المطففين
The Defrauders • 36 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Salaabiiwwaniif (warra safara hir’isuuf) badiin haa ta’u!
2Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
3Kan Yeroo namootaaf safaran yookiin miizaanan immoo hir’isan.
4Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?
5Guyyaa guddaadhaaf.
6Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
7Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.
8"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
9Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
10Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
11Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif.
12Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
13Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte "ogbarruu warra duriiti" jedha.
14Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
15Haadhoorgamanii! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
16Ergasii isaan ibidda seenoodha.
17Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.
18Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessatti ta'aadha.
19"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
20Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
21Warra Rabbitti dhiheeffamantu isa arga.
22Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananiilee keessa jiraatu.
23Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
24Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
25Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu.
26Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.
27Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.
28(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.
29Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.
30Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
31Yeroo gara maatii isaanii deebi'an gammadaa deebi’u.
32Yeroo isaan argan "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.
33Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
34Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
35Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
36"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu].