As-Saffat

الصافات

Those Ranged in Ranks182 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلصَّٰٓفَّٰتِ صَفّٗا﴿١

1(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)

فَٱلزَّٰجِرَٰتِ زَجۡرٗا﴿٢

2(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis

فَٱلتَّٰلِيَٰتِ ذِكۡرًا﴿٣

3(Isaan Qur’aana) dubbisiinsa dubbisaniinis.

إِنَّ إِلَٰهَكُمۡ لَوَٰحِدٞ﴿٤

4Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha

رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَرَبُّ ٱلۡمَشَٰرِقِ﴿٥

5(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Gooftaa bahoowwanitis.

إِنَّا زَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِزِينَةٍ ٱلۡكَوَاكِبِ﴿٦

6Nuti samii addunyaa faaya urjiileetiin miidhagsineerra.

وَحِفۡظٗا مِّن كُلِّ شَيۡطَٰنٖ مَّارِدٖ﴿٧

7Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)

لَّا يَسَّمَّعُونَ إِلَى ٱلۡمَلَإِ ٱلۡأَعۡلَىٰ وَيُقۡذَفُونَ مِن كُلِّ جَانِبٖ﴿٨

8Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanu. Gama hunda irraa (urjiin) darbataman.

دُحُورٗاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٞ وَاصِبٌ﴿٩

9Ari’amuuf jecha (darbatamu) Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira.

إِلَّا مَنۡ خَطِفَ ٱلۡخَطۡفَةَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٞ ثَاقِبٞ﴿١٠

10Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa (fulla'aa) ta’e isa hordofe malee.

فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَهُمۡ أَشَدُّ خَلۡقًا أَم مَّنۡ خَلَقۡنَآۚ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّن طِينٖ لَّازِبِۭ﴿١١

11Mee Isaan gaafadhu, Uumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne.

بَلۡ عَجِبۡتَ وَيَسۡخَرُونَ﴿١٢

12Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.

وَإِذَا ذُكِّرُواْ لَا يَذۡكُرُونَ﴿١٣

13Yeroo gorfamanis hin gorfamanu.

وَإِذَا رَأَوۡاْ ءَايَةٗ يَسۡتَسۡخِرُونَ﴿١٤

14Yeroo mallattoo arganis ni baacu.

وَقَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ مُّبِينٌ﴿١٥

15“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan.

أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ﴿١٦

16“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamoodhaa?

أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ﴿١٧

17Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?

قُلۡ نَعَمۡ وَأَنتُمۡ دَٰخِرُونَ﴿١٨

18(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.

فَإِنَّمَا هِيَ زَجۡرَةٞ وَٰحِدَةٞ فَإِذَا هُمۡ يَنظُرُونَ﴿١٩

19Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu.

وَقَالُواْ يَٰوَيۡلَنَا هَٰذَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ﴿٢٠

20“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan.

هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ﴿٢١

21“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama).

۞ ٱحۡشُرُواْ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ وَأَزۡوَٰجَهُمۡ وَمَا كَانُواْ يَعۡبُدُونَ﴿٢٢

22“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)

مِن دُونِ ٱللَّهِ فَٱهۡدُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡجَحِيمِ﴿٢٣

23“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.

وَقِفُوهُمۡۖ إِنَّهُم مَّسۡـُٔولُونَ﴿٢٤

24Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu.

مَا لَكُمۡ لَا تَنَاصَرُونَ﴿٢٥

25Sila maal taataniiti waliif hin tumsine?”

بَلۡ هُمُ ٱلۡيَوۡمَ مُسۡتَسۡلِمُونَ﴿٢٦

26Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha.

وَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ﴿٢٧

27Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu.

قَالُوٓاْ إِنَّكُمۡ كُنتُمۡ تَأۡتُونَنَا عَنِ ٱلۡيَمِينِ﴿٢٨

28Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”

قَالُواْ بَل لَّمۡ تَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ﴿٢٩

29Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini.

وَمَا كَانَ لَنَا عَلَيۡكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭۖ بَلۡ كُنتُمۡ قَوۡمٗا طَٰغِينَ﴿٣٠

30Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turre. Garuu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”

فَحَقَّ عَلَيۡنَا قَوۡلُ رَبِّنَآۖ إِنَّا لَذَآئِقُونَ﴿٣١

31Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha.

