Nuh

نوح

Noah28 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرۡ قَوۡمَكَ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ﴿١

1Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti ergineerra "odoo adabbiin laalessaan isaanitti hin dhufin dura ummata kee sodaachisi" jechuun.

قَالَ يَٰقَوۡمِ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ﴿٢

2(Nuuhis) ni jedhe: "yaa ummata kiyya! Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.

أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱتَّقُوهُ وَأَطِيعُونِ﴿٣

3Rabbiin gabbaraa; Isa sodaadhaa; anaafis ajajamaa" jechuun.

يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُؤَخِّرۡكُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ أَجَلَ ٱللَّهِ إِذَا جَآءَ لَا يُؤَخَّرُۚ لَوۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ﴿٤

4"Diliilee keessan irraa isiniif araarama; hanga yeroo murtaa'eettis isin tursiisa. Beellamni Rabbii yeroo dhufe booda hin aanfamu. Odoo kan beektan taatanii (silaa isa malee hin gabbartanu).

قَالَ رَبِّ إِنِّي دَعَوۡتُ قَوۡمِي لَيۡلٗا وَنَهَارٗا﴿٥

5(Nuuhiin) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Ani ummata kiyya halkaniifi guyyaan waame.

فَلَمۡ يَزِدۡهُمۡ دُعَآءِيٓ إِلَّا فِرَارٗا﴿٦

6Waamichi kiyya (dhugaa irraa) baqa malee homaa isaaniif hin daballe.

وَإِنِّي كُلَّمَا دَعَوۡتُهُمۡ لِتَغۡفِرَ لَهُمۡ جَعَلُوٓاْ أَصَٰبِعَهُمۡ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَٱسۡتَغۡشَوۡاْ ثِيَابَهُمۡ وَأَصَرُّواْ وَٱسۡتَكۡبَرُواْ ٱسۡتِكۡبَارٗا﴿٧

7Akka Ati isaaniif araaramtuuf dhawaata ani isaan waamuun qubbeen isaanii gurroowwan isaanii keessa kaa’anii uffata isaanii haguuggatanii (badii) itti fufan; booniinsa boonan.

ثُمَّ إِنِّي دَعَوۡتُهُمۡ جِهَارٗا﴿٨

8Ergasii ani lallabeen isaan waame.

ثُمَّ إِنِّيٓ أَعۡلَنتُ لَهُمۡ وَأَسۡرَرۡتُ لَهُمۡ إِسۡرَارٗا﴿٩

9Achi boodas ani ifan isaaniif godhe; hasaasuus isaanittin hasaase.

فَقُلۡتُ ٱسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّكُمۡ إِنَّهُۥ كَانَ غَفَّارٗا﴿١٠

10Nin jedhe ‘Gooftaa keessan araarama kadhaa; Inni Akkaan Araaramaadhan’.

يُرۡسِلِ ٱلسَّمَآءَ عَلَيۡكُم مِّدۡرَارٗا﴿١١

11Rooba baay'ee deddeebi'aa isin irratti erga. (rooba guddaa isiniif roobsa).

وَيُمۡدِدۡكُم بِأَمۡوَٰلٖ وَبَنِينَ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ جَنَّٰتٖ وَيَجۡعَل لَّكُمۡ أَنۡهَٰرٗا﴿١٢

12Qabeenyaafi ilmaanis isiniif dabala. Ashaakiltii isiniif godha laggeenis isiniif taasisa.

مَّا لَكُمۡ لَا تَرۡجُونَ لِلَّهِ وَقَارٗا﴿١٣

13Maaltu isiniif jiraayi guddina Rabbii hin sodaanne?

وَقَدۡ خَلَقَكُمۡ أَطۡوَارًا﴿١٤

14Dhugumatti, sadarkaa sadarkaadhaan isin uumeera.

أَلَمۡ تَرَوۡاْ كَيۡفَ خَلَقَ ٱللَّهُ سَبۡعَ سَمَٰوَٰتٖ طِبَاقٗا﴿١٥

15Sila isin hin arginee akkamitti Rabbiin samii torban wal jalaa gubbaatti akka uume ?

