الفاتحة
The Opening • 7 ayahs • Meccan
1Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.[1]
2Faaruun hundi tan Rabbii Gooftaa aalamaati.
3Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.
4Abbaa (mootii) guyyaa murtii.
5Si qofa gabbarra; Si qofatti gargaarsifannas.
6Daandii sirraawaatti nu qajeelchi.
7Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan warra irratti dallanamee kanhintahin, kan jallattootaa (kan hintahin) (nu qajeelchi) [1] [2]