فَأَغۡوَيۡنَٰكُمۡ إِنَّا كُنَّا غَٰوِينَ﴿٣٢

32Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].

فَإِنَّهُمۡ يَوۡمَئِذٖ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ﴿٣٣

33Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha.

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ﴿٣٤

34Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.

إِنَّهُمۡ كَانُوٓاْ إِذَا قِيلَ لَهُمۡ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ يَسۡتَكۡبِرُونَ﴿٣٥

35Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.

وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُوٓاْ ءَالِهَتِنَا لِشَاعِرٖ مَّجۡنُونِۭ﴿٣٦

36“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.

بَلۡ جَآءَ بِٱلۡحَقِّ وَصَدَّقَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿٣٧

37Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse.

إِنَّكُمۡ لَذَآئِقُواْ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَلِيمِ﴿٣٨

38Isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.

وَمَا تُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ﴿٣٩

39Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan.

إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ﴿٤٠

40gabroottan Rabbii qulqulluu malee.

أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ رِزۡقٞ مَّعۡلُومٞ﴿٤١

41Warri sun hiree (kennaa) beekamaa ta’etu isaaniif jira.

فَوَٰكِهُ وَهُم مُّكۡرَمُونَ﴿٤٢

42kabajamoo ta’anii fuduraaleen isaaniif taatuudha.

فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ﴿٤٣

43Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).

عَلَىٰ سُرُرٖ مُّتَقَٰبِلِينَ﴿٤٤

44Haala walitti gara galoo ta’aniin sireewwan irratti ta’u.

يُطَافُ عَلَيۡهِم بِكَأۡسٖ مِّن مَّعِينِۭ﴿٤٥

45Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama.

بَيۡضَآءَ لَذَّةٖ لِّلشَّٰرِبِينَ﴿٤٦

46Adii, warra dhuganiif mi’ooytuu kan taate.

لَا فِيهَا غَوۡلٞ وَلَا هُمۡ عَنۡهَا يُنزَفُونَ﴿٤٧

47Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis.

وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ عِينٞ﴿٤٨

48Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira.

كَأَنَّهُنَّ بَيۡضٞ مَّكۡنُونٞ﴿٤٩

49Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.

فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ يَتَسَآءَلُونَ﴿٥٠

50Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu.

قَالَ قَآئِلٞ مِّنۡهُمۡ إِنِّي كَانَ لِي قَرِينٞ﴿٥١

51Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.

يَقُولُ أَءِنَّكَ لَمِنَ ٱلۡمُصَدِّقِينَ﴿٥٢

52Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu.

أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَدِينُونَ﴿٥٣

53“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”

قَالَ هَلۡ أَنتُم مُّطَّلِعُونَ﴿٥٤

54Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”

فَٱطَّلَعَ فَرَءَاهُ فِي سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ﴿٥٥

55Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge.

قَالَ تَٱللَّهِ إِن كِدتَّ لَتُرۡدِينِ﴿٥٦

56Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!

وَلَوۡلَا نِعۡمَةُ رَبِّي لَكُنتُ مِنَ ٱلۡمُحۡضَرِينَ﴿٥٧

57Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”

أَفَمَا نَحۡنُ بِمَيِّتِينَ﴿٥٨

58(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?

إِلَّا مَوۡتَتَنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ﴿٥٩

59Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ﴿٦٠

60Kun isumatu milkii guddaadha.

لِمِثۡلِ هَٰذَا فَلۡيَعۡمَلِ ٱلۡعَٰمِلُونَ﴿٦١

61Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu.

أَذَٰلِكَ خَيۡرٞ نُّزُلًا أَمۡ شَجَرَةُ ٱلزَّقُّومِ﴿٦٢

62Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?

إِنَّا جَعَلۡنَٰهَا فِتۡنَةٗ لِّلظَّٰلِمِينَ﴿٦٣

63Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.

إِنَّهَا شَجَرَةٞ تَخۡرُجُ فِيٓ أَصۡلِ ٱلۡجَحِيمِ﴿٦٤

64Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha.

طَلۡعُهَا كَأَنَّهُۥ رُءُوسُ ٱلشَّيَٰطِينِ﴿٦٥

65Firiin ishee akka mataalee sheyxaanotaati.

فَإِنَّهُمۡ لَأٓكِلُونَ مِنۡهَا فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ﴿٦٦

66Isaan ishee irraa nyaatanii garaalee isaanii ishee irraa guuttatu.

ثُمَّ إِنَّ لَهُمۡ عَلَيۡهَا لَشَوۡبٗا مِّنۡ حَمِيمٖ﴿٦٧

67Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira.

ثُمَّ إِنَّ مَرۡجِعَهُمۡ لَإِلَى ٱلۡجَحِيمِ﴿٦٨

68Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a.

إِنَّهُمۡ أَلۡفَوۡاْ ءَابَآءَهُمۡ ضَآلِّينَ﴿٦٩

69Isaan abbootii isaanii jallattoota argan.

فَهُمۡ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ يُهۡرَعُونَ﴿٧٠

70Isaan faanoowwan isaanii irra deemu.

وَلَقَدۡ ضَلَّ قَبۡلَهُمۡ أَكۡثَرُ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿٧١

71Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru.

وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا فِيهِم مُّنذِرِينَ﴿٧٢

72Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra.

فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ﴿٧٣

73Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali.

إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ﴿٧٤

74Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.

وَلَقَدۡ نَادَىٰنَا نُوحٞ فَلَنِعۡمَ ٱلۡمُجِيبُونَ﴿٧٥

75Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!

وَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥ مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ﴿٧٦

76Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine.

وَجَعَلۡنَا ذُرِّيَّتَهُۥ هُمُ ٱلۡبَاقِينَ﴿٧٧

77Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.

وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ﴿٧٨

78Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.

سَلَٰمٌ عَلَىٰ نُوحٖ فِي ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٧٩

79Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu.

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿٨٠

80Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿٨١

81Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.

ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ﴿٨٢

82Sana booda warra kaan ni dhidhimsiifne.

۞ وَإِنَّ مِن شِيعَتِهِۦ لَإِبۡرَٰهِيمَ﴿٨٣

83Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi.

إِذۡ جَآءَ رَبَّهُۥ بِقَلۡبٖ سَلِيمٍ﴿٨٤

84Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).

إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَاذَا تَعۡبُدُونَ﴿٨٥

85Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.

أَئِفۡكًا ءَالِهَةٗ دُونَ ٱللَّهِ تُرِيدُونَ﴿٨٦

86“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala godhachuu feetanii?

فَمَا ظَنُّكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٨٧

87Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”

فَنَظَرَ نَظۡرَةٗ فِي ٱلنُّجُومِ﴿٨٨

88Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.

فَقَالَ إِنِّي سَقِيمٞ﴿٨٩

89Ani dhukkubsataadha” jedhe.

فَتَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ مُدۡبِرِينَ﴿٩٠

90Isa irraa gara galanii deeman.

فَرَاغَ إِلَىٰٓ ءَالِهَتِهِمۡ فَقَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ﴿٩١

91Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.

مَا لَكُمۡ لَا تَنطِقُونَ﴿٩٢

92Maal taatanii hin dubbanne?

فَرَاغَ عَلَيۡهِمۡ ضَرۡبَۢا بِٱلۡيَمِينِ﴿٩٣

93Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.

فَأَقۡبَلُوٓاْ إِلَيۡهِ يَزِفُّونَ﴿٩٤

94(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.

قَالَ أَتَعۡبُدُونَ مَا تَنۡحِتُونَ﴿٩٥

95(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?

وَٱللَّهُ خَلَقَكُمۡ وَمَا تَعۡمَلُونَ﴿٩٦

96Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”

قَالُواْ ٱبۡنُواْ لَهُۥ بُنۡيَٰنٗا فَأَلۡقُوهُ فِي ٱلۡجَحِيمِ﴿٩٧

97(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”

فَأَرَادُواْ بِهِۦ كَيۡدٗا فَجَعَلۡنَٰهُمُ ٱلۡأَسۡفَلِينَ﴿٩٨

98Isaan shira isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.

وَقَالَ إِنِّي ذَاهِبٌ إِلَىٰ رَبِّي سَيَهۡدِينِ﴿٩٩

99Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.

رَبِّ هَبۡ لِي مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ﴿١٠٠

100(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”

فَبَشَّرۡنَٰهُ بِغُلَٰمٍ حَلِيمٖ﴿١٠١

101Ilma obsaadhaan isa gammachiifne.

فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعۡيَ قَالَ يَٰبُنَيَّ إِنِّيٓ أَرَىٰ فِي ٱلۡمَنَامِ أَنِّيٓ أَذۡبَحُكَ فَٱنظُرۡ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفۡعَلۡ مَا تُؤۡمَرُۖ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ﴿١٠٢

102Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani manaama keessatti kan si gorra’un arge. Waan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”

فَلَمَّآ أَسۡلَمَا وَتَلَّهُۥ لِلۡجَبِينِ﴿١٠٣

103Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.