وَجَعَلَ ٱلۡقَمَرَ فِيهِنَّ نُورٗا وَجَعَلَ ٱلشَّمۡسَ سِرَاجٗا﴿١٦

16Isaan keessatti ji'a ibsaa taasisee; aduus madda ifaafi ho'aa (siraaja) taasise.

وَٱللَّهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ نَبَاتٗا﴿١٧

17Rabbiin biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche.

ثُمَّ يُعِيدُكُمۡ فِيهَا وَيُخۡرِجُكُمۡ إِخۡرَاجٗا﴿١٨

18Ergasii ishee keessatti isin deebisa, baasuus isin baasa.

وَٱللَّهُ جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ بِسَاطٗا﴿١٩

19Rabbiin dachii afata isiniif godhe.

لِّتَسۡلُكُواْ مِنۡهَا سُبُلٗا فِجَاجٗا﴿٢٠

20Akka isin ishee irraa karaalee babal'aa seentaniif.

قَالَ نُوحٞ رَّبِّ إِنَّهُمۡ عَصَوۡنِي وَٱتَّبَعُواْ مَن لَّمۡ يَزِدۡهُ مَالُهُۥ وَوَلَدُهُۥٓ إِلَّا خَسَارٗا﴿٢١

21Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Isaan ajaja kiyya didanii, nama qabeenyi isaatiifi ilmaan isaa hoonga’iinsa malee homaa isaaf hin daballe hordofan.

وَمَكَرُواْ مَكۡرٗا كُبَّارٗا﴿٢٢

22Shira gurguddaa shiran.

وَقَالُواْ لَا تَذَرُنَّ ءَالِهَتَكُمۡ وَلَا تَذَرُنَّ وَدّٗا وَلَا سُوَاعٗا وَلَا يَغُوثَ وَيَعُوقَ وَنَسۡرٗا﴿٢٣

23‘Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; waddi, suwaa'i, yaghuus, ya'uuqiifi nasriinis hin dhiisinaa' (waliin) jedhan.

وَقَدۡ أَضَلُّواْ كَثِيرٗاۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا ضَلَٰلٗا﴿٢٤

24Dhugumatti, (namoota) baay'ee jallisaniiru. Miidhaa raawwattootaaf jallinna malee hin dabalin.”

مِّمَّا خَطِيٓـَٰٔتِهِمۡ أُغۡرِقُواْ فَأُدۡخِلُواْ نَارٗا فَلَمۡ يَجِدُواْ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ أَنصَارٗا﴿٢٥

25Diliiwwan isaanii irraa kan ka'e, bishaaniin nyaachifaman, ibidda seensifaman. Rabbiin alatti tumsitoota isaaniif hin arganne.

وَقَالَ نُوحٞ رَّبِّ لَا تَذَرۡ عَلَى ٱلۡأَرۡضِ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ دَيَّارًا﴿٢٦

26Nuuhiin ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Kaafiroota irraa nama tokkollee dachii irratti hin dhiisin.

إِنَّكَ إِن تَذَرۡهُمۡ يُضِلُّواْ عِبَادَكَ وَلَا يَلِدُوٓاْ إِلَّا فَاجِرٗا كَفَّارٗا﴿٢٧

27Yoo Ati isaan hambifte gabroota Kee jallisu; dilaawoo akkaan kaafira ta'e malees hin dhalan (hin horan).

رَّبِّ ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِمَن دَخَلَ بَيۡتِيَ مُؤۡمِنٗا وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۖ وَلَا تَزِدِ ٱلظَّٰلِمِينَ إِلَّا تَبَارَۢا﴿٢٨

28Gooftaa kiyya! Anaaf, araarami abbaafi haadha kiyyaafis, nama mu’umina ta'ee mana kiyya seeneefis, mu'uminootaafi mu'umintittiifis (araarami). Kaafirootaaf badii malee hin dabalin.”

RELATED SURAHS