الجاثية
The Kneeling • 37 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Haa Miim.
2Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi.
3Samiileefi dachii keessa Dhugumatti mu’uminootaaf mallattooleetu jira.
4Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.
5Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi اhiree (rooba) irraa waan Rabbiin samirraa (duumeessarraa) buusee, dachii eega du'uu (goggogina) isheetii ittiin jiraachise (magarseefi) qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.
6(Yaa Muhammad!) tunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti ishee dubbifna. Sila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?
7Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.
8Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufa. adabbii laalessaan isa gammachiisi.
9Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhata. Warra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.
10Fuuldura isaanii jahannamtu jira. Wanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalalleewwan godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanu. Isaaniif adabbii guddaatu jira.
11(Qur’aanni) kun qajeelfama. Isaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, adabbii gubaa laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.
12Rabbiin Isa galaana isiniif laaffise sani akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deemtu, akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, akka Isa galateeffattaniif.
13Waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffise. Kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
14(Yaa Muhammad!) Warra amananiin, “warra guyyoota Rabbii hin sodaanneef dhiifama godhaa” jedhi. Akka Inni namootaaf waan isaan dalaganiin mindaa kennuuf (dhiifama godhaa).
15Namni toltuu hojjate lubbuma isaatiifi. Namni badii dalages isheedhuma irratti. Ergasii gara Gooftaa keessanii deebifamtu.
16Dhugumatti, ilmaan Israa’iliif kitaaba, seeraafii nabiyyummaas kennineerra. Wantoota gaggaarii irraas isaaniif kenninee, aalama (yeroo isaanii) hunda irras isaan caalchifne.
17Shari’aa irraas waan ifa ta’e isaaniif kannine. Erga beekumsi isaanitti dhufee booda malee (waan birootiif) wal hin dhabne, jibbansa gidduu isaanii jiruuf jecha. Dhugumatti, Gooftaan kee Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaanitti murteessa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.
18Ergasii seera ajaja (keenya) irraa ta’e irra si keenyee, ishee hordofi. Fedhaalee lubbuu warra homaa hin beeknee hin hordofin.
19Isaan homaa (adabbii) Rabbii irraa si hin duroomsan. Miidhaa hojjattoonni gariin isaanii jaalalleewwan gariiti. Rabbiin immoo jaalallee warra Isa sodaataniiti.
20(Qur’aanni) kun namootaaf beekumsa ifa ba’aadha. Warra dhugoomsaniif qajeelfamaafi rahmata.
21Sila warri hamtuulee hojjatan, akka warra amananii toltuu hojjatanii gochuu keenya yaadanii? jiraa isaaniitiifi du’aa isaaniitis walqixxeessinaa (yaadanii) Wanti isaan murteessan waa fokkate!
22Rabbiin samiileefi dachii haqaan uume, akka lubbuun hundi waan hojjatteen mindeeffamtuuf, Odoo isaan hin miidhamne.
23Sila agartee nama gabbaramaa isaa fedhii isaa godhate, kan Rabbiinisa jallisee beekumsarratti, dhageettii isaatiifi onnee isaa irratti cufee, ija isaa irrattis haguuggaa godhe. Erga Rabbiin (jallisee) booda eenyutu isa qajeelcha? Sila hin gorfamtanuu?
24Nijedhan “Jireenya keenya kan addunyaa malee isheen (jiruun biraa) hin jirtu. ni duuna; (gariin keenyas) ni jiraanna, zamana malee wanti nu balleessu hin jiru”. Waan kanatti beekumsa homaatuu isaaniif hintaane. Isaan se’oo malee hin taane.
25Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ba’anii isaan irratti dubbifaman, ragaan isaanii waa hintaane “yoo kan dhugaa dubbattan taataniif abbootii keenya fidaa” jechuu malee.
26(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Rabbumatu isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesa; ergasii Guyyaa Qiyaamaa keessatti walitti isin qaba. mamiin Isa keessa hin jiru. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.”
27Mootummaan samiifi dachii kan Rabbiiti. Guyyaa Qiyaaman dhaabbattu, guyyaa san warri dharaa ni hoonga’u.
28(Guyyaa san) ummata hunda jilbiiffatanii argita. Ummanni hunduu gara kitaaba isheetti waamamti. “Har’a waan dalagaa turtan mindeeffamtu” (isaaniin jedhama).
29Kun kitaaba keenya kan isin irratti dhugaan dubbatuudha. Dhugumatti, Nuti waan isin dalagaa turtan galmeessuu turre.
30Isaan amananii, toltuuwwan dalagan immoo Gooftaan isaanii rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Kun isumatu milkii ifa galaadha.
31Isaan kafaran immoo “sila keeyyatoonni Kiyya isin irratti dubbifamaa hin turree?, boontanii, ummata badoo taatan” (jedhamaan).
32Yeroo “waadaan Rabbii dhugaadha; Qiyaamaan (akka dhuftu) mamiin ishee keessa hin jiru” jedhame, “Qiyaamaan maal akka taate hin beeknu; mamii mamoo malee hintaane. Nuti dhugoomsoo hin taane” jettan.
33Hamtuun waan dalaganii ifa isaaniif bahe; wanti isaan itti qishnaa (qoosaa) turanis isaanitti bu'e.
34Ni jedhamaani: “ Har’a isin daganna (isin dhiifna) akkuma isin qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattanitti; teessoon keessanis ibidda; tumsitoonni isiniif hin jiranu.”
35Kun waan isin keeyyattoota Rabbii qishnaa (qoosaa) taasiiftaniifi, waan jiruun addunyaa isin gowwoomsiteefi, Har’a ishee (ibidda) irraa hin baafamanu; isaan ceephoos hin buufachiifamanu.
36Faaruun kan Rabbiiti Gooftaa samiileefi Gooftaa dachii, Gooftaa aalamootaa.
37Samiileefi dachii keessatti boonni Isumaafi. Inni injifataa, ogeessa.