الرحمن
The Most Merciful • 78 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Ar-Rahmaan.
2Qur’aana barsiise.
3Nama uume.
4Haasaawa isa barsiise.
5Aduufi jiini qixa murtaa’een deemu.
6Urjiifii muknis (Allaahf) sujuudu.
7Samii ol ishee fuudhe; miizaana ni kaaye.
8Akka isin madaala keessatti daangaa hin dabrineef jecha.
9Madaala sirriitti qajeelchaa; madaalamaa hin hir’isinaa.
10Dachii uumama hundaaf ishee kaaye.
11Ishee keessatti fuduraaleefi mukkeen temiraa kan qolola (qola) habaaboo qabantu jira.
12Midhaan baalaafi urgaa qabantu jiru.
13Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
14(Rabbiin) ilma namaa dhoqqee akka okkoteetti iyyu (suphee) irraa uume.
15Jaannii immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uume.
16Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
17(Rabbiin) Gooftaa baha lamaaniifi Gooftaa dhiha lamaaniiti.
18Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
19Galaanota lamaan gadi lakkise. wal qunnaman.
20Gidduu isaanii dahootu jira; walitti hin miidhan.
21Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
22Isaan lamaan irraa faayaafi burjaanaatu baha.
23Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
24Dooniiwwan tolfaman kan akka gaarreenii galaana keessa yaa’an kan Isaati.
25Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
26Wanti ishee (dachii) gubbaa jiru hundi ni dhabama.
27Fuulli Gooftaa keetii nihafa, kan saahiba guddinaafi ulfinaa tahe.
28Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
29Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Isa kadhata. Guyyaa hunda Inni hojiitti jira.
30Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
31Yaa ulfaattota lamaanii (jinniifi namaa) fuulduratti isiniif raawwanna.
32Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
33Yaa garee jinniifi namaa! Yoo moggaawwan samiileefi dachii qaxxaamuruu dandeessan, qaxxaamuraa, Dandeettiin malee hin qaxxaamurtan. (dandeeytii ammoo hin qabdan).
34Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
35Isin lamaan irratti boba’aa Ibidda irraa ta’eefi sibiila baqetu ergama. Ergasii waliif hintumsitan.
36Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
37Yeroo samiin dhodhootee diimtuu akka dhadhaa taate.
38Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
39guyyaa san dilii isaa irraa hin gaafatamu Ilmi namaas ta’ee jinniin.
40Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
41Yakkamtoonni mallattoo isaaniitiin beekamu. Sammuuleefi miillan ni qabamu.
42Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
43“Tun jahannam ishee yakkamtoonni sobsiisaa turaniidha” (jedhama).
44Gidduu isheetiifi gidduu bishaan akkaan danfaa ta’ee naanna’u.
45Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
46Nama fuulduree Gooftaa isaa dhaabbachuu sodaateef jannata lamatu jira.
47Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
48Kan dameewwan dhedheeroo qaban.
49Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
50Isaan lamaan keessa madda yaa’an lamatu jira.
51Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
52Isaan lamaan keessa fuduraalee hunda irraa cimdiitu jira.
53Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
54Afata hariira furdaan guutame irratti hirkatanii taa’u. Fuduraaleen jannata lamaanii dhihoodha.
55Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
56Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii (dhirsa isaanii irratti) gabaabsan, kan isaansan dura namniifi jinniin hin tuqintu jira.
57Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
58Faayaafi burjaana fakkaatu.
59Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
60Sila mindaan toltuu toltuu malee ni tahee?
61Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
62Isaan lamaan malees jannata lamaatu jira.
63Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
64Magariisa gurraacha’aadha.
65Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
66Isaan lamaan keessa burqituuwwan dhangala’an lamatu jiru.
67Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
68Isaan lamaan keessa fuduraalee, timiraafi rummaanatu jira.
69Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
70Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira.
71Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
72Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru.
73Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
74Isaan dura namaafi jinniinis isaan hin tuqne
75Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
76Afata magariisaafi boraatiiwwan babbareedoo irra hirkatanii (taa’u).
77Tolaalee Rabbii keesanii keessaa kamiin kijibsiiftu?
78Maqaan Gooftaa keetii guddate, abbaa guddinnaafi ulfinaa (kan tahe).