المعارج
The Ascending Stairways • 44 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan kadhate.
2Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.
3Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama).
4Malaykonniifi Jibiriil gara Isaa ol koru guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti.
5Obsa gaarii obsi.
6Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.
7Nuti immoo dhihootti isa argina.
8Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.
9(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.
10(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.
11Isaan agarsiifamu Namni dilaawaan odoo ilmaan isaatiin adabbii guyyaa sanii uffuree jaalata.
12Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);
13Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;
14Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
15Dhorgamaa! isheen lazaadha (maqaa hulaa ibiddaati).
16Buqqiftuu gogaa sammuuti.
17Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
18(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti).
19Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.
20Yeroo hamtuun isa tuqe mufataa (gammachuu dhaba).
21Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
22Warra sagadan malee;
23Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);
24Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,
25Hiyyeessa Kadhataafi kan hin kadhanneef,
26Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
27Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).
28Adabbiin Gooftaa isaanii (nama tuquu dhabuun isaa) amanamaa miti.
29Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
30Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; (kanarratti) isaan komatamoo miti.
31Namni sanaan ala (fedhii guutachuu) barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.
32Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
33Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,
34Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.
35Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
36Warra kafareef maaltu jiraayi sirratti xiyyeefatu?
37Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.
38Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
39Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.
40Gooftaa Bahootaatiifi Dhihootaatiin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
41Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha). Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
42Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
43Guyyaa qabroota irraa arifataa ba'an isaan akka waan gara taabotootaatti dhangala'an fakkaatu.
44Ijjoonni isaanii xiqqaattuu salphinni isaan haguugdi. Sun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.