Al-Qamar

القمر

The Moon55 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱقۡتَرَبَتِ ٱلسَّاعَةُ وَٱنشَقَّ ٱلۡقَمَرُ﴿١

1Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.

وَإِن يَرَوۡاْ ءَايَةٗ يُعۡرِضُواْ وَيَقُولُواْ سِحۡرٞ مُّسۡتَمِرّٞ﴿٢

2Yeroo mallattoo argan gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.

وَكَذَّبُواْ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَهۡوَآءَهُمۡۚ وَكُلُّ أَمۡرٖ مُّسۡتَقِرّٞ﴿٣

3(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofu. Wanti hunduu galma ga’aadha.

وَلَقَدۡ جَآءَهُم مِّنَ ٱلۡأَنۢبَآءِ مَا فِيهِ مُزۡدَجَرٌ﴿٤

4Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.

حِكۡمَةُۢ بَٰلِغَةٞۖ فَمَا تُغۡنِ ٱلنُّذُرُ﴿٥

5Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.

فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡۘ يَوۡمَ يَدۡعُ ٱلدَّاعِ إِلَىٰ شَيۡءٖ نُّكُرٍ﴿٦

6Isaan irraa garagali Guyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).

خُشَّعًا أَبۡصَٰرُهُمۡ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ كَأَنَّهُمۡ جَرَادٞ مُّنتَشِرٞ﴿٧

7(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’an akka awwaannisa faca’ee fakkaatu.

مُّهۡطِعِينَ إِلَى ٱلدَّاعِۖ يَقُولُ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا يَوۡمٌ عَسِرٞ﴿٨

8Gara waamaatti ori’u Kaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.

۞ كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ فَكَذَّبُواْ عَبۡدَنَا وَقَالُواْ مَجۡنُونٞ وَٱزۡدُجِرَ﴿٩

9Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteera. Gabricha keenya (Nuuh) sobsiisan, “inni maraataa dhajedhan" rakkifame.

فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَغۡلُوبٞ فَٱنتَصِرۡ﴿١٠

10“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.

فَفَتَحۡنَآ أَبۡوَٰبَ ٱلسَّمَآءِ بِمَآءٖ مُّنۡهَمِرٖ﴿١١

11Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.

وَفَجَّرۡنَا ٱلۡأَرۡضَ عُيُونٗا فَٱلۡتَقَى ٱلۡمَآءُ عَلَىٰٓ أَمۡرٖ قَدۡ قُدِرَ﴿١٢

12Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.

وَحَمَلۡنَٰهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلۡوَٰحٖ وَدُسُرٖ﴿١٣

13Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa yaabbachiifne (feene).

تَجۡرِي بِأَعۡيُنِنَا جَزَآءٗ لِّمَن كَانَ كُفِرَ﴿١٤

14Tika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).

وَلَقَد تَّرَكۡنَٰهَآ ءَايَةٗ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿١٥

15Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?

فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿١٦

16(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿١٧

17Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerra gorfamaan jiraa?

كَذَّبَتۡ عَادٞ فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿١٨

18(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحٗا صَرۡصَرٗا فِي يَوۡمِ نَحۡسٖ مُّسۡتَمِرّٖ﴿١٩

19Nuti qilleensa qorraa isaanitti ergine guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa.

تَنزِعُ ٱلنَّاسَ كَأَنَّهُمۡ أَعۡجَازُ نَخۡلٖ مُّنقَعِرٖ﴿٢٠

20Nama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.

فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿٢١

21(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿٢٢

22Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirra. gorfamaan jiraa?

كَذَّبَتۡ ثَمُودُ بِٱلنُّذُرِ﴿٢٣

23(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.

فَقَالُوٓاْ أَبَشَرٗا مِّنَّا وَٰحِدٗا نَّتَّبِعُهُۥٓ إِنَّآ إِذٗا لَّفِي ضَلَٰلٖ وَسُعُرٍ﴿٢٤

24Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti yuggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.

أَءُلۡقِيَ ٱلذِّكۡرُ عَلَيۡهِ مِنۢ بَيۡنِنَا بَلۡ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٞ﴿٢٥

25Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.

