Qaf

ق

Qaf45 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

قٓۚ وَٱلۡقُرۡءَانِ ٱلۡمَجِيدِ﴿١

1Qaaf Qur’aana guddaanin (kakadha).

بَلۡ عَجِبُوٓاْ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٞ مِّنۡهُمۡ فَقَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا شَيۡءٌ عَجِيبٌ﴿٢

2Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan.

أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗاۖ ذَٰلِكَ رَجۡعُۢ بَعِيدٞ﴿٣

3“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu).

قَدۡ عَلِمۡنَا مَا تَنقُصُ ٱلۡأَرۡضُ مِنۡهُمۡۖ وَعِندَنَا كِتَٰبٌ حَفِيظُۢ﴿٤

4Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti tahee jira.

بَلۡ كَذَّبُواْ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ فَهُمۡ فِيٓ أَمۡرٖ مَّرِيجٍ﴿٥

5Dhugumatti isaan dhugaa sobsiisan yeroo inni isaanitti dhufu. Isaan dubbii wal makataa keessa jiru.

أَفَلَمۡ يَنظُرُوٓاْ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوۡقَهُمۡ كَيۡفَ بَنَيۡنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٖ﴿٦

6Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu hin ilaallee? akkamitti akka ishee ijaarreefi ishee miidhagsine, uraan homaatuu isiif hintaane.

وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجِۭ بَهِيجٖ﴿٧

7Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee, akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.

تَبۡصِرَةٗ وَذِكۡرَىٰ لِكُلِّ عَبۡدٖ مُّنِيبٖ﴿٨

8Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone).

وَنَزَّلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ مُّبَٰرَكٗا فَأَنۢبَتۡنَا بِهِۦ جَنَّٰتٖ وَحَبَّ ٱلۡحَصِيدِ﴿٩

9Samii irraas bishaan barakaa qabu buufne. isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine.

وَٱلنَّخۡلَ بَاسِقَٰتٖ لَّهَا طَلۡعٞ نَّضِيدٞ﴿١٠

10Hundee timiraa dhedheeroo, kan daraaraa dachaa (ni magarsine).

رِّزۡقٗا لِّلۡعِبَادِۖ وَأَحۡيَيۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗاۚ كَذَٰلِكَ ٱلۡخُرُوجُ﴿١١

11Hiree Gabrootanniitiif (buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Baafamuunis akkuma kana.

كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَأَصۡحَٰبُ ٱلرَّسِّ وَثَمُودُ﴿١٢

12Isaaniin dura ummanni Nuuh kijibsiifte, warri eelaatiifi Samuudis.

وَعَادٞ وَفِرۡعَوۡنُ وَإِخۡوَٰنُ لُوطٖ﴿١٣

13Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis (kijibsiisan).

وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ وَقَوۡمُ تُبَّعٖۚ كُلّٞ كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ﴿١٤

14Warri bosonaatiifi ummanni Tubba’is Hunduu ergamtoota sobsiisan, adabbiin (kiyya) isaanitti mirkanaa’e.

أَفَعَيِينَا بِٱلۡخَلۡقِ ٱلۡأَوَّلِۚ بَلۡ هُمۡ فِي لَبۡسٖ مِّنۡ خَلۡقٖ جَدِيدٖ﴿١٥

15Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru.

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ وَنَعۡلَمُ مَا تُوَسۡوِسُ بِهِۦ نَفۡسُهُۥۖ وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنۡ حَبۡلِ ٱلۡوَرِيدِ﴿١٦

16Nuti dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (dhamaa) irra gara isaatti dhihoodha.

إِذۡ يَتَلَقَّى ٱلۡمُتَلَقِّيَانِ عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ قَعِيدٞ﴿١٧

17Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (yaadachiisi).

مَّا يَلۡفِظُ مِن قَوۡلٍ إِلَّا لَدَيۡهِ رَقِيبٌ عَتِيدٞ﴿١٨

18Jecha tokkoyyuu hin dubbatu Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee .

وَجَآءَتۡ سَكۡرَةُ ٱلۡمَوۡتِ بِٱلۡحَقِّۖ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنۡهُ تَحِيدُ﴿١٩

19Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti. “Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan).

وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡوَعِيدِ﴿٢٠

20Xurumbaan ni afuufama; sun guyyaa sodaachisaati.

وَجَآءَتۡ كُلُّ نَفۡسٖ مَّعَهَا سَآئِقٞ وَشَهِيدٞ﴿٢١

21Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte.

