Adh-Dhariyat

الذاريات

The Scattering Winds60 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلذَّٰرِيَٰتِ ذَرۡوٗا﴿١

1(Qilleensa) bubbisiinsa bubbiftuunin kakadha.

فَٱلۡحَٰمِلَٰتِ وِقۡرٗا﴿٢

2(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis.

فَٱلۡجَٰرِيَٰتِ يُسۡرٗا﴿٣

3(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis.

فَٱلۡمُقَسِّمَٰتِ أَمۡرًا﴿٤

4(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis.

إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقٞ﴿٥

5Wanti isin beellamamtan dhugaadha.

وَإِنَّ ٱلدِّينَ لَوَٰقِعٞ﴿٦

6Murtiin argamaadha.

وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ﴿٧

7Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe.

إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٖ مُّخۡتَلِفٖ﴿٨

8Isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu.

يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ﴿٩

9Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.

قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ﴿١٠

10Sobdoonni abaaramaniiru.

ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٖ سَاهُونَ﴿١١

11Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.

يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ﴿١٢

12“Guyyaan galataa yoomi?” (jechuun) gaafatu.

يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ﴿١٣

13(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).

ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ﴿١٤

14“Adaba keessan dhandhamaa, kun ka isa jarjarsiifachaa turtani ” (isaaniin jedhama).

إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ﴿١٥

15Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.

ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ﴿١٦

16Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhatoodha, Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan.

كَانُواْ قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ﴿١٧

17Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.

وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ﴿١٨

18Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhatan.

وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ﴿١٩

19qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jira.

وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٞ لِّلۡمُوقِنِينَ﴿٢٠

20Dachii keessa mu'imintootaaf mallattooleetu jiru.

وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ﴿٢١

21Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?

وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ﴿٢٢

22Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.

فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقّٞ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ﴿٢٣

23Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti.

هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ﴿٢٤

24Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa?

إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ﴿٢٥

25Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.

فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٖ سَمِينٖ﴿٢٦

26Gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe.

فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ﴿٢٧

27Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.

فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ﴿٢٨

28Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.

فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٖ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٞ﴿٢٩

29Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.

قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ﴿٣٠

30(Maleykonni) ni jedhan: akka kana Rabbiin kee jedhe inni isaatu ogeessa beekaadha.

۞ قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ﴿٣١

31(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! dubbiin keessan maali?”

قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٖ مُّجۡرِمِينَ﴿٣٢

32[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne.

لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةٗ مِّن طِينٖ﴿٣٣

33Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).”

مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ﴿٣٤

34Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan milikitoomfamte haala taateen.

فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿٣٥

35Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne.

فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتٖ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ﴿٣٦

36ishee keessatti homaa hin argine Mana Muslimtootaa irraa ta’e tokko malee.

وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةٗ لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ﴿٣٧

37Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra.

وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ﴿٣٨

38(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra).

فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٞ﴿٣٩

39(Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee, “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe.

فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٞ﴿٤٠

40Isaafi waraana isaas qabnee. galaana keessatti isaan darbine haala inni komatamaa ta’een.

وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ﴿٤١

41(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira).

مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ﴿٤٢

42Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu.

وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينٖ﴿٤٣

43(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira).

فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ﴿٤٤

44Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonan. iyyansi (dhumti) isaan qabatte Odoo isaan ilaalanuu .

فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامٖ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ﴿٤٥

45Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane.

وَقَوۡمَ نُوحٖ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ﴿٤٦

46Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra). isaan ummata finciltoota turan.

وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٖ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ﴿٤٧

47Samiis humnaan ishee ijaarre. Dhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha.

وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ﴿٤٨

48Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle!

وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ﴿٤٩

49Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne.

فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ﴿٥٠

50Gara Rabbii baqadhaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.

وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٞ مُّبِينٞ﴿٥١

51Allaah wajjini gabbaramaa biraa hin taasisinaa. Ani Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha.

كَذَٰلِكَ مَآ أَتَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُواْ سَاحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ﴿٥٢

52Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee.

أَتَوَاصَوۡاْ بِهِۦۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٞ طَاغُونَ﴿٥٣

53Sila isa (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha.

فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ فَمَآ أَنتَ بِمَلُومٖ﴿٥٤

54Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti.

وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ﴿٥٥

55Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.

وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ﴿٥٦

56Jinniifi ilma namaa haa na gabbaraniif malee hin uumne.

مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقٖ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ﴿٥٧

57Hiree homaatuu isaan irraa hin fedhu. Akka Ana nyaachisanis hin fedhu.

إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ﴿٥٨

58Rabbiin Isatu akkaan hiree kennaa, abbaa humna cimaati.

فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذَنُوبٗا مِّثۡلَ ذَنُوبِ أَصۡحَٰبِهِمۡ فَلَا يَسۡتَعۡجِلُونِ﴿٥٩

59Miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne.

فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن يَوۡمِهِمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ﴿٦٠

60Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera.

RELATED SURAHS