Al-Haqqah

الحاقة

The Inevitable52 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱلۡحَآقَّةُ﴿١

1Mirkaneessituun,

مَا ٱلۡحَآقَّةُ﴿٢

2Mirkaneessituttiin maali?

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡحَآقَّةُ﴿٣

3Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!

كَذَّبَتۡ ثَمُودُ وَعَادُۢ بِٱلۡقَارِعَةِ﴿٤

4(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.

فَأَمَّا ثَمُودُ فَأُهۡلِكُواْ بِٱلطَّاغِيَةِ﴿٥

5Samuud iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman.

وَأَمَّا عَادٞ فَأُهۡلِكُواْ بِرِيحٖ صَرۡصَرٍ عَاتِيَةٖ﴿٦

6Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman.

سَخَّرَهَا عَلَيۡهِمۡ سَبۡعَ لَيَالٖ وَثَمَٰنِيَةَ أَيَّامٍ حُسُومٗاۖ فَتَرَى ٱلۡقَوۡمَ فِيهَا صَرۡعَىٰ كَأَنَّهُمۡ أَعۡجَازُ نَخۡلٍ خَاوِيَةٖ﴿٧

7Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti erge. Ishee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita.

فَهَلۡ تَرَىٰ لَهُم مِّنۢ بَاقِيَةٖ﴿٨

8Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?

وَجَآءَ فِرۡعَوۡنُ وَمَن قَبۡلَهُۥ وَٱلۡمُؤۡتَفِكَٰتُ بِٱلۡخَاطِئَةِ﴿٩

9Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.

فَعَصَوۡاْ رَسُولَ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَهُمۡ أَخۡذَةٗ رَّابِيَةً﴿١٠

10Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.

إِنَّا لَمَّا طَغَا ٱلۡمَآءُ حَمَلۡنَٰكُمۡ فِي ٱلۡجَارِيَةِ﴿١١

11Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin yaabbachiifne.

لِنَجۡعَلَهَا لَكُمۡ تَذۡكِرَةٗ وَتَعِيَهَآ أُذُنٞ وَٰعِيَةٞ﴿١٢

12Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)

فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ نَفۡخَةٞ وَٰحِدَةٞ﴿١٣

13Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,

وَحُمِلَتِ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةٗ وَٰحِدَةٗ﴿١٤

14Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,

فَيَوۡمَئِذٖ وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ﴿١٥

15Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.

وَٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَهِيَ يَوۡمَئِذٖ وَاهِيَةٞ﴿١٦

16Samiinis ni baqaqxi; isheen guyyaa san laaftuudha.

وَٱلۡمَلَكُ عَلَىٰٓ أَرۡجَآئِهَاۚ وَيَحۡمِلُ عَرۡشَ رَبِّكَ فَوۡقَهُمۡ يَوۡمَئِذٖ ثَمَٰنِيَةٞ﴿١٧

17Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'u. Arshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.

يَوۡمَئِذٖ تُعۡرَضُونَ لَا تَخۡفَىٰ مِنكُمۡ خَافِيَةٞ﴿١٨

18Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.

فَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَيَقُولُ هَآؤُمُ ٱقۡرَءُواْ كِتَٰبِيَهۡ﴿١٩

19Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.

إِنِّي ظَنَنتُ أَنِّي مُلَٰقٍ حِسَابِيَهۡ﴿٢٠

20Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”

فَهُوَ فِي عِيشَةٖ رَّاضِيَةٖ﴿٢١

21Inni jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.

فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٖ﴿٢٢

22Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).

قُطُوفُهَا دَانِيَةٞ﴿٢٣

23Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;

كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَآ أَسۡلَفۡتُمۡ فِي ٱلۡأَيَّامِ ٱلۡخَالِيَةِ﴿٢٤

24"Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).

وَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِشِمَالِهِۦ فَيَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي لَمۡ أُوتَ كِتَٰبِيَهۡ﴿٢٥

25Ammoo Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu baadhee.

وَلَمۡ أَدۡرِ مَا حِسَابِيَهۡ﴿٢٦

26Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu baadhee.

يَٰلَيۡتَهَا كَانَتِ ٱلۡقَاضِيَةَ﴿٢٧

27Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!

مَآ أَغۡنَىٰ عَنِّي مَالِيَهۡۜ﴿٢٨

28Qabeenyi kiyya homaa narraa hindeebifne (fayyadne).

هَلَكَ عَنِّي سُلۡطَٰنِيَهۡ﴿٢٩

29Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).

خُذُوهُ فَغُلُّوهُ﴿٣٠

30Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).

ثُمَّ ٱلۡجَحِيمَ صَلُّوهُ﴿٣١

31Ergasii ibidda isa seensisaa.

ثُمَّ فِي سِلۡسِلَةٖ ذَرۡعُهَا سَبۡعُونَ ذِرَاعٗا فَٱسۡلُكُوهُ﴿٣٢

32Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.

إِنَّهُۥ كَانَ لَا يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ ٱلۡعَظِيمِ﴿٣٣

33Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.

وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلۡمِسۡكِينِ﴿٣٤

34Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.

فَلَيۡسَ لَهُ ٱلۡيَوۡمَ هَٰهُنَا حَمِيمٞ﴿٣٥

35Har’a asitti firri isaaf hin jiru. [1]

وَلَا طَعَامٌ إِلَّا مِنۡ غِسۡلِينٖ﴿٣٦

36Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.

لَّا يَأۡكُلُهُۥٓ إِلَّا ٱلۡخَٰطِـُٔونَ﴿٣٧

37Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.

فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَا تُبۡصِرُونَ﴿٣٨

38Waan isin argitaniin kakadha.

وَمَا لَا تُبۡصِرُونَ﴿٣٩

39Waan isin hin argineenis (niin kakadha).

إِنَّهُۥ لَقَوۡلُ رَسُولٖ كَرِيمٖ﴿٤٠

40Inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati.

وَمَا هُوَ بِقَوۡلِ شَاعِرٖۚ قَلِيلٗا مَّا تُؤۡمِنُونَ﴿٤١

41Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu.

وَلَا بِقَوۡلِ كَاهِنٖۚ قَلِيلٗا مَّا تَذَكَّرُونَ﴿٤٢

42Jecha raagaatiis miti; xiqqoo qofa gorfamtanu.

تَنزِيلٞ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٤٣

43Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.

وَلَوۡ تَقَوَّلَ عَلَيۡنَا بَعۡضَ ٱلۡأَقَاوِيلِ﴿٤٤

44Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,

لَأَخَذۡنَا مِنۡهُ بِٱلۡيَمِينِ﴿٤٥

45Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.

ثُمَّ لَقَطَعۡنَا مِنۡهُ ٱلۡوَتِينَ﴿٤٦

46Ergasii hidda onnee isarraa murra turre.

فَمَا مِنكُم مِّنۡ أَحَدٍ عَنۡهُ حَٰجِزِينَ﴿٤٧

47Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.

وَإِنَّهُۥ لَتَذۡكِرَةٞ لِّلۡمُتَّقِينَ﴿٤٨

48Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.

وَإِنَّا لَنَعۡلَمُ أَنَّ مِنكُم مُّكَذِّبِينَ﴿٤٩

49Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.

وَإِنَّهُۥ لَحَسۡرَةٌ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ﴿٥٠

50Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.

وَإِنَّهُۥ لَحَقُّ ٱلۡيَقِينِ﴿٥١

51Inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha.

فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ﴿٥٢

52Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.

RELATED SURAHS