وَنَٰدَيۡنَٰهُ أَن يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ﴿١٠٤

104Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne.

قَدۡ صَدَّقۡتَ ٱلرُّءۡيَآۚ إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿١٠٥

105“Abjuu (kee) dhugoomsiteetta. Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”

إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡبَلَٰٓؤُاْ ٱلۡمُبِينُ﴿١٠٦

106Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha.

وَفَدَيۡنَٰهُ بِذِبۡحٍ عَظِيمٖ﴿١٠٧

107Gorra’amaa guddaadhaan isa furre.

وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ﴿١٠٨

108Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.

سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِبۡرَٰهِيمَ﴿١٠٩

109Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu.

كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿١١٠

110Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina.

إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١١١

111Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.

وَبَشَّرۡنَٰهُ بِإِسۡحَٰقَ نَبِيّٗا مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ﴿١١٢

112Is-haaqiin isa gammachiifne, nabiyyii warra gaggaarii irraa kan tae.

وَبَٰرَكۡنَا عَلَيۡهِ وَعَلَىٰٓ إِسۡحَٰقَۚ وَمِن ذُرِّيَّتِهِمَا مُحۡسِنٞ وَظَالِمٞ لِّنَفۡسِهِۦ مُبِينٞ﴿١١٣

113Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa goone. Sanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.

وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ﴿١١٤

114Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra.

وَنَجَّيۡنَٰهُمَا وَقَوۡمَهُمَا مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ﴿١١٥

115Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.

وَنَصَرۡنَٰهُمۡ فَكَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ﴿١١٦

116Isaaniif tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’an.

وَءَاتَيۡنَٰهُمَا ٱلۡكِتَٰبَ ٱلۡمُسۡتَبِينَ﴿١١٧

117Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine.

وَهَدَيۡنَٰهُمَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ﴿١١٨

118Karaa qajeelaa isaan qajeelchine.

وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِمَا فِي ٱلۡأٓخِرِينَ﴿١١٩

119Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

سَلَٰمٌ عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ﴿١٢٠

120Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu.

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿١٢١

121Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

إِنَّهُمَا مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١٢٢

122Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.

وَإِنَّ إِلۡيَاسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٢٣

123Ilyaasis ergamtoota irraayi.

إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَلَا تَتَّقُونَ﴿١٢٤

124Yeroo ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?

أَتَدۡعُونَ بَعۡلٗا وَتَذَرُونَ أَحۡسَنَ ٱلۡخَٰلِقِينَ﴿١٢٥

125Sila ‘Ba’al’ gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?[1]

ٱللَّهَ رَبَّكُمۡ وَرَبَّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٢٦

126Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”

فَكَذَّبُوهُ فَإِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ﴿١٢٧

127Isa sobsiisan. Kanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.

إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ﴿١٢٨

128Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.

وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ﴿١٢٩

129Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِلۡ يَاسِينَ﴿١٣٠

130Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu.

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿١٣١

131Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿١٣٢

132Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi.

وَإِنَّ لُوطٗا لَّمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٣٣

133Luuxiis ergamtoota irraayi.

إِذۡ نَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ﴿١٣٤

134Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].

إِلَّا عَجُوزٗا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ﴿١٣٥

135Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.

ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ﴿١٣٦

136Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.

وَإِنَّكُمۡ لَتَمُرُّونَ عَلَيۡهِم مُّصۡبِحِينَ﴿١٣٧

137Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.

وَبِٱلَّيۡلِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ﴿١٣٨

138Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?

وَإِنَّ يُونُسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٣٩

139Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi.

إِذۡ أَبَقَ إِلَى ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ﴿١٤٠

140Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].

فَسَاهَمَ فَكَانَ مِنَ ٱلۡمُدۡحَضِينَ﴿١٤١

141(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.

فَٱلۡتَقَمَهُ ٱلۡحُوتُ وَهُوَ مُلِيمٞ﴿١٤٢

142Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse.

فَلَوۡلَآ أَنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلۡمُسَبِّحِينَ﴿١٤٣

143Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan [1] irraa ta’uu baatee;

لَلَبِثَ فِي بَطۡنِهِۦٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ﴿١٤٤

144Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.

۞ فَنَبَذۡنَٰهُ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ سَقِيمٞ﴿١٤٥

145Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.

وَأَنۢبَتۡنَا عَلَيۡهِ شَجَرَةٗ مِّن يَقۡطِينٖ﴿١٤٦

146Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine.

وَأَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ مِاْئَةِ أَلۡفٍ أَوۡ يَزِيدُونَ﴿١٤٧

147Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine.

فَـَٔامَنُواْ فَمَتَّعۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ حِينٖ﴿١٤٨

148Ni amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne

فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَلِرَبِّكَ ٱلۡبَنَاتُ وَلَهُمُ ٱلۡبَنُونَ﴿١٤٩

149(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmoon dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”

أَمۡ خَلَقۡنَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِنَٰثٗا وَهُمۡ شَٰهِدُونَ﴿١٥٠

150Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee?

أَلَآ إِنَّهُم مِّنۡ إِفۡكِهِمۡ لَيَقُولُونَ﴿١٥١

151Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu.

وَلَدَ ٱللَّهُ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ﴿١٥٢

152“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.

أَصۡطَفَى ٱلۡبَنَاتِ عَلَى ٱلۡبَنِينَ﴿١٥٣

153Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?

مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ﴿١٥٤

154Maal taatan? Akkamitti murteessitan?

أَفَلَا تَذَكَّرُونَ﴿١٥٥

155Sila hin gorfamtanuu?

أَمۡ لَكُمۡ سُلۡطَٰنٞ مُّبِينٞ﴿١٥٦

156Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira?

فَأۡتُواْ بِكِتَٰبِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ﴿١٥٧

157Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa.

وَجَعَلُواْ بَيۡنَهُۥ وَبَيۡنَ ٱلۡجِنَّةِ نَسَبٗاۚ وَلَقَدۡ عَلِمَتِ ٱلۡجِنَّةُ إِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ﴿١٥٨

158Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhan. Malaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru.

سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ﴿١٥٩

159Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.

إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ﴿١٦٠

160Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).

فَإِنَّكُمۡ وَمَا تَعۡبُدُونَ﴿١٦١

161Isiniifi wantoonni isin gabbartan.

مَآ أَنتُمۡ عَلَيۡهِ بِفَٰتِنِينَ﴿١٦٢

162Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.

إِلَّا مَنۡ هُوَ صَالِ ٱلۡجَحِيمِ﴿١٦٣

163Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee.

وَمَا مِنَّآ إِلَّا لَهُۥ مَقَامٞ مَّعۡلُومٞ﴿١٦٤

164Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu.

وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلصَّآفُّونَ﴿١٦٥

165.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.

وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡمُسَبِّحُونَ﴿١٦٦

166Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.

وَإِن كَانُواْ لَيَقُولُونَ﴿١٦٧

167Isaan (mushrikoonni) ni jedhu:

لَوۡ أَنَّ عِندَنَا ذِكۡرٗا مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٦٨

168“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee,

لَكُنَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ﴿١٦٩

169Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”

فَكَفَرُواْ بِهِۦۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ﴿١٧٠

170(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaran. Fuula dura beekuuf jiraatu.

وَلَقَدۡ سَبَقَتۡ كَلِمَتُنَا لِعِبَادِنَا ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٧١

171Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.

إِنَّهُمۡ لَهُمُ ٱلۡمَنصُورُونَ﴿١٧٢

172Isaan isaanumatu tumsamoodha.

وَإِنَّ جُندَنَا لَهُمُ ٱلۡغَٰلِبُونَ﴿١٧٣

173Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte).

فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٖ﴿١٧٤

174(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.

وَأَبۡصِرۡهُمۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ﴿١٧٥

175Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ﴿١٧٦

176Sila adabbii keenya jarjarfatanii?

فَإِذَا نَزَلَ بِسَاحَتِهِمۡ فَسَآءَ صَبَاحُ ٱلۡمُنذَرِينَ﴿١٧٧

177Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.

وَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٖ﴿١٧٨

178(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.

وَأَبۡصِرۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ﴿١٧٩

179Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

سُبۡحَٰنَ رَبِّكَ رَبِّ ٱلۡعِزَّةِ عَمَّا يَصِفُونَ﴿١٨٠

180Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.

وَسَلَٰمٌ عَلَى ٱلۡمُرۡسَلِينَ﴿١٨١

181Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu.

وَٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿١٨٢

182Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.

RELATED SURAHS