الملك
The Sovereignty • 30 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1(Rabbiin) Inni mootummaan (waan hundaa) harka Isaa jiru tolli isaa baay'ate. Inni waan hunda irratti danda'aadha.
2(Rabbiin) Isa du'aafi jireenya uumeedha eenyuu keessantu irra toltuu akka hojjatu isin qoruuf jecha. Inni injifataa, araaramaadha.
3(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argitu. Mee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?
4Ergasii yeroo baay'ee ija deddeebisi; ijji (kee) hoonga'aa dadhabaa ta'ee gara kee deebi'a.
5Dhugumatti, samii addunyaa ibsaawwaniin (urjiiwwaniin) miidhagsineerra. Sheyxaanotaafis furguuggee ishee goone. Isaaniif adabbii ibidda boba'aa qopheessineerra.
6Isaan Gooftaa isaaniitti kafaraniif adabbii jahannamtu jira. Deebi’ichi waa fokkate!
7Yeroo ishee keessatti darbaman isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u,haala isheen danfuutti jirtuun.
8Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.
9Nijedhu "Eeyyeen; dhugumatti akeekkachiisaan nutti dhufeera; sobsiifneeti 'Rabbiin homaa hin buufne; isin jallina guddaa keessa jirtu' jenneen".
10Nijedhan "Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba'aa keessaa hin taanu turre".
11Dilii isaanii ni amanan. Warra ibidda (boba'aa)tiif (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa tahu!
12Warra Gooftaa isaanii fagootti sodaataniif araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
13Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
14Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.
15Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. Deebiin garuma Isaatti.
16Sila isa samii olii sodaa dhabdanii? dachii isiniin cichisiisuu, achumaan isheen sossooti.
17mmoo isa samii olii sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
18Dhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) najibbuu akkam tureree!
19Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.
20Sila innin sun ka Rahmaaniin achitti waraanaa isiniif ta'ee isin tumsuu eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessatti malee hintaane.
21Inni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan.
22Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu irra qajeelaadha?
23Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuuwwaniifi onneewwan isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
24Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
25Nijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?".
26Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
27Yeroma dhihoo ta'ee isa (beellamicha) argan fuulleen warra kafaranii fokkatte "Inni kun isa waammataa turtanii dha" jedhame
28Jedhi "Mee naaf himaa! yoo Rabbiin anaafi nama ana wajjin jiru balleesse yookiin rahmata nuuf godhe, namni kaafiroota adabbii laalessaa irraa baraaru eenyu?".
29Jedhi "Inni Rahmaani Isatti amanne; Isa irrattis hirkanne. Namni jallina ifa ta'e keessa jiru eenyu akka ta'e beekuuf jirtu".
30Jedhi: "Mee naaf himaa! odoo bishaan keessan dachii keessa gadi lixaa ta'ee eenyu bishaan yaa'u isiniif fida?"