الأعراف
The Heights • 206 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Alif Laam Miim Saad
2(Kun) kitaaba gara keetti buufame,Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
3Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaa, Jaalalleewwan (biraa) isaa gaditti hin hordofinaa, Xiqqoo qofa gorfamtu
4Magaalota irraa kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.
5Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
6Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna.
7Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.
8Madaalli guyyaa san dhugaadha. Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
9Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha.
10Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
11Dhugumatti, isin uumneerra, Ergasiis isin bocne, Ergasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenne, Achumaan sujuudani; Ibliis malee, Inni warra sujuudan irraa hin taane.
12(Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.
13(Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; bahi ati warra salphattoota irraayi" jedheen.
14(Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.
15(Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen.
16(Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a.
17Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirgaawwan isaaniitiifi bitaawwan isaanii irraan isaanitti dhufa. Irra hedduu isaaniis galateeffattoota ta'anii hin argitu."
18(Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’i, Isaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta.
19Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taa'aa; iddoo feetan irraas nyaadhaa. Miidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii tanatti immoo hin dhihaatinaa."
20Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii kana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee".
21"Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.
22Gowwoomsuun isaan jallise, Yeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii isaanitti mul'atte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguutti seenan, Gooftaan isaanii isaanitti lallabe "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" (jedheen).
23"Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
24(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee ta'eetu jira."
25"Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen.
26Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
27Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. Dhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra.
28Yeroo waan fokkattuu hojjatan "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu. "Rabbiin fokkatuuwwanitti hin ajaju, Sila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin.
29Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu"
30Garee tokko ni qajeelche; garee biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e, Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalalleewwan taasifatan, Isaan qajeeltota uf sehan.
31Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu bareechifannaa (uffata) keessan qabadhaa. Nyaadhaa, dhugaa, daangaa hin dabrinaa, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.[1]
32"Namni bareechifannaa (uffata) ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhi. Isheen jiruu addunyaa keessatti warra amananiifi Guyyaa Qiyaamaa dhuunfaa isaaniiti" jedhi, Akka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina.
33Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe gochaalee fokkatoo, isherraa waan mul'ateefii waan dhokate, dilii, haqaan maletti roorrisuu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha."
34Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
35Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
36Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
37Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleenuu hinjiru). Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala ta'een isaan dhaqqaba; Ergamoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan ta'anii yeroo isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu. "Nurraa badaniiru" jedhu. Isaan kaafiroota tahuu lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
38(Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran keessa seenaa kan jinnootaafi namoota irraa ta’an ibidda keessatti (tahaa). " Ummanni wahii dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaarti, Yeroo hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiru, Kanaaf adabbii dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jette, (Rabbiinis) "Hundaafuu dachaatu jira, Garuu isin hin beektanu" jedhe.
39Warri jalqaba isaanii warra booda isaaniitiin ni jette "isiniif nurra caaliinsi wahii hin taane; Waan hojjachaa turtaniif jecha adabbii dhandhamaa".
40Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamtu. Hanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanu. Akka kanatti yakkamtoota (adabbiin) galata galchina..
41Isaaniif Jahannam irraa firaashiitu jira, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu (jira). Akka kanatti miidhaa raawwattoota (adabaan) galata galchina..
42Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
43Jibbaarraa waan qomoota isaanii keessa jirus ni baafne, Laggeen jala (gamoo) isaanii yaati, "Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheeti, Odoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufteetti" jedhan. nilallabaman "Jannata tana dhaalchifamtan sababa waan hojjataa turtaniitiif".
44Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).
45(Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidha, Isaan Aakhiratti kafaroodha.
46Gidduu isaanii haguuggaatu jira, 'A’araaf' irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. [1]
47Yeroo ijji isaanii gara warreen ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
48Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban, "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
49Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
50Warri ibiddaa warra jannataatti lallabu "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire irraa nurratti dhangalaasaa" jedhu, "Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin.
51(Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedha, Akkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa har'aa isaan irraanfanna (dhiifna)..
52Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. [1]
53Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteetti, Sila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jalaa badeera.
54Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.
55Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaa. Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
56Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha.
57Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda isaan baafne, akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.Akka isin gorfamtaniif jecha.
58Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin baha, Inni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahu, Akka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina.
59Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
60Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan.
61(Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
62Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaada, Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
63sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti,akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).
64Isa kijibsiisan, Isaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsine, Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsine, isaan ummata jaamaa turan.
65Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanuu?" jedheen.
66Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si argina, Dhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
67(Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
68Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa, Anis isiniif tola yaadaa, amanamaadha.
69sila nidinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa tahe isinitti dhufuu nama isin irraa ta'e irratti (bu'ee) akka isin diyniinuuf jecha. yaadadhaa Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis bal'ina isiniif dabale (yaadadhaa).qananiilee Rabbii yaadadhaa Akka milkooftaniif jecha ."
