الأنبياء
The Prophets • 112 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Namootaaf,qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira, odoo isaan daguu keessatti gara galanii.
2Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa isaanitti hin dhufu, kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee.
3Onneewwan isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu), Miidhaa hojjattoonnis marii dhooyfatan,“Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu).
4(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beeka. Innis dhaga’aa, beekaadha.
5Isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadha, Lakkii! Soba inni of irraa uumee, Lakkii! Inni weellisaadha, (Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu”
6Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen isaaniin duratti hin amanne; sila isaan ni amanuu?
7Si dura dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine, Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsaa gaafadhaa.
8Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) zalaalam jiraatanis hin taane
9Eegasii waadicha isaaniif dhugaa goonee, isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.
10Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirra, Sila hin xiinxaltanuu?
11(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne.
12Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu.
13Hin gulufinaa, gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa akka gaafatamtaniif jecha.
14(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa hojjattoota turre.
15(Jechi nuti miidhaa raawwattoota taane jedhu) sun watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti .
16Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.
17Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.
18Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadha. Isiniif waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.
19Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Isaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.
20Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatan.
21Sila gabbaramtoota (gabbaran), dachii irraa godhatuu? kanneen (namoota) du’aa kaasan,
22Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu ture, Rabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!
23Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu.
24Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiin, Kun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniiti, Garuu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanu, Kanaafuu (isa) irraa garagalu.
25(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.
26Isaan “Rahmaan ilma godhate” jedhu, Inni qulqullaa’eera, Lakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha.
27Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.
28Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.
29Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchina, Akkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina.
30Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraa lubbu qabeeyyii hunda ni uumne, Sila hin amananuu?
31Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen (lafa qabataa) taasifneerra, Ishee keessatti daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
32Samiilee qaaxee (jaarmaya kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirra, Garuu isaan mallattoolee ishee irraa garagaloodha.
33Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu).
34(Yaa Muhammad!) Si dura ilma namaatiif jireenya waaru (zalaalam) hin taasifne, Sila yoo ati duute, isaan ni waaruu?
35Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudha. Isin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorra, Garuma keenyatti deebifamtu.
36Isaan kafaran yeroo si argan “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu, isaan faaruu Rahmaanitti isaanumaatu kafaroodha.
37Namni jarjara irraa uumame, Ani mallattoolee tiyya isinittin agarsiisaa, nan jerjersiifatinaa.
38“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom? jedhu.
39Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuulleen isaanii irraafi dugdawwan isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).
40Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaafti, Ishee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.
41Dhugumatti, ergamtoota si duraatti qishnamee (baacamee). isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.
42Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.
43Moo isaaniif gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksantu tahee? Lubbuulee isaaniitiifuu tumsuu hin danda’anu, Isaan Nu irraa tikfamoo hintaane.
44Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifne, Sila Nuti dachii moggaalee ishee irraa (suuta suutaan) hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa?
45(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaani. duudaan yaamicha hindhagayu, yeroo dinniinaman.
46Qoonni adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa raawwattoota turreerra.”
47Nuti Guyyaa Qiyaamatiif miizaana haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo (waan) ulfina (hanga) firii (ija) raafuu (takka)(qabu) ta’es Nuti ishee ni fidna. Qormaataaf Nuti ga’oodha.
48Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra.
49(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.
50Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedha, Sila isin isaaf mormitootaa?
51Dhugumatti, Nuti kana dura qajeelfama isaa Ibraahiimiif kenninee jirra. Nuti isa beekoo taanee.
52Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan tun maali?” jedhe (kennineef).
53[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”
54[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”
55[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
56Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiileefi dachiiti, kan isaan uume sani, Ani kana irratti ragaa bahootarraayi.”
57“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabotoota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe).
58caccabaa isaan godhe. guddaa isaaniif ta’e malee (isa nihanbise) Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha.
59(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
60Nijedhan “Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu (tokko) kan (hamtuun) isaan dubbatu dhageenyeerra”.
61Ni jedhan: “ijoowwan namootaa dura isa fidaa, Akka isaan ragaa (irratti) bahaniif jecha.”
62“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.
63(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjate, Yoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe.
64Gara lubbuulee isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan.
65Eegasii mataalee isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan.
66(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbii achitti waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu?
67Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”
68Ni jedhan: “ isa gubaa; gabbaramtoota keessaniif tumsaa. Yoo kan hojjattan taataniif”
69Nijenne “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i".
70Hamtuu isatti fedhan, irra hoonga’oo isaan goone.
71Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti nagaya baafne.
72Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine) Hundaayyuu gaggaarii goone.
73Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirra. toltuuwwan hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuu gara isaanitti wahyii goone. nuuf gabbartoota turan.
74Luuxiin murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra. (Ummata) ganda badii fokkatoo hojjattu irraa isa baraarsinee jirra. isaan ummata badoo, finciltoota turan.
75Rahmata keenya keessas isa seensifne. inni warra gaggaarii irraayi.
76Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
77Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafne, isaan warra hamtuu turan. hunda isaanii bishaaniin dhidhimsiifne.
78Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu], Nuti murtii isaanii ni beekna turre.
79Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifne, Hundaafuu (beekumsa murtii) haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerra. Gaarreen Daawuudii waliin akka na qulqulleessan laaffifne, allaattis. Nuti hojjatoo taane
80Uffata sibiilaa kan isiniif tahe isa barsiifne. lola keessanirraa akka isin tiiysituuf jecha, Sila isin (Nu) galatoomfattootaa?
81Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra). Nuti waan hunda beekoo taaneerra.
82Sheyxaanota irraa isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jira. Nuti tiksoo isaanii taaneerra.
83Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
84Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furre. maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine, Rahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha.
85Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
86Rahmata keenya keessas isaan seensifne, isaan warra gaggaarii irraayi.
87Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti isa irratti dhiphisuu dhabuu yaade. Dukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ati qulqulloofte, Dhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
88Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsine, Akka kanatti mu’uminoota nagaa baafna.
89Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) nan dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
90Isaaf owwaannee Yahyaa isaaf kennine, Niitii isaas (akka deessu) isaaf tolchine, Isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'an, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatan turan, Nuuf sodaatoo turan.
91Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu). Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufne, Isheefi ilma ishees aalamootaaf mallattoo taasifne.
92Isheen tun amantii keessan amantii tokkittiidha, Ani Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.
93Amantii isaanii keessatti jidduu isaaniitti adda qoodaman, Hunduu gara keenya deebi’oodha.
94Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiru, Nuti isaaf galmeessaadha.
95Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.
96Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamtee isaan tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).
97Waadaan dhugaa dhihaatee jira, Yeroo san ijjoowwan warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha, “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre (Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota taane" (jedhu).
98Isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha.
99Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan ture, Hundi isaanii ishee keessatti waaru (hafu).
100Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; isaan ishee keessatti hin dhaga’an.
101Warra Nurraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha.
102Sagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.
103(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin)
104Guyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.
105Dhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu).
106Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira.
107Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine.
108(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
109Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
110Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka.
111Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
112(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha.