ص
Sad • 88 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Saad Qur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)!
2Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.
3Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirra. Yeroo baqaaf hin taane walitti lallaban.
4Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, kaafirtoonni ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha.
5Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
6Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “deemaa gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha" (waliin jedhan).
7Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenye. Kun waanuma haara’a uumame malee homaa miti."
8Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiru. Garuu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran).
9Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?
10Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaalee keessaan (gara samii) ol haa ba’anii.
11Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo (dha). Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru).
12Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa tae (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.
13Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru) Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha).
14Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafne. Kanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.
15Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.
16Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
17Waan isaan jedhan irratti obsi. Gabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhu. Inni akkaan tawbataa ture.
18Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.
19Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra). Hunduu gara Isaa deebi’oodha.
20Mootummaa isaa jabeessinee jirra. Hikmaa (nabiyyummaa) fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.
21Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?
22Yeroo isaan daawud irratti seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedha. Kanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessi. Hin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.
23kun obboleessa kiyya, Isaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jira. Anaaf immoo hoolaa dhaltuu takka qofatu jira. “Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse.
24(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa tee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jira. Dhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan malee Isaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e.
25(Nutis) sana isaaf araaramne. Dhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.
26Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirra. gidduu namootaatti dhugaan murteessi. fedha lubbuu hin hordofin karaa Rabbii irraa si jallisaa. Dhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira.
27Samii, dachiifi wantoota gidduu lamaan isaanii jiran, taphaaf hin uumne. Sun sehaa warra kafaraniiti. Isaan kafaraniif laga ibidda irraa ta’etu jira.
28Sila isaan amananii, toltuuwwan dalagan akka warra dachii keessatti balleessa dalaganii ni goonaa? Moo Warra Allaah sodaatan akka warra yakkamoo ni taasifnaa?
29(Kun) kitaaba gara keetti isa buufneedha. Barakeeffamaadha. akka isaan keeyyattoota isaa xiinxalaniifi akka warri sammuulee qaban ittiin gorfamuuf jecha.
30Daawuudiif Suleeymaaniin kennine. Gabricha akkam tole! Inni akkaan tawbataadha.
31Waaree booda faradoon leenjifamoon, fiigichatti cimoo ta’an yeroo isa irra fidaman (dubbadhu).
32Ni jedhe: “ani jaalala qabeenyaa (fardaa) yaadannoo Gooftaa kiyyaa caalaa jaaladhe. hanga aduun (dukkana halkaniitiin) dhokattutti.
33Isaan kana gara kiyya deebisaa” (jedhee), battalumatti lukaafi morma isaanii mummuruutti seene.
34Dhugumatti Suleeymaaniin mokkorre. Siree isaa irratti qaama (laafaa) darbine. Eegasii ( tawbaa) deebi’e.
35Ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Naaf araarami; aangoo ana booda eenyuufillee hin malles naaf kenni. Dhugumatti, Ati situ akkaan kennaadha.”
36Qilleensa isaaf laaffifnee, ajaja isaatiin laaftuu taatee gara inni fedhetti deemti.
37Shayxaanotas isaan akkaan ijaaraniifi bishaan keessa akkaan lixan hunda (isaaf laaffifne).
38Warri biroos kan diriin walitti hidhaman (isaaf laaffifne).
39“Kun kennaa keenyaa, kenni! yookiin dhorgadhu! Herreegaan maletti” (janneen).
40Dhugumatti, isaaf Nu bira dhihaannaafi deebii gaarii ta’etu jira.
41Gabricha keenya Ayyuubiin dubbadhu yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “shayxaanni rakkinaafi adabaan na tuqee jira” (jedhe).
42(Rabbiin): “Dachii miila keetiin rukuti, Kun (bishaan) qabbanaa’aa dhiqataafi dhugaatiif oolu” (jedheen).
43Maatii isaa (deebifnee) isaaf kenninee, fakkaataa isaaniis (isaaf daballe). Rahmata nubiraa taheefii, gorsa warra sammuu qabaniif jecha.
44“Harka keetiinis harcummee qabii (niitii kee) isaan rukuti; Waadaa (kee) hin cabsin” (jenneen). (isa mokkorreeti) obsaa ta’uu isa agarre. Gabricha akkam gaarii ta’e! inni akkaan tawbaa deebi’aadha.
45Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu.
46Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha.
47Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi.
48Ismaa’il, Yasa’iifi Zulkifliinis dubbadhu; (isaan) hunduu filatamtoota irraayi.
49Kuni (isaaniif) faaruudha. Isaan Rabbiin sodaataniif deebii gaariitu jira.
50Jannata qubsumaa kan balballoonni isaaniif banaa ta’antu jira.
51Ishee keessa (siree irratti) hirkatanii jiraatu. Ishee keessatti fuduraalee baay’eefi dhugaatiis ni waammatu.
52Dubartoota (nama biraa ilaaluu irraa) ija gabaabsan, kan umriin isaanii wal qixa ta’etu isaan bira jira.
53Kun waan guyyaa herregaatiif beellama godhamtaniidha.
54Kun kennaa keenyaa, dhumti isaaf hin jiru.
55Kun (kan mu’uminootaati) Daangaa dabartootaaf immoo deebii hamaa ta’etu jira.
56Jahannama ishee seenantu jira. Afatichi waa fokkate!
57Kuni bishaan danfaafi malaadhaa, haa dhandhamanu.
58[Adabbiin] biraa fakkaataa isaa [kan duraa] ta’e gosa baay’eetu jira.
59Kuni garee isinii waliin ibidda seenaniidha” (maleykaan jettiin) “Simannaan gaariin isaaniif hin ta’in, isaanis (numaa waliin) ibidda seenoodha” (matootiin jedhan).
60(Hordoftoonnis) ni jedhu: “Isinis simannaan gaariin isiniif hin godhamin. Isintu karaa kan nuuf godhee (isin hordofne).” Iddoon teessumaa waa fokkatee!
61Ni jedhu: “Gooftaa keenya! nama kana karaa nuuf godhe ibidda keessatti adabbii dachaa ta’e isaaf dabali.”
62(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?
63(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijoowantu isaan irraa nu dabe?”
64Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.
65“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.
66Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee.
67Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.
68Isin isa irraa garagaltani.
69Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.
70Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
71Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].
72“yeroo isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufe isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).
73Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an.
74Ibliis malee (sujuuda dide) boonee, kaafiroota irraa ta’e.
75(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
76(Ibliis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
77(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati (rahmata irraa) fageeffamaadha.
78Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
79(Ibliis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
80(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.
81“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
82(Ibliis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa.
83Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
84(Rabbiin) ni jedhe: “Egaa dhugaan (Ana irraayi), Ani dhugumaan jedha.
85Jahannamiin siifi isaan irraa namoota si hordofan hundaaniin guuta.”
86(Yaa Muhammad!) jedhi: “(Qur’aana) kana irratti mindaa isin hin gaafadhu. Ani warra of dirqan irraayis miti.
87Inni gorsa aalama hundaati malee waanbiraa miti.
88Dhugumatti, oduu isaa yeroo booda beekuuf jirtu.”