70nijedhan "sila nutti dhuftee Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruufi, wantoota abbootiin keenya gabbaraa turanakka dhiifnuuf?waan ittiin nu sodaachiftu san nutti fidi Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef "
71nijedhe "Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eera, Sila isin maqaalee keessatti na mormituu kan isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan, kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii".
72Isaafi warra isa waliin turan rahmata nurraa ta’een nagaa baafne, Warra keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi hundee isaanii murre.isaan mu’uminootas hin taane.
73Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti. Kun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu, Hamtuun ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata.
74Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaa. Dirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftu. qananiilee Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
75nijedhe qondaalonni warri boonan ummata isaarraa warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?". "(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
76Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
77Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraa bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan.
78Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.
79(Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeera, Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe.
80Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu?
81Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."
82Deebiin ummata isaas "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffatanuu dha" jechuu malee homaa hin turre.
83Isaafi maatii isaa nagaya baasne. Niitiin isaa malee isiin warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate.
84Rooba (adabaas) isaan irratti roobsifne, Booddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
85Gara Madyan obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, ragaan ifa taate Rabbii keessanirraa isiniif dhuftee jirti, Safaraafi madaalas guutaa, Namoota wantoota isaanii jalaa hin hir’isinaa. Dachii keessatti erga toluu isheetii hin balleessinaa, sanatu isiniif caala Yoo mu’uminoota taatan .
86Karaa hunda irraa hin taa’inaa Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun, akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii. yaadadhaa yeroo xiqqoo turtanii isin baay’esse. Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’e ilaalaa.
87Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaa, Innis irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe).
88Nijedhan ummata isaa irraa qondaalonni warra boonanii "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, siifi isaan si waliin amananis magaalaa teenya irraa ni baafna; yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan"Sila odoo kan jibbinus taanee moo!" jedhe.
89" Dhugumatti Rabbiin irratti kijiba uumnee jirra yoo gara amantii keessanii deebine, erga Rabbiin ishee irraa nu baraarsee booda,ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taane yoo Rabbiin Gooftaan keenya fedhe malee. Gooftaan keenya beekumsaan waan hunda bal'atee jira, Rabbi irratti hirkannee jirra, (Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe).
90nijedhan Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oo dha".
91Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.
92Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’an, Warri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoonga’oo ta’an.
93(Shu’ayb) isaan irraa gara galee nijedhe "yaa ummata kiyya! Ani ergaalee Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera. Toltuu isiniif dhaameera. Kanaafuu ani ummata kafaran irratti akkamittiin gadda!".
94Nuti gara magaalaa tokkoo nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee hiyyummaafi dhibeen isaan qabnee malee hin hafne akka isaan gadi of qabaniif jecha,.
95Ergasii bakka hamtuu toltuutti jijjiirre, hanga isaan baay’atanii jedhanitti "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" Achumaan tasa isaan qabne, odoo isaan hin beekne.
96Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiin) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turre, Garuu isaan ni sobsiisan. Kanaafuu waan isaan kan hojjata tahaniif isaan qabne.
97Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu (sodaa dhabanii)?
98Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanuu (sodaa dhabanii)?
99Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu.
100Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf ifa hin taanee nuti odoo feenee diliilee isaaniitiin kan isaan adabnu ta’uun keenya? Onneewwan isaanii irratti cufaa goonaa, isaan hin dhaga’anu.
101Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) [1] seenaalee isaanii irraa siif odeessina. Dhugumatti, ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiru, Waan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taane, Akka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.
102Irra hedduu isaanii waadaa isaanii irra kan gadi dhaabbatan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine.
103Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awniifi qondaalota isaatti erginee jirra, Isaan fudhachuu didan, Booddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
104Muusaan ni jedhe: "Yaa Fir’awna! Dhugumatti, ani ergamaa Gooftaa aalamootaa irraa ta’eedha.
105Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti, ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeera, Kanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi."
106(Fir’awni) "Yoo mallattoon kandhufte taate, ishee fidi, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef" jedheen.
107Ulee isaa darbate; isheen yeroma san bofa mul'ataa (guddaa) taate
108Harka isaa ni baase; isheen yoosuu warra ilaalaniif adii (calaqqisaa) taate.
109Qondaalonni ummata Fir’awni irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti, saahiree (falfalaa) beekaadha.
110Dachii keessan irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen).
111[Isaan] ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisi, Magaalota keessa walitti qabdoota ergi.
112Falfalaa beekaa hundaan sitti dhufu."
113Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan.
114[Inni] "Eeyyeen Isin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.
115"Yaa Muusaa! yookaa ati darbachuu yooka nuti darbattoota tahuu " jedhan.
116"Darbadhaa" jedhe, Yeroma (funyoo isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan shoorarkeesan, Sihrii guddaan dhufan.
117Gara Muusaatti "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa goone, Achumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti.
118Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni bade.
119Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an.
120Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.
121Ni jedhan: "Gooftaa aalamootaatti amanneerra.
122Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."
123Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti mari’attaniidha jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha. Fuulduratti beekuuf jiraattu.
124Dhugumatti,ninmura harkoowwan keessaniifi miilleen keessan wal faallessuunan, eegasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."
125Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.
126"Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru, Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi, Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)
127Ummata Fir’awni irraas qondaalonni nijedhan "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessanii (Muusaanis) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) dhiiftaa?". ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefna, Dubartoota isaanii immoo ni jiraachifna, (nidhiifna). nuti isaan irratti moo’attoota."
128Muusaan ummata isaatiin nijedhe "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaa, Dhugumatti, dachiin tan Rabbiiti, Gabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisa, Booddeen tan warra Rabbiin sodaataniiti".
129Nijedhan "Nuti rakkifamnee jirra odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas ". nijedhe " nimala Gooftaan keessan diinota keessan balleessee, dachii keessatti bakka isin buusee, ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluun".
130Dhugumatti, Nuti ummata Fir’awni caama waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne. akka isaan gorfamaniif jecha.
131Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "kun nuuf malti" jedhu, Yoo hamtuun isaan tuqxe immoo Muusaafi namoota isa waliinii irratti hooddatu, Dhagayaa! Dhugumatti,hooddannaan isaanii Rabbiin bira jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.
132Isaan (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."
133Achumaan nuti lolaa (bishaan) dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga mallattoowwan addeeffamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirra. Isaan garuu ni boonan, (Isaan) ummata yakkamtoota turan.
134Yeroo adabichi isaan irratti bu'u ni jedhan: "yaa Muusaa! Gooftaa kee nuuf kadhu waan Inni si biraa waadaa qabuun , yoo ati adabicha nurraa deebifte, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’il si waliin ergina."
135yeroma nuti isaan irraa adabicha Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu.
136galaana keessatti isaan dhidhimsinee haaloo isaan irraa ba’anne, Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis dagattoota ta’aniif .
137Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii dhaalchifne, ishee barakaa keessa goonee. jechi Rabbii keetii toltuun Banii Israa’iil irratti guutamte Sababa isaan obsaniif. Waan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine.
138Ilmaan Israa’iilin bahara ceesifne, ummata taabota isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi" jedhan, [Inni] ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha.
139Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti isaan dalagaa turanis kufaadha."
140"Sila ani Rabbiin ala gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruu?" jedhe.
141Yeroo Nuti namoota (adabbii) ummata Fir’awni irraa nagaa isin baafnes [yaadadhaa] kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisan, kan ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan. Kana keessas balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
142Muusaaf halkan soddoma waadaa seenne. Kudhaniin ishee guunne. Beellamni Gooftaa isaa halkan afurtama guute. Muusaan obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Bakka na bu’i ummata kiyya keessatti tolchi, Karaa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin."
143Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (uf) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe. (Rabbiin) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga'eef Na argitaa" jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu caccaphaa isa godhe. Muusaan of wallaalee kufe, Yeroma bayyanatu nijedhe "ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e, anis jalqaba mu’uminootaati".
144(Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheera, Waan Ani siif kenne qabadhu, Galateeffattoota irraa ta’i."
145Loohiwwan keessatti waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine. "Ishee ciminaan qabadhu, ummata keetis akka toltuu ishee qabatan ajaji. Ani biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
146Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galcha, Yoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananu, Yoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanu, Yoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatu, Kun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
147Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii badde, Sila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu?
148Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate tolfatan, Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an.
149Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
150Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan waa fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii jarjarfattani moo?" jedhe. Loohiiwwan darbee mataa obboleessa isaa qabe, kan ufitti harkisu ta'ee. (Obboleessis) nijedhe "Yaa ilma haadha tiyyaa! Ummanni na hacuucanii na ajjeesuuf dhihaatani, Kanaafuu diina natti hin gammachiisin, Ummata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.
151(Muusaan) nijedhe "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araarami, Rahmata kee keessas nu seensisi, Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti".
152Dhugumatti, isaannan mirgoo (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa tanaa keessatti isaan argata፣ Akka kanatti kijiba uumtota (adabaan) galata galchina.
153Isaannan dilii heddu hojjatanii sana booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha.
154Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudhe, Barreefama ishee keessa qajeelfamaafi rahmatatu warra Gooftaa isaanii sodaataniif jira.
155Muusaan ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filate, Yeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita ture, Sila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa miti, Isheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchita, Ati gargaaraa keenya, Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi, Ati caalaa araaramtootaati.
156Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte, Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin."
157(Isaan) warra ergamaa, nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne hordofani, isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataawwan immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu. (hordofaniidha). Isaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaraniifi ifa isa waliin bu’e hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha.
158Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa,kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha."
159Ummata Muusaa irraa ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira.
160Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodne, Gara Muusatti yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee teetiin dhagaa dhayi" jechuu beeksifne, Isa irraas burqituu kudha lamatu maddite, Namoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekan, Duumessa isaan irratti gaaddiseessine, Mannii'fi 'salwiis' isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen). Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan.
161Yeroo isaaniin jedhame [yaadadhaa] "magaalattii tana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa, (kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaa, Balbalas sujuuda godhaa seenaa, Badiiwwan keessan isiniif dhiifna,(galata) warra toltuu hojjataniis ni daballa"
162Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiran,azaaba samii irraa isaan irratti ergine Waan miidhaa hojjataa turaniif jecha.[1]
163isaan gaafadhu Waa’ee magaalattii galaanicha cinaa jirtuu, yeroo isaan sanbata keessatti daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu; guyyaa isaan hinsanbateessine (hin guddifne) (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftu,akka kanatti isaan qormaanna waan isaan fincilaa turaniif.
164(yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [1]
165Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. [1]
166Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa".
167Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
168Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraas gaggaariitu jira, Isaan irraa sanaan alatu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
169bakka bu’an booda isaaniitii bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu, Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
170Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
171Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaan isaanirratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qhubadhaa" (jenne yaadadhu)
172Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu] "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jecheen, Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, Kunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.
173“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
174Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
175isaan irratti dubbisi oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninee, ishee irraa luqqa'e, sheyxaana isa hordofsiise, jallattoota irraa ta’e.
176Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna ture, Garuu inni gara dachiitti gadi dide; fedhii lubbuu isaa hordofe, Fakkeenyi isaa akka fakkii sareeti yoo ariite arraba baasee harganu, yoo dhiiftes arraba baasee harganuuti, Kuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniiti, seenaalee odeessi akka isaan xiinxalaniif jecha .
177Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisanii waa fokkate! lubbuulee isaanii kan miidhan ta’anii.
178Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadha, Namni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha.
179Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirra, Isaaniif onneewwantu tahe, isiin hinhubatan. isaaniif ijoowwantu tahe, isiidhaan hinargan.isaaniif gurroowwantu tahe, isiin hindhagayan. Warri sun akka beyladootaati, Inumaa jarri irra jallatoodha, Isaan isaanumatu dagattoota.
180Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamu.
181Namoota Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru.
182Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan suuta suutaan isaan qabna.
183Yeroo isaaniifin kenna; Dhugumatti, tooftaan kiyya cimaadha.
184Sila isaan saahiba (Nabiyyii) isaaniitti (muhammaditti) maraatummaan akka hinjirre hin xiinxalanuu? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee waan biraatii miti.
185Sila mootummaa samiileefii dachiifi, keessatti hinlaalanii? waan Rabbiin wantoota hunda irraa uumes, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu (hin ilaalanuu?). Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?
186Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru, Jallina isaanii keessatti dhama'oota ta'anii isaan dhiisa.
187Waa’ee Qiyaamaa irraa yoomi dhaabbatiinsi isii (dhufti isii) (jedhanii) si gaafatu, jedhi "Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira qofa. Isa malee homtuu yeroo isheetiif ishee hin ibsu, Samiileefi dachii keessatti ulfaatte, Isheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" (jedhi). Akka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu, jedhi Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jira, Garuu irra hedduun namootaa hin beekan".
188Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".
189Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun) .
190Yeroo Inni (ilma) gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisan, Rabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.
191Sila warra waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu? kan ofiifuu uumamoo ta’an.
192Isaan gargaaruu hin danda’an, lubbuulee isaaniis hingargaaran.
193Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtan isin hin hordofan, Isaan waamtanus yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa.
194Dhugumatti, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkiiwwan keessaniiti, mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif.
195Sila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu taheekan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi " shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu).
196Jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedha, Inni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
197Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruu hindandayan, lubbuulee isaaniitis hingargaaranu.
198Yoo gara qajeelumaa isaan waamtan hin dhaga'anu. Kan isaan gara kee ilaalanu argita isaan hinargan.
199Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.
200Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.
201Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha..
202Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.
203Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa, (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".
204Yeroo Qur’aanni qara’ame isaaf dhageeffadhaa; cal’isaa akka rahmanni isiniif godhamuuf .
205Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala. Dagattoota irraa hin ta’in.
206Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaaf sujuuda godhu. [1]