الواقعة
The Event • 96 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) buute.
2Argama isheetiif kijibsiiftuun hin jirtu.
3Gadi qabduu, ol fuutuudha.
4Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte.
5(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
6Dhukkee facaafamtuu taate,
7(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
8(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
9(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
10(toltutti) dursitoonni (jannatatti) surditoota.
11Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
12Jannatoota qananii keessatti ta’u.
13Warra duraa irraa baay’eedha.
14Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
15Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
16Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti irkatoo tahanii.
17Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a.
18Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
19Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
20Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
21Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin.
22Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
23Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
24Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
25Isii (jannata) keessatti wacaafi wal yakkuu hin dhaga’an.
26“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
27Warri mirgaa; warra mirgaa (waa’een isaanii akkam tola!).
28(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
29Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
30Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
31Bishaan dhangala’u (biratti).
32Fuduraalee baay’ee (keessa).
33Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
34Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
35Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
36Dubroota isaan goone.
37Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
38Warreen mirgaatiif (qophaa’an).
39Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
40Warra boodaa irraahis baay’eedha.
41Warra bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
42Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
43Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
44(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
45Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
46Dilii guddaa itti fufu turan.
47“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan.
48“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
49“(Yaa Muhammad!) jedhiin isaan jalqabaatii fii isaan boodaas (ni kaafamu)”.
50Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
51Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
52Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
53Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
54Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
55Dhugaatii akka gaala dheebotee dhugdu.
56Kun keessummummaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
57Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
58Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
59Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
60Nutu du’a gidduu keessanitti murteesse. Nuti dadhabsiifamoo miti.
61Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
62Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
63Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
64Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
65Odoo feenee caccabaa goona. kan dinqisiifattan taatan.
66“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
67“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
68Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
69Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
70Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifna. Sila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
71Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
72Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
73Nuti isii (bidda tana) gorsaafi qananii imaltootaa goone.
74Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
75Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha.
76Inni odoo beektanii kakuu guddaadha.
77Inni Qur’aana kabajamaadha.
78Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
79Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
80Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
81Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
82(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
83sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
84Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
85Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee.
86Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
87Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
88Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
89(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
90Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
91Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
92Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
93Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
94Jahiim seenuutu isaaf jira.
95Inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
96Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).