التكاثر
The Rivalry in Worldly Increase • 8 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1(Qabeenya) Baay’ifachuun (ibaadaa irraa) isin jaataneesse (shaagale).
2Hanga awwaala dhaqxanitti (duutanitti).
3Dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
4Ergasiis dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
5Dhugumatti, odoo beekumsa mirkanaa’aa beektanii (hin shaagalamtanu ture).
6Dhugumatti ibidda ni argitu.
7Ergasii argaa mirkanaa’aa arguuf jirtu.
8Ergasii guyyaa san qananiilee irraa gaafatamuuf jirtu.