَرِيمٖ﴿١٩

19Inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati [1]

ذِي قُوَّةٍ عِندَ ذِي ٱلۡعَرۡشِ مَكِينٖ﴿٢٠

20(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.

مُّطَاعٖ ثَمَّ أَمِينٖ﴿٢١

21Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.

وَمَا صَاحِبُكُم بِمَجۡنُونٖ﴿٢٢

22Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.

وَلَقَدۡ رَءَاهُ بِٱلۡأُفُقِ ٱلۡمُبِينِ﴿٢٣

23Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.

وَمَا هُوَ عَلَى ٱلۡغَيۡبِ بِضَنِينٖ﴿٢٤

24Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).

وَمَا هُوَ بِقَوۡلِ شَيۡطَٰنٖ رَّجِيمٖ﴿٢٥

25Inni (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.

فَأَيۡنَ تَذۡهَبُونَ﴿٢٦

26Mee eessuma deemtu?

إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ لِّلۡعَٰلَمِينَ﴿٢٧

27Inni aalama hundaaf gorsa malee hintaane.

لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَسۡتَقِيمَ﴿٢٨

28Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).

وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٢٩

29Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu.

RELATED SURAHS