لَّقَدۡ كُنتَ فِي غَفۡلَةٖ مِّنۡ هَٰذَا فَكَشَفۡنَا عَنكَ غِطَآءَكَ فَبَصَرُكَ ٱلۡيَوۡمَ حَدِيدٞ﴿٢٢

22“Ati kana irraa daguu keessa turte. Nuti haguuggaa kee sirraa kaafne. ijji kee har’a qara” (jedhamaan).

وَقَالَ قَرِينُهُۥ هَٰذَا مَا لَدَيَّ عَتِيدٌ﴿٢٣

23Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira dhihaataa tahee jiruudha.”

أَلۡقِيَا فِي جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٖ﴿٢٤

24Akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa.

مَّنَّاعٖ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٖ مُّرِيبٍ﴿٢٥

25(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa).

ٱلَّذِي جَعَلَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَأَلۡقِيَاهُ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلشَّدِيدِ﴿٢٦

26Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise azaaba cimaa keessa isa buusaa.

۞ قَالَ قَرِينُهُۥ رَبَّنَا مَآ أَطۡغَيۡتُهُۥ وَلَٰكِن كَانَ فِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٖ﴿٢٧

27Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani isa hin jallifne. Garuu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.”

قَالَ لَا تَخۡتَصِمُواْ لَدَيَّ وَقَدۡ قَدَّمۡتُ إِلَيۡكُم بِٱلۡوَعِيدِ﴿٢٨

28Rabbiin ni jedha,“Ana biratti wal hin falminaa, Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera.

مَا يُبَدَّلُ ٱلۡقَوۡلُ لَدَيَّ وَمَآ أَنَا۠ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ﴿٢٩

29Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Ani gabroota kiyya miidhaa miti.”

يَوۡمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ ٱمۡتَلَأۡتِ وَتَقُولُ هَلۡ مِن مَّزِيدٖ﴿٣٠

30Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (isaan sodaachidi.)

وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ غَيۡرَ بَعِيدٍ﴿٣١

31Jannanni dhiheeffamte namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin.

هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٖ﴿٣٢

32Kun waan waadaa galamtaniidha Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiif, (jedhama).

مَّنۡ خَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِ وَجَآءَ بِقَلۡبٖ مُّنِيبٍ﴿٣٣

33“Nama fagotti Rahmaan sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi (nidhihaatti).

ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٖۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُلُودِ﴿٣٤

34Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama).

لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيۡنَا مَزِيدٞ﴿٣٥

35Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jira, Nu bira daballis jira.

وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَشَدُّ مِنۡهُم بَطۡشٗا فَنَقَّبُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ هَلۡ مِن مَّحِيصٍ﴿٣٦

36Meeqaa meeqa balleessinee Isaan dura dhalootarraa? (baayyee), isaantu (warra balleeysineetu) humnaan isaan (ammaa kana) irra ciccimoodha. Biyya keessa fiigan (qoratan) “iddoo baqaan jiraa?” jechaa.

إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُۥ قَلۡبٌ أَوۡ أَلۡقَى ٱلسَّمۡعَ وَهُوَ شَهِيدٞ﴿٣٧

37San keessa yaadannootu jira, Nama onnee qabuuf yookin gurra itti kennuuf,haala yeroo (gorsa) irratti hirmaataa taheen.

وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٖ﴿٣٨

38Dhugumatti, Nuti samiileefi dachii, wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbirraa homtuu Nu hin tuqne.

فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ ٱلۡغُرُوبِ﴿٣٩

39Waan isaan jedhanu irratti obsi. galata Rabbii keetiitiin baha aduu duraafi lixa (ishee) dura faarsi.

وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَأَدۡبَٰرَ ٱلسُّجُودِ﴿٤٠

40Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (isa qulqulleessi).

وَٱسۡتَمِعۡ يَوۡمَ يُنَادِ ٱلۡمُنَادِ مِن مَّكَانٖ قَرِيبٖ﴿٤١

41Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabu dhaggeeffadhu.

يَوۡمَ يَسۡمَعُونَ ٱلصَّيۡحَةَ بِٱلۡحَقِّۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُرُوجِ﴿٤٢

42Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati.

إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَإِلَيۡنَا ٱلۡمَصِيرُ﴿٤٣

43Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya.

يَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلۡأَرۡضُ عَنۡهُمۡ سِرَاعٗاۚ ذَٰلِكَ حَشۡرٌ عَلَيۡنَا يَسِيرٞ﴿٤٤

44Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya). Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha.

نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِجَبَّارٖۖ فَذَكِّرۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مَن يَخَافُ وَعِيدِ﴿٤٥

45Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniiti. Ati isaan irratti moosifamaa hin taane. Nama adabbii (kiyya) sodaatu Qur’aanaan gorsi.

RELATED SURAHS