An-Nisa

النساء

The Women176 ayahsMedinan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ وَخَلَقَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَبَثَّ مِنۡهُمَا رِجَالٗا كَثِيرٗا وَنِسَآءٗۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِي تَسَآءَلُونَ بِهِۦ وَٱلۡأَرۡحَامَۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَيۡكُمۡ رَقِيبٗا﴿١

1Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha.

وَءَاتُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰٓ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَتَبَدَّلُواْ ٱلۡخَبِيثَ بِٱلطَّيِّبِۖ وَلَا تَأۡكُلُوٓاْ أَمۡوَٰلَهُمۡ إِلَىٰٓ أَمۡوَٰلِكُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ حُوبٗا كَبِيرٗا﴿٢

2Yatiimotaaf qabeenyaalee isaanii kennaa. Gaggaarii gadheedhaan hin jijjiiratinaa. Qabeenya isaanii gara qabeenya keessaniitti (makuun) hin nyaatinaa. Dhugumatti inni badii guddaa ta'eera.

وَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تُقۡسِطُواْ فِي ٱلۡيَتَٰمَىٰ فَٱنكِحُواْ مَا طَابَ لَكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ مَثۡنَىٰ وَثُلَٰثَ وَرُبَٰعَۖ فَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تَعۡدِلُواْ فَوَٰحِدَةً أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۚ ذَٰلِكَ أَدۡنَىٰٓ أَلَّا تَعُولُواْ﴿٣

3Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.

وَءَاتُواْ ٱلنِّسَآءَ صَدُقَٰتِهِنَّ نِحۡلَةٗۚ فَإِن طِبۡنَ لَكُمۡ عَن شَيۡءٖ مِّنۡهُ نَفۡسٗا فَكُلُوهُ هَنِيٓـٔٗا مَّرِيٓـٔٗا﴿٤

4Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafii. Yoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.

وَلَا تُؤۡتُواْ ٱلسُّفَهَآءَ أَمۡوَٰلَكُمُ ٱلَّتِي جَعَلَ ٱللَّهُ لَكُمۡ قِيَٰمٗا وَٱرۡزُقُوهُمۡ فِيهَا وَٱكۡسُوهُمۡ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا﴿٥

5Qabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas soorata isaaniif kennaa; isaan uffisaas, jechoota beekamaas isaaniin jedhaa.

وَٱبۡتَلُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰ حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغُواْ ٱلنِّكَاحَ فَإِنۡ ءَانَسۡتُم مِّنۡهُمۡ رُشۡدٗا فَٱدۡفَعُوٓاْ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَأۡكُلُوهَآ إِسۡرَافٗا وَبِدَارًا أَن يَكۡبَرُواْۚ وَمَن كَانَ غَنِيّٗا فَلۡيَسۡتَعۡفِفۡۖ وَمَن كَانَ فَقِيرٗا فَلۡيَأۡكُلۡ بِٱلۡمَعۡرُوفِۚ فَإِذَا دَفَعۡتُمۡ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡ فَأَشۡهِدُواْ عَلَيۡهِمۡۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ حَسِيبٗا﴿٦

6Yatiimota hanga isaan umrii gaa'ilaa ga’anitti qoradhaa. Yoo isaan irraa qajeeluma argitan, qabeenyaalee isaanii gara isaaniitti deebisaa. (Sodaa) guddachuu isaanii ariifatoo taatanii balleessuuf jecha ishee hin nyaatinaa. Namni dureessa ta’e, (irraa) of haa qabu. Namni hiyyeessa ta’e immoo beekamaadhaan haa nyaatu.Yeroo qabeenya isaanii gara isaaniitti deebiftan isaan irratti ragaa godhaa. qorataa tahuuf Rabbiinuu gahaadha.

لِّلرِّجَالِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٞ مِّمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَ مِمَّا قَلَّ مِنۡهُ أَوۡ كَثُرَۚ نَصِيبٗا مَّفۡرُوضٗا﴿٧

7Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).

وَإِذَا حَضَرَ ٱلۡقِسۡمَةَ أُوْلُواْ ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينُ فَٱرۡزُقُوهُم مِّنۡهُ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا﴿٨

8Yeroo firoonni, yatiimonniifi hiyyeeyyiin (bakka) qoodaa dhufan isa irraa isaaniif kennaa; jecha gaariis isaaniin jedhaa.

وَلۡيَخۡشَ ٱلَّذِينَ لَوۡ تَرَكُواْ مِنۡ خَلۡفِهِمۡ ذُرِّيَّةٗ ضِعَٰفًا خَافُواْ عَلَيۡهِمۡ فَلۡيَتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡيَقُولُواْ قَوۡلٗا سَدِيدًا﴿٩

9Warri odoo duuba isaaniitti ilmaan dadhaboo dhiisaanii (du'anii) isaan irratti sodaatanu, (yatiima miidhuu) haa sodaatanu. Rabbiin sodaatanii jecha haqaa haa jedhanu.

إِنَّ ٱلَّذِينَ يَأۡكُلُونَ أَمۡوَٰلَ ٱلۡيَتَٰمَىٰ ظُلۡمًا إِنَّمَا يَأۡكُلُونَ فِي بُطُونِهِمۡ نَارٗاۖ وَسَيَصۡلَوۡنَ سَعِيرٗا﴿١٠

10Dhugumatti isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.

يُوصِيكُمُ ٱللَّهُ فِيٓ أَوۡلَٰدِكُمۡۖ لِلذَّكَرِ مِثۡلُ حَظِّ ٱلۡأُنثَيَيۡنِۚ فَإِن كُنَّ نِسَآءٗ فَوۡقَ ٱثۡنَتَيۡنِ فَلَهُنَّ ثُلُثَا مَا تَرَكَۖ وَإِن كَانَتۡ وَٰحِدَةٗ فَلَهَا ٱلنِّصۡفُۚ وَلِأَبَوَيۡهِ لِكُلِّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا ٱلسُّدُسُ مِمَّا تَرَكَ إِن كَانَ لَهُۥ وَلَدٞۚ فَإِن لَّمۡ يَكُن لَّهُۥ وَلَدٞ وَوَرِثَهُۥٓ أَبَوَاهُ فَلِأُمِّهِ ٱلثُّلُثُۚ فَإِن كَانَ لَهُۥٓ إِخۡوَةٞ فَلِأُمِّهِ ٱلسُّدُسُۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصِي بِهَآ أَوۡ دَيۡنٍۗ ءَابَآؤُكُمۡ وَأَبۡنَآؤُكُمۡ لَا تَدۡرُونَ أَيُّهُمۡ أَقۡرَبُ لَكُمۡ نَفۡعٗاۚ فَرِيضَةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿١١

11Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo takka qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin dayniitiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan eenyuu isaaniitu bu'aa isiniif buusuutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.

۞ وَلَكُمۡ نِصۡفُ مَا تَرَكَ أَزۡوَٰجُكُمۡ إِن لَّمۡ يَكُن لَّهُنَّ وَلَدٞۚ فَإِن كَانَ لَهُنَّ وَلَدٞ فَلَكُمُ ٱلرُّبُعُ مِمَّا تَرَكۡنَۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصِينَ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٖۚ وَلَهُنَّ ٱلرُّبُعُ مِمَّا تَرَكۡتُمۡ إِن لَّمۡ يَكُن لَّكُمۡ وَلَدٞۚ فَإِن كَانَ لَكُمۡ وَلَدٞ فَلَهُنَّ ٱلثُّمُنُ مِمَّا تَرَكۡتُمۚ مِّنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ تُوصُونَ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٖۗ وَإِن كَانَ رَجُلٞ يُورَثُ كَلَٰلَةً أَوِ ٱمۡرَأَةٞ وَلَهُۥٓ أَخٌ أَوۡ أُخۡتٞ فَلِكُلِّ وَٰحِدٖ مِّنۡهُمَا ٱلسُّدُسُۚ فَإِن كَانُوٓاْ أَكۡثَرَ مِن ذَٰلِكَ فَهُمۡ شُرَكَآءُ فِي ٱلثُّلُثِۚ مِنۢ بَعۡدِ وَصِيَّةٖ يُوصَىٰ بِهَآ أَوۡ دَيۡنٍ غَيۡرَ مُضَآرّٖۚ وَصِيَّةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَلِيمٞ﴿١٢

12walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jira. Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin Yoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira (Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Yoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jira. Yoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira. (Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Haala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa keessatti hirmaattota. (Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyi. Dhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame) Rabbiin beekaa, obsaadha.

تِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ يُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ﴿١٣

13Isheen kun daangawwan Rabbiiti. Namni Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajame jannattoota jala ishee laggeen yaatu keessatti hafoo ta'anii isaan seensisa.Kun milkii guddaadha.

وَمَن يَعۡصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ وَيَتَعَدَّ حُدُودَهُۥ يُدۡخِلۡهُ نَارًا خَٰلِدٗا فِيهَا وَلَهُۥ عَذَابٞ مُّهِينٞ﴿١٤

14Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.

وَٱلَّٰتِي يَأۡتِينَ ٱلۡفَٰحِشَةَ مِن نِّسَآئِكُمۡ فَٱسۡتَشۡهِدُواْ عَلَيۡهِنَّ أَرۡبَعَةٗ مِّنكُمۡۖ فَإِن شَهِدُواْ فَأَمۡسِكُوهُنَّ فِي ٱلۡبُيُوتِ حَتَّىٰ يَتَوَفَّىٰهُنَّ ٱلۡمَوۡتُ أَوۡ يَجۡعَلَ ٱللَّهُ لَهُنَّ سَبِيلٗا﴿١٥

15Dubartoota keessan irraas isaan hojii fokkataa (qunnamtii seeraan alaa) raawwatan, namoota afur kan isin irraa ta’an isaan irratti ragaa baasaa. Yoo isaan ragaa ba’an hanga duuti isaanitti dhufutti yookiin (hanga) Rabbiin karaa (biraa) isaanii godhutti manneen keessatti isaan qabaa.

وَٱلَّذَانِ يَأۡتِيَٰنِهَا مِنكُمۡ فَـَٔاذُوهُمَاۖ فَإِن تَابَا وَأَصۡلَحَا فَأَعۡرِضُواْ عَنۡهُمَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ تَوَّابٗا رَّحِيمًا﴿١٦

16Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) sagaagalummaa hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaa. Yoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaa. Dhugumatti, Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.

إِنَّمَا ٱلتَّوۡبَةُ عَلَى ٱللَّهِ لِلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسُّوٓءَ بِجَهَٰلَةٖ ثُمَّ يَتُوبُونَ مِن قَرِيبٖ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَتُوبُ ٱللَّهُ عَلَيۡهِمۡۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿١٧

17Tawbaan qeebaltiin isii Rabbirratti taate warra wallaalumaan hamtuu hojjatanii ergasii dhihootti tawbataniifi, Warra san Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebala, Rabbiinis beekaa, ogeessa ta'eera.

وَلَيۡسَتِ ٱلتَّوۡبَةُ لِلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِ حَتَّىٰٓ إِذَا حَضَرَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ إِنِّي تُبۡتُ ٱلۡـَٰٔنَ وَلَا ٱلَّذِينَ يَمُوتُونَ وَهُمۡ كُفَّارٌۚ أُوْلَٰٓئِكَ أَعۡتَدۡنَا لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا﴿١٨

18Tawbaan hintaane warra badiilee hojjatanii hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufutti "ani amma tawbadhe" jedhaniifi. isaannan kaafiroota ta’anii du’aniifis (qeebalamtuu hin taane). Warra san Nuti azaaba laalessaa isaaniif qopheessinee jirra.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا يَحِلُّ لَكُمۡ أَن تَرِثُواْ ٱلنِّسَآءَ كَرۡهٗاۖ وَلَا تَعۡضُلُوهُنَّ لِتَذۡهَبُواْ بِبَعۡضِ مَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ إِلَّآ أَن يَأۡتِينَ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖۚ وَعَاشِرُوهُنَّ بِٱلۡمَعۡرُوفِۚ فَإِن كَرِهۡتُمُوهُنَّ فَعَسَىٰٓ أَن تَكۡرَهُواْ شَيۡـٔٗا وَيَجۡعَلَ ٱللَّهُ فِيهِ خَيۡرٗا كَثِيرٗا﴿١٩

19Isin Yaa warra amantan! dubartii dirqamaan dhaaluun isiniif hin eeyyamamu.garii waan (mahrii) isaaniif kennitanii fudhachuuf (heeruma) isaan hin dhorginaa, Yoo balleessaa mul'ataa taheen dhufan (hojjatan) malee; Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama.

وَإِنۡ أَرَدتُّمُ ٱسۡتِبۡدَالَ زَوۡجٖ مَّكَانَ زَوۡجٖ وَءَاتَيۡتُمۡ إِحۡدَىٰهُنَّ قِنطَارٗا فَلَا تَأۡخُذُواْ مِنۡهُ شَيۡـًٔاۚ أَتَأۡخُذُونَهُۥ بُهۡتَٰنٗا وَإِثۡمٗا مُّبِينٗا﴿٢٠

20yoo niitii tokko bakka ishee biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun, isa irraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu?

وَكَيۡفَ تَأۡخُذُونَهُۥ وَقَدۡ أَفۡضَىٰ بَعۡضُكُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٖ وَأَخَذۡنَ مِنكُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا﴿٢١

21Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? bifa gariin keessan gara garii ga'ee jiruun kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa fudhatanii jiranuun.

وَلَا تَنكِحُواْ مَا نَكَحَ ءَابَآؤُكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۚ إِنَّهُۥ كَانَ فَٰحِشَةٗ وَمَقۡتٗا وَسَآءَ سَبِيلًا﴿٢٢

22Dubartoota irraa isaan abbootiin keessan fuudhan hin fuudhinaa. waan dabre malee, Dhugumatti inni fokkataa, jibbamaafi karaan isaa hamaa ta'ee jira.

حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمۡ أُمَّهَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُمۡ وَعَمَّٰتُكُمۡ وَخَٰلَٰتُكُمۡ وَبَنَاتُ ٱلۡأَخِ وَبَنَاتُ ٱلۡأُخۡتِ وَأُمَّهَٰتُكُمُ ٱلَّٰتِيٓ أَرۡضَعۡنَكُمۡ وَأَخَوَٰتُكُم مِّنَ ٱلرَّضَٰعَةِ وَأُمَّهَٰتُ نِسَآئِكُمۡ وَرَبَٰٓئِبُكُمُ ٱلَّٰتِي فِي حُجُورِكُم مِّن نِّسَآئِكُمُ ٱلَّٰتِي دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَإِن لَّمۡ تَكُونُواْ دَخَلۡتُم بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ وَحَلَٰٓئِلُ أَبۡنَآئِكُمُ ٱلَّذِينَ مِنۡ أَصۡلَٰبِكُمۡ وَأَن تَجۡمَعُواْ بَيۡنَ ٱلۡأُخۡتَيۡنِ إِلَّا مَا قَدۡ سَلَفَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿٢٣

23Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubarri keessans, obboleettiwwan keessans, adaadowwan keessans, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessans, shamarran obboleessaas, shamarran obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisa irraa ta’anis, haadholee niitiiwwan keessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan keessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaan irra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira.

۞ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلنِّسَآءِ إِلَّا مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۖ كِتَٰبَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡۚ وَأُحِلَّ لَكُم مَّا وَرَآءَ ذَٰلِكُمۡ أَن تَبۡتَغُواْ بِأَمۡوَٰلِكُم مُّحۡصِنِينَ غَيۡرَ مُسَٰفِحِينَۚ فَمَا ٱسۡتَمۡتَعۡتُم بِهِۦ مِنۡهُنَّ فَـَٔاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ فَرِيضَةٗۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ فِيمَا تَرَٰضَيۡتُم بِهِۦ مِنۢ بَعۡدِ ٱلۡفَرِيضَةِۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿٢٤

24Dubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

وَمَن لَّمۡ يَسۡتَطِعۡ مِنكُمۡ طَوۡلًا أَن يَنكِحَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ فَمِن مَّا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُم مِّن فَتَيَٰتِكُمُ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۚ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِإِيمَٰنِكُمۚ بَعۡضُكُم مِّنۢ بَعۡضٖۚ فَٱنكِحُوهُنَّ بِإِذۡنِ أَهۡلِهِنَّ وَءَاتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ بِٱلۡمَعۡرُوفِ مُحۡصَنَٰتٍ غَيۡرَ مُسَٰفِحَٰتٖ وَلَا مُتَّخِذَٰتِ أَخۡدَانٖۚ فَإِذَآ أُحۡصِنَّ فَإِنۡ أَتَيۡنَ بِفَٰحِشَةٖ فَعَلَيۡهِنَّ نِصۡفُ مَا عَلَى ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ مِنَ ٱلۡعَذَابِۚ ذَٰلِكَ لِمَنۡ خَشِيَ ٱلۡعَنَتَ مِنكُمۡۚ وَأَن تَصۡبِرُواْ خَيۡرٞ لَّكُمۡۗ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ﴿٢٥

25Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran keessan kan mu’uminaa kan harki keessan dhuunfatte (gabroottan) irraa (haa fuudhanu). Rabbiin iimaana keessan beekaadha. Gariin keessan garii irraayyi. Eeyyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaanii haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tikfamtoota ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa). Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jira. Kun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

يُرِيدُ ٱللَّهُ لِيُبَيِّنَ لَكُمۡ وَيَهۡدِيَكُمۡ سُنَنَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ وَيَتُوبَ عَلَيۡكُمۡۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ﴿٢٦

26Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu barbaada, karaalee warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu (barbaada). Rabbiin beekaa, ogeessasi.

وَٱللَّهُ يُرِيدُ أَن يَتُوبَ عَلَيۡكُمۡ وَيُرِيدُ ٱلَّذِينَ يَتَّبِعُونَ ٱلشَّهَوَٰتِ أَن تَمِيلُواْ مَيۡلًا عَظِيمٗا﴿٢٧

27Rabbiin tawbaa keessan qeebaluu fedha. Warri fedha lubbuu isaanii hordofan immoo isin jallina guddaa jallachuu fedhu.

يُرِيدُ ٱللَّهُ أَن يُخَفِّفَ عَنكُمۡۚ وَخُلِقَ ٱلۡإِنسَٰنُ ضَعِيفٗا﴿٢٨

28Rabbiin isin irraa salphisuu fedha. Ilmi namaa dadhabaa ta’ee uumame.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَأۡكُلُوٓاْ أَمۡوَٰلَكُم بَيۡنَكُم بِٱلۡبَٰطِلِ إِلَّآ أَن تَكُونَ تِجَٰرَةً عَن تَرَاضٖ مِّنكُمۡۚ وَلَا تَقۡتُلُوٓاْ أَنفُسَكُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِكُمۡ رَحِيمٗا﴿٢٩

29Yaa warra amantan! qabeenya keessan gidduu keessanitti kijibaan hin nyaatinaa, Yoo daldala jaalala keessan irraa taateen tahe malee, Lubbuulee keessan hin ajjeesinaa. Dhugumatti Rabbiin isin mararfataadha.

وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ عُدۡوَٰنٗا وَظُلۡمٗا فَسَوۡفَ نُصۡلِيهِ نَارٗاۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرًا﴿٣٠

30Namni daangaa dabruufi miidhaaf kana dalage, fuulduratti ibidda isa seensifna. Kun Rabbirratti salphaadha.

إِن تَجۡتَنِبُواْ كَبَآئِرَ مَا تُنۡهَوۡنَ عَنۡهُ نُكَفِّرۡ عَنكُمۡ سَيِّـَٔاتِكُمۡ وَنُدۡخِلۡكُم مُّدۡخَلٗا كَرِيمٗا﴿٣١

31Yoo badii gugurdoo irraa dhoowwamtantanirraa fagaattan, badiilee (xixiqqaa) keessan isin irraa haqna, seensa kabajaa isin seensifna.

وَلَا تَتَمَنَّوۡاْ مَا فَضَّلَ ٱللَّهُ بِهِۦ بَعۡضَكُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖۚ لِّلرِّجَالِ نَصِيبٞ مِّمَّا ٱكۡتَسَبُواْۖ وَلِلنِّسَآءِ نَصِيبٞ مِّمَّا ٱكۡتَسَبۡنَۚ وَسۡـَٔلُواْ ٱللَّهَ مِن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٗا﴿٣٢

32Wantoota Rabbiin garii keessan garii irra ittiin caalchise hin hawwinaa. Dhiirotaaf qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Dubartootaafis qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Rabbiin tola Isaa irraa kadhaa. Dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha.

وَلِكُلّٖ جَعَلۡنَا مَوَٰلِيَ مِمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَۚ وَٱلَّذِينَ عَقَدَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡ فَـَٔاتُوهُمۡ نَصِيبَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدًا﴿٣٣

33Hunda isaaniitiif (dhiiraafi dubartiif) waan abbaa haatiniifi firoonni dhiisan irraa dhaala taasifnee jirra. Isaan kakuun keessan (firummaan) hiites qooda isaanii isaaniif kennaa. Dhugumatti Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.

ٱلرِّجَالُ قَوَّٰمُونَ عَلَى ٱلنِّسَآءِ بِمَا فَضَّلَ ٱللَّهُ بَعۡضَهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٖ وَبِمَآ أَنفَقُواْ مِنۡ أَمۡوَٰلِهِمۡۚ فَٱلصَّٰلِحَٰتُ قَٰنِتَٰتٌ حَٰفِظَٰتٞ لِّلۡغَيۡبِ بِمَا حَفِظَ ٱللَّهُۚ وَٱلَّٰتِي تَخَافُونَ نُشُوزَهُنَّ فَعِظُوهُنَّ وَٱهۡجُرُوهُنَّ فِي ٱلۡمَضَاجِعِ وَٱضۡرِبُوهُنَّۖ فَإِنۡ أَطَعۡنَكُمۡ فَلَا تَبۡغُواْ عَلَيۡهِنَّ سَبِيلًاۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيّٗا كَبِيرٗا﴿٣٤

34Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi, qabeenyaalee isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan tumaa. Yoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaadha.

وَإِنۡ خِفۡتُمۡ شِقَاقَ بَيۡنِهِمَا فَٱبۡعَثُواْ حَكَمٗا مِّنۡ أَهۡلِهِۦ وَحَكَمٗا مِّنۡ أَهۡلِهَآ إِن يُرِيدَآ إِصۡلَٰحٗا يُوَفِّقِ ٱللَّهُ بَيۡنَهُمَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا خَبِيرٗا﴿٣٥

35Yoo gidduu isaan lamaaniitti waldhabbii beektan araarsaa tokko warra isaa irraa, araarsaa tokko immoo warra ishee irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara fedhan, Rabbiin gidduu isaani waliigalcha. Dhugumatti Rabbiin beekaa, keessa beekaadha.

۞ وَٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُشۡرِكُواْ بِهِۦ شَيۡـٔٗاۖ وَبِٱلۡوَٰلِدَيۡنِ إِحۡسَٰنٗا وَبِذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱلۡجَارِ ذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡجَارِ ٱلۡجُنُبِ وَٱلصَّاحِبِ بِٱلۡجَنۢبِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِ وَمَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ مُخۡتَالٗا فَخُورًا﴿٣٦

36Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaas. Abbaa haadhatti tola oolaa, firootaafs, yatiimotaafs, hiyyeeyyiifs, ollaa firooma qabuufs, ollaa firooma hin qabneefs, hiriyaa maddii keessan jiruufis, kara deemaafis, (gabroota) mirgi keessan dhuunfateefis (tola oolaa). Dhugumatti Rabbiin nama boonaa dhaaddataa ta’e hin jaalatu.

