الطور
The Mount • 49 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1(Gaara) Xuuriin kakadhe. [1]
2Kitaaba barreeffamaanis.
3Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
4Mana jiraachifamaanis. [1]
5Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis. [1]
6Galaana bishaaniin guutameenis.
7Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
8Deebisaan tokkolleen isaaf hintaane.
9Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
10(Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
11Warra kijibsiisaniif guyyaa san ibiddaatu jira.
12(Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
13Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman.
14(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
15Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
16Ishee seenaa (dhandhamaa); obsaa yookaan hin obsinaa isinirratti waluma qixa. Wanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
17Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannatootaafi qananii keessa jiraatu.
18Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaanii azaaba gubaa jalaa isaan baraarse.
19“Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
20Sireewwan tarree galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu). Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
21Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna (Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnu. Namni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
22Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
23Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) walitti daddabarsu (waliif kennu) ishee keessa sobaafi diliin hin jiru.
24Isaan irra naanna’u Ijoollee dhiiraa isaanii. (bareedinni isaanii) akka waan isaan faaya eegamaati.
25Gariin isaanii garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.
26Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
27Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
28Nuti kana dura Isa kadhataa turre. Inni Isumatu tola oolaa, mararfataadha.
29Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
30Moo “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhanii?
31“Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
32Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata jallatoodha.
33Moo Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu?” lakkii, isaan hin amanan.
34haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu Yoo kan dhugaa dubbatan ta’an.
35Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha?
36Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
37Moo Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira, moo isaantu injifattoota?
38Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
39Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
40Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
41Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
42Lakkii! Tooftaa baasuu fedhani, Warri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
43Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
44Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu.
45Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
46Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
47Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
48Murtii Gooftaa keetiitiif obsi. Ati tika keenya jala jirta. Yeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
49Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi).