الانفطار
The Cleaving • 19 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Yeroo samiin dhodhoote,
2Yeroo urjiiwwan harcaate,,
3Yeroo galaanonni walitti makaman,
4Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,
5(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi baada aansite ni beekti.
6Ati Yaa nama! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si dage?
7Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,
8Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?
9Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.
10Isin irra to’attootatu jiru.
11Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.
12Waan isin dalagdan ni beeku.
13Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
14Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.
15Guyyaa murtii ishee seenu.
16Isaan ishee irraa hin fagaatanu.
17Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
18Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
19(Inni) guyyaa lubbuun takka lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenye. Guyyaa san wanti (hundi) kan Rabbiiti.