الحج
The Pilgrimage • 78 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Isin yaa ilmaan namaa Gooftaa keessan sodaadhaa, sochiin (lafaa) kan Qiyaamaa waan guddaadha.
2Guyyaa ishee argitan, dubartiin hoosiftu hundi waan hoosiftu irraa ni dagatti (Dubartiin) ulfa qabdu hundi ulfa ishee garaa darbiti. Namoota (sodaa irraa) machaa’oo agarta, Isaan waa machaa'oo miti. Garuu azaaba Rabbiitu garmalee cimaadha.
3Namoota irraa nama waa'ee Rabbii keessatti beekumsa malee falmujjira. sheyxaana didaa ta’e hunda hordofa.
4Isa (sheyxaana) irratti ‘inni nama isa jaalallee godhate kamillee ni jallisa; gara ibidda qabsiifamaa isa qajeelcha’ jechuun barreeffamee jira.
5Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii keessa jiraattan, Nuti biyyee irraa isin uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa, eegasii dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan uumaa guuttateefi hin guuttatin (irraa isin uumne); (humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga qaaxaroo maqaa dhawamaa taheetti gadaamessaalee keessa teessifna, ergasii daa’ima goonee isin baafna (dhalachiifna). Ergasii akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin jiraachifna). Isin irraa nama (umrii ijoollummaatiin) du’utu jira. isin irraa nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira Erga beekkomsaatii akka homaa hin beekneef, Dachii gogduu taatee agarta; yeroo Nuti bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti; ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni magarsiti.
6Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi inni du'aa kaasa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
7Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Rabbiin kanneen qabriilee keessa jiran (hunda) ni kaasa.
8Namoota irraa kan beekumsa malee (waa'ee) Rabbii keessatti falmutu jira. (akkasuma) qajeelfamaafi kitaaba (ergaa Rabbii) ibsu malee.
9Morma isaa maree (namoota) karaa Rabbii irraa jallisuuf (nama falmutu jira). Isaaf addunyaa kana keessatti salphinatu jira. Guyyaa Qiyaamaa azaaba gubaa ta’e isa dhandhamsiifna.
10“Kun waan harki kee lamaan hojjataniif” (isaan jedhama). Dhugumatti, Allaahn gabroota (Isaa) kan miidhu hin taane.
11Namoota irraa nama amantii irraa moggaatti ta’ee (shakkiin) Rabbi gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti raga’a.Yoo rakkoon isa tuqe ammoo, fuula isaa irratti garagala. Inni addunyaafi Aakhiraa hoonga’ee jira. Sun isatu hoongoo ifa bahaadha.
12Rabbiin ala waan isa hin miineefi isa hin fayyadne kadhata, Sun isatu jallina fagoodha.
13Nama miidhaan isaa bu’aa isaa irra dhihoo ta’e kadhata, Jaalallee ta’uun (isaa) waa fokkate! Ammas hiriyaa ta’uun (isaa) waa fokkate!
14Rabbiin isaan amananii, gaggaarii dalagan Jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa, Dhugumatti Rabbiin waan fedhu hojjata.
15Namni duuniyaafi Aakhiraa keessatti Rabbiin isa (Muhammadiin-SAW) hin tumsu jechuu kan yaadu tahe, gara samii haada hidhatee of haa fannisuErgasii tooftaan isaa waan inni jibbu dhabamsiisuu haa ilaalu
16Akka kanatti keeyyattoota ifa bahaa goonee isa buufne, Rabbiin nama fedhe qajeelcha.
17Dhugumatti, isaan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni, kiristaanonni, majuusonniifi isaan mushrikoota ta’an; Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa, Dhugumatti, Allaah’n waan hunda irratti ragaadha.[1]
18Sila ati hingarree akka Rabbiif sujuudu wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiruus, (akkasuma) aduun, jiini, urjiiwwan, gaarreen, mukkeen, lubbu qabeeyyiifi hedduun namarraa tahes (sujuuda Isaaf godhan hin arginee?) (Namoota) baay’ee azaabni isa irratti mirkanaa’ee jira, Nama Rabbiin isa salphise immoo namni isa kabaju hin jiru, Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata. [1]
19Gareen kun lamaan warra Rabbii isaanii keessatti wal falmaniidha, Isaan kafaran uffata ibidda irraa ta’etu isaaniif murame. mataalee isaanii gubbaas bishaan danfaatu itti naqama.
20Isa sanaan wanti garaalee isaanii keessa jiruufi gogaaleen (isaanii) bayfama.
21Jirma sibiila irraa ta’etu isaaniif jira.
22Dhawaata isaan ishee irraa ba’uu fedhaniin yaaddoodhaan ishee keessatti deebifaman, “Adaba gubaa dhandhamaa” (jedhamani).
23Rabbiin warreen amananii, gaggaarii hojjatan Jannata laggeen jala ishee yaatu seensisa, Ishee keessatti gumeewwan (kilkillee) warqeefi faaya irraa ta’an uffifamu. Uffanni isaanii ishee keessatti hariira.
24(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman.
25Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota isa (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti sababa miidhaatiin jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.
26Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
27(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
28Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif,akka maqaa Rabbii dubbataniif guyyoota beekamoo ta'an keessatti beyladoota irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti (dubbataniif) (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa rakkataa nyaachisaa.
29Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanii. Mana turaan (Ka’abaan) haa naanna’anii.
30(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, sanatu isaaf caala Gooftaa isaa biratti, beyladoonni isiniif eeyyamamte Isaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee. Xurii taabotaa irraa fagaadhaa Jecha cubbuu irraas fagaadhaa.
31Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa). Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
32(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.
33Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. Sana booda iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
34Ummata hundaafuu bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraa, akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha, gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkicha, Isaaf harka kennaa, Warra Isaaf gad of qaban gammachiisi.
35Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneewwan isaanii sodaattu, waan isaan tuqe irratti obsitoota tahan, salaata dhaabdota tahan,kan waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
36Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.
37Foonoowwan isaaniitiifi dhiigowwani isaaniis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi.
38Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa, nama akkaan gantuu, kafaraa ta'e hunda Rabbiin hin jaallatu.
39Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha.
40Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin irra jabaa, injifataadha.
41Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuutti (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.
42Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud (nabiyyoota isaanii) sobsiisanii jiru.
43Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
44Jiraattonni Madyanis (akkasuma), Muusaanis sobsiifamee jira, Ani kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.
45Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
46Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneewwan ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'a. ijji (gubbaa kuni) hinjaamtu. garuu onneewwan qomaalee keessa jirtuuru jaama.
47Adabatti si jarjarfatu, Rabbiin waadaa Isaa hin diigu, Dhugumatti, guyyaan tokko Rabbii kee biratti akka waggaa kumaati waan isin lakkooftan irraa.
48Magaalota irraa meeqaatama tan Ani yeroo isheef kennee, haala isaan miidhaa hojjatoo ta’anii jiraniin ergasii (adabaan) ishee qabee, deebiin gara kiyya.
49(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa bahaa malee hin taane.”
50Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif araaramaafi kennaa gaariitu jira.
51Isaan Nu dadhabsiisuu (yaadanii) aayatoota keenya balleessuuf hojjatan, isaan sun warra jahannami.
52Nuti si dura ergamaas ta’ee nabiyyii tokko erginee ‘yeroo inni dubbise sheyxaanni dubbisa isaa keessa (gurra ummataa irratti soba) darbu malee’ kan hafu hin taane, Rabbiin waan sheyxaanni itti darbu san ni balleessa, Sana booda aayatoota isaa ni raggaasisa, Rabbiin beekaa, ogeessa.
53Waan sheyxaanni darbu san isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiruufi warra onneewwan isaanii gogeef qormaata gochuuf (akkas taasise). Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni wal diddaa fagoo ta’e keessa jiru.
54Akka isaan beekumsa kennaman dhugaa Rabbii kee irraa dhufe ta’uu isaa beekanii isatti amananii, onneeWWAn isaanii isatti tasgabbii argattuuf (kana taasise). Dhugumatti, Rabbiin isaan amanan gara karaa sirrii qajeelchaadha.
55Isaan kafaran waa’ee isaa (Qur’aanaa) irraa shakkuu irraa hin deeman. Hanga Qiyaamaan tasa isaanitti dhufutti yookiin (hanga) adabbiin guyyaa maseenaa (isa booda halkan hin jirree) isaanitti dhufutti.
56Mootummaan guyyaa san kan Allaahti, Gidduu isaaniitti ni murteessa, Isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u.
57Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
58Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jira, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati.
59Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisa, Dhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha.
60(Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.
61Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisuufi, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
62Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.
63Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
64Wantoonni samiilee keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
65Sila akka Allaahn wantoota dachii keessa jiran isiniif mijeesse hin arginee, dooniwwan galaana keessa ajaja Isaatiin daakanillee Eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee akka samiin dachii irratti hin kufne qaba, Rabbiin namootaaf akkaan mararfataa, rahmata godhaadha.
66Inni Isa isin jiraachisee, sana booda isin ajjeesee, Sana booda isin jiraachisuudha, ilmi namaa akkaan (Rabbitti) kafaraadha.
67Ummata hundaaf seera isaan amantii ittiin geggeeffatan isaaniif taasifnee jirra. Kanaafuu (mushrikoonni) dhimma kana irratti akka siin hin falmine. Gara Gooftaa keetiitti waami. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
68Yoo siin falman “Rabbiin akkaan beekaa waan isin hojjattaniiti” jedhiin.
69Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan gidduu keessanitti murteessa.
70Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha.
71Rabbiin alatti waan Inni ragaa homaatuu isaaf hin buusiniifi waan isaan isa ilaalchisee beekumsa homaatuu hin qabne gabbaru. Miidhaa hojjattootaaf gargaaraan tokkos hin jiru.
72Yeroo keeyyattoonni keenya kan ifa ta’an isaan irratti dubbifaman, fuula warra kafaranii irraa (ajaja Rabbii) diduu hubatta. Warra keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisanitti utaaluutti dhihaatu, (Yaa Muhammad!) “Sila waan sana caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? Ibidda Rabbiin isaan kafaraniif waadaa galeedha, Deebichi waa fokkate!” jedhi.
73Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaa, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanu, Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa bute, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu, Gabbaraafi gabbaramaan dadhabeera.
74Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifne, Rabbiin jabaa, injifataadha.
75Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata), Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
76Inni wantoota fuuldura isaaniitiifii wantoota duuba isaaniitis hunda ni beeka, Wantoonni hundi gara Rabbiitti deebifamti.
77Yaa warra amantan! Rukuu’a bu’aa; sujuudas bu’aa; Gooftaa keessan gabbaraa; akka milkooftaniif toltuus hojjadhaa. [1]
78Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; Inni isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone, Karaa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa), Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaase, Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa tahuufii isinis namoota irratti ragaa taataniif, (Kanaaf) salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaa. Inni jaalalloo keessani. Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!