سَيَعۡلَمُونَ غَدٗا مَّنِ ٱلۡكَذَّابُ ٱلۡأَشِرُ﴿٢٦

26Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.

إِنَّا مُرۡسِلُواْ ٱلنَّاقَةِ فِتۡنَةٗ لَّهُمۡ فَٱرۡتَقِبۡهُمۡ وَٱصۡطَبِرۡ﴿٢٧

27Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodha. Kanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.

وَنَبِّئۡهُمۡ أَنَّ ٱلۡمَآءَ قِسۡمَةُۢ بَيۡنَهُمۡۖ كُلُّ شِرۡبٖ مُّحۡتَضَرٞ﴿٢٨

28Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.

فَنَادَوۡاْ صَاحِبَهُمۡ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ﴿٢٩

29Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane.

فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿٣٠

30(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ فَكَانُواْ كَهَشِيمِ ٱلۡمُحۡتَظِرِ﴿٣١

31Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿٣٢

32Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطِۭ بِٱلنُّذُرِ﴿٣٣

33Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.

إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ حَاصِبًا إِلَّآ ءَالَ لُوطٖۖ نَّجَّيۡنَٰهُم بِسَحَرٖ﴿٣٤

34Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.

نِّعۡمَةٗ مِّنۡ عِندِنَاۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَن شَكَرَ﴿٣٥

35Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.

وَلَقَدۡ أَنذَرَهُم بَطۡشَتَنَا فَتَمَارَوۡاْ بِٱلنُّذُرِ﴿٣٦

36Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru.

وَلَقَدۡ رَٰوَدُوهُ عَن ضَيۡفِهِۦ فَطَمَسۡنَآ أَعۡيُنَهُمۡ فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿٣٧

37Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).

وَلَقَدۡ صَبَّحَهُم بُكۡرَةً عَذَابٞ مُّسۡتَقِرّٞ﴿٣٨

38Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.

فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ﴿٣٩

39Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).

وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿٤٠

40Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

وَلَقَدۡ جَآءَ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ ٱلنُّذُرُ﴿٤١

41Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera.

كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذۡنَٰهُمۡ أَخۡذَ عَزِيزٖ مُّقۡتَدِرٍ﴿٤٢

42Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.

أَكُفَّارُكُمۡ خَيۡرٞ مِّنۡ أُوْلَٰٓئِكُمۡ أَمۡ لَكُم بَرَآءَةٞ فِي ٱلزُّبُرِ﴿٤٣

43(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?

أَمۡ يَقُولُونَ نَحۡنُ جَمِيعٞ مُّنتَصِرٞ﴿٤٤

44Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.

سَيُهۡزَمُ ٱلۡجَمۡعُ وَيُوَلُّونَ ٱلدُّبُرَ﴿٤٥

45Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.

بَلِ ٱلسَّاعَةُ مَوۡعِدُهُمۡ وَٱلسَّاعَةُ أَدۡهَىٰ وَأَمَرُّ﴿٤٦

46Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.

إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي ضَلَٰلٖ وَسُعُرٖ﴿٤٧

47Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.

يَوۡمَ يُسۡحَبُونَ فِي ٱلنَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ ذُوقُواْ مَسَّ سَقَرَ﴿٤٨

48Guyyaa fuulleen isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).

إِنَّا كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَٰهُ بِقَدَرٖ﴿٤٩

49Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne.

وَمَآ أَمۡرُنَآ إِلَّا وَٰحِدَةٞ كَلَمۡحِۭ بِٱلۡبَصَرِ﴿٥٠

50Ajajni keenya waantaane takka malee akkuma liphsuu ijaa.

وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَآ أَشۡيَاعَكُمۡ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٖ﴿٥١

51Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?

وَكُلُّ شَيۡءٖ فَعَلُوهُ فِي ٱلزُّبُرِ﴿٥٢

52Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.

وَكُلُّ صَغِيرٖ وَكَبِيرٖ مُّسۡتَطَرٌ﴿٥٣

53Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.

إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَنَهَرٖ﴿٥٤

54Warri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.

فِي مَقۡعَدِ صِدۡقٍ عِندَ مَلِيكٖ مُّقۡتَدِرِۭ﴿٥٥

55Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.

RELATED SURAHS