النجم
The Star • 62 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).
2Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
3Fedha lubbuu irraas hin haasa’u.
4Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
5(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
6Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
7Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e).
8Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
9Hanga (fageenya) qabannaa gooboo (dagaanaa) lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e. [1]
10Gara gabricha Isaatti (Rabbiitti) waan wahyii godhe wahyii godhe. [1]
11Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
12Sila ergasii waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormituu?
13Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
14Qurquraa dhumaa (samii torbaffaa) biratti arge.
15Ishee bira jannata qubsumaatu jira.
16Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
17Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
18Dhugumatti, inni mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
19Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
20Manaatiin kan sadaffaa duubatti haftuu taates (naaf himaa)?
21Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
22Isheen kun oggas qooda jalloodha.
23Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftani malee homaa miti. Rabbiin ragaa isheef hin buufne. Se’aafi waan lubbuuleen isaanii feetu feetu malee waan biraa hin hordofan. Dhugumaan qajeellloon Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
24Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
25Aakiraafi tanduraatis Rabbiif taate.
26meeqaa meeqaatu Maleeykota irraa samii keessa jiru? kan manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne, erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee.
27Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
28Isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Shakkii malee homaa hin hordofanu. Shakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
29Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali.
30Kun beekumsa irraa daangaa isaaniiti. Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadha. Inni nama qajeeles akkaan beekaadha.
31Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan Rabbiiti. Isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuuf isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
32Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidha. Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadha. Inni akkaan isin beeka yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaa haadha teessanii keessatti ulfa taatanii jirtan . Lubbuulee keessan hin qulqulleessinaa. Inni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
33Mee isa gara gale naaf himi?
34Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
35Sila beekumsi fagoottu isa bira jiraa? inni (isa) beekee?
36Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
37Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees.
38(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
39Namaaf waan hojjate malee hintaane.
40Hojiin isaa uf duratti ni mul'ata.
41Achii booda mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
42Xumurri (waan hundaas) gara Rabbii keetiitti.
43Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
44Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
45Inni cimdii lama, kormaafi dhalaa, uume.
46Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo (gadaamessaa keessatti) nagamtu.
47Uumuun boodaas isuma (Rabbuma) irra jira.
48Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
49Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
50Isumatu Aadii duraa balleesse.
51(Ummata) Samuudis hin hambifne.
52Ummata Nuuhis sana dura (balleesse) Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
53Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
54Wanti haguuge ishee haguuge.
55Ni’imaa Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
56Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
57Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatteetti.
58Rabbiin ala isheef mul’iftuun hin jirtu.
59Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
60Ni kolfituu! Hin boochanuu?
61Haala isin dagamoo taataniin (irraa garagaltuu)?
62Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa [1]