الدخان
The Smoke • 59 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Haa Miim.
2Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha).
3Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufne. Nuti dinniinoo taaneerra.
4Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama.
5Ajaja nu biraa ta’e (ibsina) Nuti ergitoota taaneerra.
6Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne). Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
7(Rahmata) Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eeti. Yoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).
8Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeessas. (Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kanneen duraati.
9Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.
10Guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
11(Aarri kun) namoota haguuga. Kun adabbii laalessaadha.
12(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
13(erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata, Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu?
14Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraataadha” jedhan.
15Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
16Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
17Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirra. Ergamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.
18“gabroota Rabbii gara kiyya kennaa! Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa,” jechuun (isaanitti dhufe).
19“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jedheen.
20“Ani Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe akka (dhagaan tumtanii nan) ajjeefne
21Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
22Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe).
23(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi. isin hordofamtoota.
24Galaana akkuma banametti dhiisi. isaan waraana bishaaniin dhidhimfamoodha.”
25Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan.
26Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis.
27Qananii ishee keessatti gammadaa turanis.
28Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne.
29Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.
30Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.
31Fir’awni irraa (ni baraarsine). Inni boonaa, daangaa dabritoota irraa ta’eera.
32Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne.
33Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.
34Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu:
35“isheen tun hintaane Du’a teenya kan jalqabaa malee. Nuti (kana booda) kaafamoo miti.
36Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
37Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? isaan balleessine, Isaan yakkamtoota turan.
38Samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.
39Dhugaan malee isaan lachan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
40Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.
41Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.
42Nama Rabbiin rahmata godheef malee. Inni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
43Mukni ‘Zaqquum’
44Nyaata dilaawaati.
45Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa.
46Akka danfuu bishaan ho’aatti.
47(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.
48Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.
49Dhandhami; ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee!
50Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).
51Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessatti tahu.
52Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa.
53Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu .
54Akkuma kana dubra babbareedoo ija babala’aa isaan fuusifne.
55Isii keessattis fuduraalee hunda waammatu nagaa tahoodha.
56Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhaman. Rabbiin azaaba ibidda boba’aa irraa isaan tikse.
57Tola Gooftaa kee irraa ta’eef, Sun isumatu milkii guddaadha.
58isa (Qur’aana) afaan keetiin laaffifne Akka gorfamaniif jacha.
59(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.