ٱلَّذِينَ يَبۡخَلُونَ وَيَأۡمُرُونَ ٱلنَّاسَ بِٱلۡبُخۡلِ وَيَكۡتُمُونَ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۗ وَأَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٗا مُّهِينٗا﴿٣٧

37Isaannan donnoomanii, namootas donnummatti ajajaniifi waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksan (hin jaalatu). Kaafirootaaf adabbii salphisaa qopheessinee jirra.

وَٱلَّذِينَ يُنفِقُونَ أَمۡوَٰلَهُمۡ رِئَآءَ ٱلنَّاسِ وَلَا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَلَا بِٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۗ وَمَن يَكُنِ ٱلشَّيۡطَٰنُ لَهُۥ قَرِينٗا فَسَآءَ قَرِينٗا﴿٣٨

38Isaannan qabeenya isaanii akka namoonni isaan arganuuf arjooman, kan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis hin amanne, (isaan hiriyoota sheyxaanati). Namni sheyxaanni hiriyaa isaaf ta’e, hiriyummaan isaa waa fokkate!

وَمَاذَا عَلَيۡهِمۡ لَوۡ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَأَنفَقُواْ مِمَّا رَزَقَهُمُ ٱللَّهُۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِهِمۡ عَلِيمًا﴿٣٩

39Sila odoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananiifi waan Rabbiin isaaniif kenne irraa kennatanii maaltu isaan irra jira? Rabbiin isaan beekaadha.

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَظۡلِمُ مِثۡقَالَ ذَرَّةٖۖ وَإِن تَكُ حَسَنَةٗ يُضَٰعِفۡهَا وَيُؤۡتِ مِن لَّدُنۡهُ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿٤٠

40Dhugumatti Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo hin miidhu, Yoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna.

فَكَيۡفَ إِذَا جِئۡنَا مِن كُلِّ أُمَّةِۭ بِشَهِيدٖ وَجِئۡنَا بِكَ عَلَىٰ هَٰٓؤُلَآءِ شَهِيدٗا﴿٤١

41Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?

يَوۡمَئِذٖ يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَعَصَوُاْ ٱلرَّسُولَ لَوۡ تُسَوَّىٰ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضُ وَلَا يَكۡتُمُونَ ٱللَّهَ حَدِيثٗا﴿٤٢

42Guyyaa san warri kafaraniifi ergamicha faallessan odoo dachiin isaan irratti wal qixxaattee jaalatu. Isaani haasawa Rabbiin hindhoksan.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَقۡرَبُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنتُمۡ سُكَٰرَىٰ حَتَّىٰ تَعۡلَمُواْ مَا تَقُولُونَ وَلَا جُنُبًا إِلَّا عَابِرِي سَبِيلٍ حَتَّىٰ تَغۡتَسِلُواْۚ وَإِن كُنتُم مَّرۡضَىٰٓ أَوۡ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوۡ جَآءَ أَحَدٞ مِّنكُم مِّنَ ٱلۡغَآئِطِ أَوۡ لَٰمَسۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَلَمۡ تَجِدُواْ مَآءٗ فَتَيَمَّمُواْ صَعِيدٗا طَيِّبٗا فَٱمۡسَحُواْ بِوُجُوهِكُمۡ وَأَيۡدِيكُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوًّا غَفُورًا﴿٤٣

43Yaa warra amantan! salaatatti hin dhihaatinaa Haala machaahaa taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, yoo janaabawoo taatanis hanga dhiqattanutti, karaa dabraaf malee. yoo dhukkubsattootaa taatan, yookaa imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe. yookiin dubartootaan wal tuqxanii bishaan dhabdan biyyee qulqulluun tayammumadhaa; fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa’aa. Rabbiin irra dabraa araaramaa tahee jira. [1]

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ نَصِيبٗا مِّنَ ٱلۡكِتَٰبِ يَشۡتَرُونَ ٱلضَّلَٰلَةَ وَيُرِيدُونَ أَن تَضِلُّواْ ٱلسَّبِيلَ﴿٤٤

44Sila gara warra kitaaba irraa qoodni isaaniif kennamee hin ilaallee? (Isaan) jallina bitu; isin karaa jallachuus ni barbaadu.

وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِأَعۡدَآئِكُمۡۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَلِيّٗا وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ نَصِيرٗا﴿٤٥

45Rabbiin diinota keessan beekaadha. Eegumsaaf Rabbiin qofti ga’aa dha! Tumsaafis Rabbiin qofti ga’aadha

مِّنَ ٱلَّذِينَ هَادُواْ يُحَرِّفُونَ ٱلۡكَلِمَ عَن مَّوَاضِعِهِۦ وَيَقُولُونَ سَمِعۡنَا وَعَصَيۡنَا وَٱسۡمَعۡ غَيۡرَ مُسۡمَعٖ وَرَٰعِنَا لَيَّۢا بِأَلۡسِنَتِهِمۡ وَطَعۡنٗا فِي ٱلدِّينِۚ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ قَالُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَا وَٱسۡمَعۡ وَٱنظُرۡنَا لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ وَأَقۡوَمَ وَلَٰكِن لَّعَنَهُمُ ٱللَّهُ بِكُفۡرِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُونَ إِلَّا قَلِيلٗا﴿٤٦

46Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jira. Ni jedhus: “dhageenye; faallessines. Dhagayamuun maletti dhaga'i." Arraboowwan isaanii micciiruufi amantii arrabsuuf jecha 'raa’inaa' jedhu. Odoo isaan “nuti dhageenye; toles jenne; atis dhagayi; nu mil’adhus (unzurnaa)” jedhanii, silaa santu isaaniif caalaafi sirrii ture. Garuu Rabbiin sababaa kufrii isaanitiin isaan abaare. Kanaaf isaan xiqqoo malee hin amananu.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ ءَامِنُواْ بِمَا نَزَّلۡنَا مُصَدِّقٗا لِّمَا مَعَكُم مِّن قَبۡلِ أَن نَّطۡمِسَ وُجُوهٗا فَنَرُدَّهَا عَلَىٰٓ أَدۡبَارِهَآ أَوۡ نَلۡعَنَهُمۡ كَمَا لَعَنَّآ أَصۡحَٰبَ ٱلسَّبۡتِۚ وَكَانَ أَمۡرُ ٱللَّهِ مَفۡعُولًا﴿٤٧

47isin Yaa warra kitaaba kennamtan! waan nuti buufne kan isa isin biraa dhugoomsutti amanaa, odoo nuti fuulleen haqnee duuba isheerratti hin deebisin yookiin akka warra sanbataa abaarretti hin abaarin dura (amanaa). Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُۚ وَمَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدِ ٱفۡتَرَىٰٓ إِثۡمًا عَظِيمًا﴿٤٨

48Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa kijibaan uumeera.

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يُزَكُّونَ أَنفُسَهُمۚ بَلِ ٱللَّهُ يُزَكِّي مَن يَشَآءُ وَلَا يُظۡلَمُونَ فَتِيلًا﴿٤٩

49Sila gara isaan lubbuulee isaanii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama fedhe (qofa) qulqulleessa. Hanga kirrii qola Timiraa hin miidhamanu.

ٱنظُرۡ كَيۡفَ يَفۡتَرُونَ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَۖ وَكَفَىٰ بِهِۦٓ إِثۡمٗا مُّبِينًا﴿٥٠

50Akkamitti akka isaan Rabbirratti kijiba odeessan ilaali. Cubbuu ifa bahaa ta’uuf inninuu ga’aadha.

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ نَصِيبٗا مِّنَ ٱلۡكِتَٰبِ يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡجِبۡتِ وَٱلطَّٰغُوتِ وَيَقُولُونَ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ هَٰٓؤُلَآءِ أَهۡدَىٰ مِنَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ سَبِيلًا﴿٥١

51Sila gara warra kitaaba irraa qooda kennamanii hin ilaallee? Isaan sihriifi xaaghuutatti amanu. Isaan kafaraniin ni jedhu: “Warra kanatu isaan amanan (Muslimoota) caalaa karaa qajeelaadha."

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُۖ وَمَن يَلۡعَنِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ نَصِيرًا﴿٥٢

52Isaan Warra Rabbiin isaan abaare. Nama Rabbiin abaare gargaaraa isaaf hin argitu.

أَمۡ لَهُمۡ نَصِيبٞ مِّنَ ٱلۡمُلۡكِ فَإِذٗا لَّا يُؤۡتُونَ ٱلنَّاسَ نَقِيرًا﴿٥٣

53Sila mootummaa irraa qoodni isaaniif jira moo? Yoggus hanga tuqaa (ija (killee) timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.

أَمۡ يَحۡسُدُونَ ٱلنَّاسَ عَلَىٰ مَآ ءَاتَىٰهُمُ ٱللَّهُ مِن فَضۡلِهِۦۖ فَقَدۡ ءَاتَيۡنَآ ءَالَ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَءَاتَيۡنَٰهُم مُّلۡكًا عَظِيمٗا﴿٥٤

54Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyu? Dhugumatti Nuti maatii Ibraahiimiif kitaabaafi ogummaa kenninee jirra. Mootummaa guddaas isaaniif kenninee jirra.

فَمِنۡهُم مَّنۡ ءَامَنَ بِهِۦ وَمِنۡهُم مَّن صَدَّ عَنۡهُۚ وَكَفَىٰ بِجَهَنَّمَ سَعِيرًا﴿٥٥

55Isaan irraa nama isatti (Muhammaditti) amanetu jira. Isaan irraas nama isa irraa garagalee (namas irraa dhoowweetu) jira. Gubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا سَوۡفَ نُصۡلِيهِمۡ نَارٗا كُلَّمَا نَضِجَتۡ جُلُودُهُم بَدَّلۡنَٰهُمۡ جُلُودًا غَيۡرَهَا لِيَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَزِيزًا حَكِيمٗا﴿٥٦

56Dhugumatti warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti ibidda isaan seensifna. Dhawaata gogaaleen isaanii gubatuun,gogaalee isheen alaa isaaniif jijjiirra, akka isaan adabbii dhandhamaniif jecha. Dhugumatti Rabbiin injifataa' ogeessa ta'e.

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَنُدۡخِلُهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ لَّهُمۡ فِيهَآ أَزۡوَٰجٞ مُّطَهَّرَةٞۖ وَنُدۡخِلُهُمۡ ظِلّٗا ظَلِيلًا﴿٥٧

57Isaannan amananii gaggaarii hojjatan, Nuti jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifna. Ishee keessatti yeroo hunda hafoodha. Achi keessa isaaniif niitiiwwan qulqulleeffamtuutu jiru. Gaaddisa gaaddiddeessaas isaan seensifna.

۞ إِنَّ ٱللَّهَ يَأۡمُرُكُمۡ أَن تُؤَدُّواْ ٱلۡأَمَٰنَٰتِ إِلَىٰٓ أَهۡلِهَا وَإِذَا حَكَمۡتُم بَيۡنَ ٱلنَّاسِ أَن تَحۡكُمُواْ بِٱلۡعَدۡلِۚ إِنَّ ٱللَّهَ نِعِمَّا يَعِظُكُم بِهِۦٓۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا﴿٥٨

58Dhugumatti, Rabbiin amaanawwan gara abbootii isiitti geessuufi yeroo nama gidduutti murteessitanis haqaan murteessuu isin ajaja. Dhugumatti, wanti Rabbiin ittiin isin gorsu (barsiisu) waa tolee. Rabbiin dhagayaa, argaa ta'e.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَ وَأُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنكُمۡۖ فَإِن تَنَٰزَعۡتُمۡ فِي شَيۡءٖ فَرُدُّوهُ إِلَى ٱللَّهِ وَٱلرَّسُولِ إِن كُنتُمۡ تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ وَأَحۡسَنُ تَأۡوِيلًا﴿٥٩

59Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa). Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha.

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يَزۡعُمُونَ أَنَّهُمۡ ءَامَنُواْ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَ وَمَآ أُنزِلَ مِن قَبۡلِكَ يُرِيدُونَ أَن يَتَحَاكَمُوٓاْ إِلَى ٱلطَّٰغُوتِ وَقَدۡ أُمِرُوٓاْ أَن يَكۡفُرُواْ بِهِۦۖ وَيُرِيدُ ٱلشَّيۡطَٰنُ أَن يُضِلَّهُمۡ ضَلَٰلَۢا بَعِيدٗا﴿٦٠

60Sila gara warra waan gara keetti buufameefi waan si dura buufametti amanne jedhanii hin ilaallee? Odoo isatti kafaruu ajajamanii jiranuu gara xaaghuutaatti murteeffachuu barbaadu. Sheyxaanni jallina fagoo ta’e isaan jallisuu fedha.

وَإِذَا قِيلَ لَهُمۡ تَعَالَوۡاْ إِلَىٰ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ وَإِلَى ٱلرَّسُولِ رَأَيۡتَ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ يَصُدُّونَ عَنكَ صُدُودٗا﴿٦١

61Yeroo “gara waan Rabbiin buuseefi gara Ergamaa kottaa” isaaniin jedhame, kan munaafiqoonni gara galiinsa sirraa gara galan argita.

فَكَيۡفَ إِذَآ أَصَٰبَتۡهُم مُّصِيبَةُۢ بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡ ثُمَّ جَآءُوكَ يَحۡلِفُونَ بِٱللَّهِ إِنۡ أَرَدۡنَآ إِلَّآ إِحۡسَٰنٗا وَتَوۡفِيقًا﴿٦٢

62akkam ta’u laata? yeroo balaan sababaa waan harkoowan isaanii durfatteen isaan tuqee, ergasii Rabbitti kakataa “nuti toltuufi wal ta’iinsa malee waan biraa hin feene” (jedhaa) sitti dhufan.

أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يَعۡلَمُ ٱللَّهُ مَا فِي قُلُوبِهِمۡ فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَعِظۡهُمۡ وَقُل لَّهُمۡ فِيٓ أَنفُسِهِمۡ قَوۡلَۢا بَلِيغٗا﴿٦٣

63Isaan warra waan onneewwan isaanii keessa jiru Rabbiin beekuudha.Isaan irraa gara gali. Isaan gorsi. Jecha hoonga gahaa lubbuu isaanii keessatti isaaniin jedhi.

وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن رَّسُولٍ إِلَّا لِيُطَاعَ بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ إِذ ظَّلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ جَآءُوكَ فَٱسۡتَغۡفَرُواْ ٱللَّهَ وَٱسۡتَغۡفَرَ لَهُمُ ٱلرَّسُولُ لَوَجَدُواْ ٱللَّهَ تَوَّابٗا رَّحِيمٗا﴿٦٤

64Nuti ergamaa irraa akka eeyyama Rabbiitiin ajajni isaa fudhatamuuf malee hin ergine. Odoo isaan yeroo lubbuu isaanii miidhan, sitti dhufanii Rabbiin araara kadhataniifi Ergamaanis araara isaaniif kadhatee, silaa Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eeti argatu turan.

فَلَا وَرَبِّكَ لَا يُؤۡمِنُونَ حَتَّىٰ يُحَكِّمُوكَ فِيمَا شَجَرَ بَيۡنَهُمۡ ثُمَّ لَا يَجِدُواْ فِيٓ أَنفُسِهِمۡ حَرَجٗا مِّمَّا قَضَيۡتَ وَيُسَلِّمُواْ تَسۡلِيمٗا﴿٦٥

65Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti.

وَلَوۡ أَنَّا كَتَبۡنَا عَلَيۡهِمۡ أَنِ ٱقۡتُلُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ أَوِ ٱخۡرُجُواْ مِن دِيَٰرِكُم مَّا فَعَلُوهُ إِلَّا قَلِيلٞ مِّنۡهُمۡۖ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ فَعَلُواْ مَا يُوعَظُونَ بِهِۦ لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ وَأَشَدَّ تَثۡبِيتٗا﴿٦٦

66Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuu keessan ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa warra muraasa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganu. Odoo isaan waan itti gorfaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaadha. Akkaan (amantii isaanii) raggaasisas ture.

وَإِذٗا لَّأٓتَيۡنَٰهُم مِّن لَّدُنَّآ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿٦٧

67Silaa yeroo san dhugumatti nu biraa mindaa guddaa isaaniif kennina turre.

وَلَهَدَيۡنَٰهُمۡ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا﴿٦٨

68Silaa dhugumatti karaa sirraawaa isaan qajeelchina turre.

وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ وَٱلصِّدِّيقِينَ وَٱلشُّهَدَآءِ وَٱلصَّٰلِحِينَۚ وَحَسُنَ أُوْلَٰٓئِكَ رَفِيقٗا﴿٦٩

69Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajame isaan sun warra Rabbiin qanansiise waliin ta’u, nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii (wajji tahu). Warra kanaan hiriyoomuun waa tole!

ذَٰلِكَ ٱلۡفَضۡلُ مِنَ ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ عَلِيمٗا﴿٧٠

70Tolli kun Rabbi irraayyi, Rabbiin gayaadha beekaa tahutti.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ خُذُواْ حِذۡرَكُمۡ فَٱنفِرُواْ ثُبَاتٍ أَوِ ٱنفِرُواْ جَمِيعٗا﴿٧١

71Yaa warra amantan! Of eeggannoo keessan qabadhaa. Gareen duulaa yookiin dimshaashan duulaa.

وَإِنَّ مِنكُمۡ لَمَن لَّيُبَطِّئَنَّ فَإِنۡ أَصَٰبَتۡكُم مُّصِيبَةٞ قَالَ قَدۡ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيَّ إِذۡ لَمۡ أَكُن مَّعَهُمۡ شَهِيدٗا﴿٧٢

72Dhugumatti, isin irraa nama (duula irraa) duubatti jedhutu jira. Kanaaf yoo balaan wahii isin tuqxe “Dhugumatti, Rabbiin na qananiisee jira. yeroo akka ani isaan waliin (duula irratti) argamu hin taasisin " jedha.

وَلَئِنۡ أَصَٰبَكُمۡ فَضۡلٞ مِّنَ ٱللَّهِ لَيَقُولَنَّ كَأَن لَّمۡ تَكُنۢ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُۥ مَوَدَّةٞ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ مَعَهُمۡ فَأَفُوزَ فَوۡزًا عَظِيمٗا﴿٧٣

73Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo -silaa dhugumatti inni akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii- “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” jedha.

۞ فَلۡيُقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ ٱلَّذِينَ يَشۡرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا بِٱلۡأٓخِرَةِۚ وَمَن يُقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَيُقۡتَلۡ أَوۡ يَغۡلِبۡ فَسَوۡفَ نُؤۡتِيهِ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿٧٤

74(Mu’uminoonni) isaan jireenya addunyaa isa Aakhiraatti gurguratan karaa Rabbii keessatti haa lolani.Namni karaa Rabbii keessatti lolee ergasii ajjeefame yookiin injifate, Nuti ganaa mindaa guddaa isaaf kennina.

وَمَا لَكُمۡ لَا تُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلرِّجَالِ وَٱلنِّسَآءِ وَٱلۡوِلۡدَٰنِ ٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَآ أَخۡرِجۡنَا مِنۡ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِ ٱلظَّالِمِ أَهۡلُهَا وَٱجۡعَل لَّنَا مِن لَّدُنكَ وَلِيّٗا وَٱجۡعَل لَّنَا مِن لَّدُنكَ نَصِيرًا﴿٧٥

75Sila maaltu isiniif jiraatee karaa Rabbii keessatti, kan hinlolle? kan warri dadhaboo dhiirota, dubartoota, ijoollee irraa ta’an, jedhan “Gooftaa keenya! Magaalattii jiraattonni ishee miidhaa raawwattoota ta'an kana irraa nu baasi; gargaaraa Si biraa ta’es nuuf taasisi; tumsaa Si biraa ta’es nuuf taasisi” (jedhaniif jettanii hin lolle?)

ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱلطَّٰغُوتِ فَقَٰتِلُوٓاْ أَوۡلِيَآءَ ٱلشَّيۡطَٰنِۖ إِنَّ كَيۡدَ ٱلشَّيۡطَٰنِ كَانَ ضَعِيفًا﴿٧٦

76Warri amanan karaa Rabbii keessatti lolu. Isaan kafaran immoo karaa xaaghuutaa keessatti lolu. jaalalleewwan sheyxaanatiin lolaa. Dhugumatti tooftaan sheyxaanaa dadhabaa ta'e.

أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ قِيلَ لَهُمۡ كُفُّوٓاْ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ فَلَمَّا كُتِبَ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقِتَالُ إِذَا فَرِيقٞ مِّنۡهُمۡ يَخۡشَوۡنَ ٱلنَّاسَ كَخَشۡيَةِ ٱللَّهِ أَوۡ أَشَدَّ خَشۡيَةٗۚ وَقَالُواْ رَبَّنَا لِمَ كَتَبۡتَ عَلَيۡنَا ٱلۡقِتَالَ لَوۡلَآ أَخَّرۡتَنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٖ قَرِيبٖۗ قُلۡ مَتَٰعُ ٱلدُّنۡيَا قَلِيلٞ وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّمَنِ ٱتَّقَىٰ وَلَا تُظۡلَمُونَ فَتِيلًا﴿٧٧

77Sila gara isaan harka keessan (lola irraa) qabadhaa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa jedhamanii hin ilaallee? Yeroma lolli dirqama isaan irratti taasifamu yoma san gareen isaan irraa ta’e sodaa akka Rabbiin sodaatanii yookiin sodaa san caalu namoota sodaatan. “Yaa Gooftaa keenya! Maaliif lola dirqama nurratti taasifte? Odoo yeroo gabaabaa nu tursiiftee (maal qaba)?” jedhan. Jedi “Qananiin addunyaa xiqqaadha; Aakhiraan nama (Rabbiin) sodaatuuf caalaadha. Hanga qajjiisaa (qola killee) Timiraa hin miidhamtan" .

أَيۡنَمَا تَكُونُواْ يُدۡرِككُّمُ ٱلۡمَوۡتُ وَلَوۡ كُنتُمۡ فِي بُرُوجٖ مُّشَيَّدَةٖۗ وَإِن تُصِبۡهُمۡ حَسَنَةٞ يَقُولُواْ هَٰذِهِۦ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ وَإِن تُصِبۡهُمۡ سَيِّئَةٞ يَقُولُواْ هَٰذِهِۦ مِنۡ عِندِكَۚ قُلۡ كُلّٞ مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِۖ فَمَالِ هَٰٓؤُلَآءِ ٱلۡقَوۡمِ لَا يَكَادُونَ يَفۡقَهُونَ حَدِيثٗا﴿٧٨

78“Eessallee yoo taatan duuti isin dhaqqaba. Odoo gamoowwan ciccimoo keessa taatanillee (isin irraa hin hafu). Yoo toltuun wahii isaan tuqu immoo “kun Rabbiin biraayi” jedhu. Yoo hamtuun wahii isaan tuqu immoo “(yaa Muhammad!) kun si biraayi" jedhu. “Hunduu Rabbiin biraayyi" jedhi. Ummanni kun maaltu isaaniif jiraayyi dubbii homaayyuu hubachuutti hin dhihaanne?

مَّآ أَصَابَكَ مِنۡ حَسَنَةٖ فَمِنَ ٱللَّهِۖ وَمَآ أَصَابَكَ مِن سَيِّئَةٖ فَمِن نَّفۡسِكَۚ وَأَرۡسَلۡنَٰكَ لِلنَّاسِ رَسُولٗاۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدٗا﴿٧٩

79Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee Rabbirraayyi. Hamtuu irraa wanti si tuqe kamillee lubbuu kee irraayi. Namootaaf ergamaa taasifneetiin si ergine. Ragummaaf Rabbiin qofti ga’adha.

مَّن يُطِعِ ٱلرَّسُولَ فَقَدۡ أَطَاعَ ٱللَّهَۖ وَمَن تَوَلَّىٰ فَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ حَفِيظٗا﴿٨٠

80Namni ergamichaan tole jedhe dhugaatti Rabbiin tole jedhe. Nama gara gale immoo isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine

وَيَقُولُونَ طَاعَةٞ فَإِذَا بَرَزُواْ مِنۡ عِندِكَ بَيَّتَ طَآئِفَةٞ مِّنۡهُمۡ غَيۡرَ ٱلَّذِي تَقُولُۖ وَٱللَّهُ يَكۡتُبُ مَا يُبَيِّتُونَۖ فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱللَّهِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا﴿٨١

81(Yaanni keenya siif) ajajamuudha” jedhu. Yeroo si biraa bahan, gareen isaan irraa taate faallaa waan dura jettee bulfatan. Rabbiin waan isaan bulfatan ni barreessa. Isaan irraa gara gali; Rabbi irratti irkadhu. Irkoo ta’uu irratti Rabbiin ga’aadha.

أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلۡقُرۡءَانَۚ وَلَوۡ كَانَ مِنۡ عِندِ غَيۡرِ ٱللَّهِ لَوَجَدُواْ فِيهِ ٱخۡتِلَٰفٗا كَثِيرٗا﴿٨٢

82Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo Rabbi malee kan biroo biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.

وَإِذَا جَآءَهُمۡ أَمۡرٞ مِّنَ ٱلۡأَمۡنِ أَوِ ٱلۡخَوۡفِ أَذَاعُواْ بِهِۦۖ وَلَوۡ رَدُّوهُ إِلَى ٱلرَّسُولِ وَإِلَىٰٓ أُوْلِي ٱلۡأَمۡرِ مِنۡهُمۡ لَعَلِمَهُ ٱلَّذِينَ يَسۡتَنۢبِطُونَهُۥ مِنۡهُمۡۗ وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ لَٱتَّبَعۡتُمُ ٱلشَّيۡطَٰنَ إِلَّا قَلِيلٗا﴿٨٣

83Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasu. Odoo gara Ergamaatiifi gara abbootii taaytaa isaan irraa ta’anii isa deebisanii, silaa isaan irraa warri isa qoratan (xiinxalan) isa beeku turan. Odoo ni’imaan Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin muraasa (keessan) malee sheyxaana hordoftu turtan.

فَقَٰتِلۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ لَا تُكَلَّفُ إِلَّا نَفۡسَكَۚ وَحَرِّضِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَكُفَّ بَأۡسَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۚ وَٱللَّهُ أَشَدُّ بَأۡسٗا وَأَشَدُّ تَنكِيلٗا﴿٨٤

84Karaa Rabbii keessattis loli; lubbuu kee malee hin dirqisiifamtu. Mu’uminootas kakaasi. Rabbiin rakkoo warra kafaranii (sirraa) qabuun ni kajeelama. Gama lolaatiin Rabbitu irra cimaadha; jiilchaanis irra cimaadha.

مَّن يَشۡفَعۡ شَفَٰعَةً حَسَنَةٗ يَكُن لَّهُۥ نَصِيبٞ مِّنۡهَاۖ وَمَن يَشۡفَعۡ شَفَٰعَةٗ سَيِّئَةٗ يَكُن لَّهُۥ كِفۡلٞ مِّنۡهَاۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ مُّقِيتٗا﴿٨٥

85Namni araarama gaarii araarse, ishee irraa qoodni (mindaan) isaaf ta’a. Namni araarama gadhee araarses, ishee irraa qoodni (hamaan) isaaf ta’a. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

وَإِذَا حُيِّيتُم بِتَحِيَّةٖ فَحَيُّواْ بِأَحۡسَنَ مِنۡهَآ أَوۡ رُدُّوهَآۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَسِيبًا﴿٨٦

86Yeroo kabajaa wahiitiin kabajamtan,(salaamataan isiniin jedhame) ishee irra gaariidhaan kabajaa; yookiin isuma deebisaa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti qorataadha

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ لَيَجۡمَعَنَّكُمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَا رَيۡبَ فِيهِۗ وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ حَدِيثٗا﴿٨٧

87Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba; isa keessa mamiin hin jiru. Eenyutu Rabbiin caalaa haasa’a dhugaa dubbata?

۞ فَمَا لَكُمۡ فِي ٱلۡمُنَٰفِقِينَ فِئَتَيۡنِ وَٱللَّهُ أَرۡكَسَهُم بِمَا كَسَبُوٓاْۚ أَتُرِيدُونَ أَن تَهۡدُواْ مَنۡ أَضَلَّ ٱللَّهُۖ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ سَبِيلٗا﴿٨٨

88Sila maaltu isiniif jiraannaan dhimma munaafiqootaa keessatti garee lamatti qoodamtan?odoo Rabbiin sababaa waan isaan hojjataniitiin duuba isaan deebisee jiruu, Sila isin nama Rabbiin jallise qajeelchuu barbaadduu? nama Rabbiin jallise karaa (ittiin qajeelu) isaaf hin argitu.

وَدُّواْ لَوۡ تَكۡفُرُونَ كَمَا كَفَرُواْ فَتَكُونُونَ سَوَآءٗۖ فَلَا تَتَّخِذُواْ مِنۡهُمۡ أَوۡلِيَآءَ حَتَّىٰ يُهَاجِرُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۚ فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَخُذُوهُمۡ وَٱقۡتُلُوهُمۡ حَيۡثُ وَجَدتُّمُوهُمۡۖ وَلَا تَتَّخِذُواْ مِنۡهُمۡ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرًا﴿٨٩

89Odoo isin akkuma isaan kafaran kafartanii isaan waliin wal qixa taatanii jaalatu. Hanga karaa Rabbii keessatti godaananitti isaan irraa jaalallee hin qabatinaa. Yoo isaan gara galan, isaan qabaatii bakka argitanitti isaan ajjeesaa.Isaan irraas jaalalleefi gargaaraa hin godhatinaa.

إِلَّا ٱلَّذِينَ يَصِلُونَ إِلَىٰ قَوۡمِۭ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُم مِّيثَٰقٌ أَوۡ جَآءُوكُمۡ حَصِرَتۡ صُدُورُهُمۡ أَن يُقَٰتِلُوكُمۡ أَوۡ يُقَٰتِلُواْ قَوۡمَهُمۡۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَسَلَّطَهُمۡ عَلَيۡكُمۡ فَلَقَٰتَلُوكُمۡۚ فَإِنِ ٱعۡتَزَلُوكُمۡ فَلَمۡ يُقَٰتِلُوكُمۡ وَأَلۡقَوۡاْ إِلَيۡكُمُ ٱلسَّلَمَ فَمَا جَعَلَ ٱللَّهُ لَكُمۡ عَلَيۡهِمۡ سَبِيلٗا﴿٩٠

90Warra hidhata qaban malee orma jidduu keessaniifi gidduu isaaniitti walii galteen (nagaa) jiru wajjin. yookiin kanneen qomni isaanii isiniin loluu irraa dhiphattee, orma isaaniitiinis lolurraa (dhiphattee) isinitti dhufan malee. Rabbiin odoo fedhee isaan isin irratti ol taasisee isiniin lolu turan. Yoo isaan isin irraa fagaatanii isin hin loliniifi nagaa isiniif kennan Rabbiin (akka loltan) isaan irratti karaa isiniif hin goone.

سَتَجِدُونَ ءَاخَرِينَ يُرِيدُونَ أَن يَأۡمَنُوكُمۡ وَيَأۡمَنُواْ قَوۡمَهُمۡ كُلَّ مَا رُدُّوٓاْ إِلَى ٱلۡفِتۡنَةِ أُرۡكِسُواْ فِيهَاۚ فَإِن لَّمۡ يَعۡتَزِلُوكُمۡ وَيُلۡقُوٓاْ إِلَيۡكُمُ ٱلسَّلَمَ وَيَكُفُّوٓاْ أَيۡدِيَهُمۡ فَخُذُوهُمۡ وَٱقۡتُلُوهُمۡ حَيۡثُ ثَقِفۡتُمُوهُمۡۚ وَأُوْلَٰٓئِكُمۡ جَعَلۡنَا لَكُمۡ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٗا مُّبِينٗا﴿٩١

91Warra biraas kan tasgabbii isin irraafi tasgabbii ummata isaanii irraa barbaadan fuuldura ni argitu. Dhawaata gara shirkiitti deebifamaniin ishee keessa cuuphamu. Yoo isaan isin irraa hin fagaatin, nagaa gara keessan hin dhaqqabsiisiniifi harkoowwan isaanii hin qabin, isaan qabaa, bakka isaan argitanitti isaan ajjeesaa. Warra kana, Nuti isaan irratti (lola akka deemsiftan) ragaa ifa ta’e isiniif goonee jirra.

وَمَا كَانَ لِمُؤۡمِنٍ أَن يَقۡتُلَ مُؤۡمِنًا إِلَّا خَطَـٔٗاۚ وَمَن قَتَلَ مُؤۡمِنًا خَطَـٔٗا فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖ وَدِيَةٞ مُّسَلَّمَةٌ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦٓ إِلَّآ أَن يَصَّدَّقُواْۚ فَإِن كَانَ مِن قَوۡمٍ عَدُوّٖ لَّكُمۡ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖۖ وَإِن كَانَ مِن قَوۡمِۭ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُم مِّيثَٰقٞ فَدِيَةٞ مُّسَلَّمَةٌ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ وَتَحۡرِيرُ رَقَبَةٖ مُّؤۡمِنَةٖۖ فَمَن لَّمۡ يَجِدۡ فَصِيَامُ شَهۡرَيۡنِ مُتَتَابِعَيۡنِ تَوۡبَةٗ مِّنَ ٱللَّهِۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿٩٢

92Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'u.Yoo dogoggoraan ta’e malee, Namni mu’umina dogoggoraan ajjeese, gabra mu’uminaa bilisoomsuufi 'diyaa' (gumaa dhiigaa) gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira) yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee. Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu irra jira. Yoo inni ummata gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira). Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aantuu soomuutu (irra jira). Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.

وَمَن يَقۡتُلۡ مُؤۡمِنٗا مُّتَعَمِّدٗا فَجَزَآؤُهُۥ جَهَنَّمُ خَٰلِدٗا فِيهَا وَغَضِبَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِ وَلَعَنَهُۥ وَأَعَدَّ لَهُۥ عَذَابًا عَظِيمٗا﴿٩٣

93Namni odoo beekuu mu’umina ajjeese, galanni isaa, jahannami achi keessatti hafa,Rabbiin isa irratti dallanee, isa abaaree jiraa. azaaba guddaa isaaf qopheesse.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِذَا ضَرَبۡتُمۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ فَتَبَيَّنُواْ وَلَا تَقُولُواْ لِمَنۡ أَلۡقَىٰٓ إِلَيۡكُمُ ٱلسَّلَٰمَ لَسۡتَ مُؤۡمِنٗا تَبۡتَغُونَ عَرَضَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا فَعِندَ ٱللَّهِ مَغَانِمُ كَثِيرَةٞۚ كَذَٰلِكَ كُنتُم مِّن قَبۡلُ فَمَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡكُمۡ فَتَبَيَّنُوٓاْۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا﴿٩٤

94Yaa warra amantan! Yeroo karaa Rabbii keessa deemtan (dubbii) adda baafadhaa. nama salaamtaa isiniin jedheen “ati Mu’uminaa miti" hin jedhinaa, meeshaa addunyaa barbaaduuf, Boojuun baay’een Rabbi bira jirtii, Duraan isinis akkasuma turtanii Rabbiin isin irratti tola oolee. dubbii adda baafadhaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaa ta'eera.

لَّا يَسۡتَوِي ٱلۡقَٰعِدُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ غَيۡرُ أُوْلِي ٱلضَّرَرِ وَٱلۡمُجَٰهِدُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡۚ فَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلۡمُجَٰهِدِينَ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡ عَلَى ٱلۡقَٰعِدِينَ دَرَجَةٗۚ وَكُلّٗا وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ وَفَضَّلَ ٱللَّهُ ٱلۡمُجَٰهِدِينَ عَلَى ٱلۡقَٰعِدِينَ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿٩٥

95Mu’uminoota irraa warri (jihaada irraa) taa’an, warra miidhama qaban malee, warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniin wal qixa hin ta’anu. Rabbiin warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an isaan taa’an irra sadarkaa caalchisee jira. Rabbiin hundaafuu jannata waadaa seeneefii jira. Rabbiin warra qabsaa’an isaan taa’an irra mindaa guddaan caalchisee jira.

دَرَجَٰتٖ مِّنۡهُ وَمَغۡفِرَةٗ وَرَحۡمَةٗۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمًا﴿٩٦

96Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise). Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.

إِنَّ ٱلَّذِينَ تَوَفَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ ظَالِمِيٓ أَنفُسِهِمۡ قَالُواْ فِيمَ كُنتُمۡۖ قَالُواْ كُنَّا مُسۡتَضۡعَفِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ قَالُوٓاْ أَلَمۡ تَكُنۡ أَرۡضُ ٱللَّهِ وَٰسِعَةٗ فَتُهَاجِرُواْ فِيهَاۚ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَسَآءَتۡ مَصِيرًا﴿٩٧

97Warri haala lubbuu isaanii miidhoo ta'aniin malaykaan isaan ajjeefte, (malaykonni) “maaluma keessa turtan?” jedhan. “Dachii keessatti hacuucamoo turre” jedhu, “Sila dachiin Rabbii bal’oo hin taanee akka ishee keessa godaantaniif?” jedhan. Jarri sun qubsumni isaanii jahannami, Deebiin waa hammaatte!

إِلَّا ٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلرِّجَالِ وَٱلنِّسَآءِ وَٱلۡوِلۡدَٰنِ لَا يَسۡتَطِيعُونَ حِيلَةٗ وَلَا يَهۡتَدُونَ سَبِيلٗا﴿٩٨

98Isaan dadhaboo malee. dhiiraa, dubartootaafi ijoollee irraakan ta’an, kan mala baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle (deemsa hindandeenye) (malee).

فَأُوْلَٰٓئِكَ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَعۡفُوَ عَنۡهُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَفُوًّا غَفُورٗا﴿٩٩

99Warra kana Rabbiin irra isaaniif dabruun nikajeelama. Rabbiin akkaan irra dabraa, akkaan araaramaa ta'eera.

۞ وَمَن يُهَاجِرۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ يَجِدۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُرَٰغَمٗا كَثِيرٗا وَسَعَةٗۚ وَمَن يَخۡرُجۡ مِنۢ بَيۡتِهِۦ مُهَاجِرًا إِلَى ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ ثُمَّ يُدۡرِكۡهُ ٱلۡمَوۡتُ فَقَدۡ وَقَعَ أَجۡرُهُۥ عَلَى ٱللَّهِۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿١٠٠

100Namni karaa Rabbii keessatti godaane, dachii keessatti iddoo godaansaa hedduufi bal'ina argata. Namni mana isaa irraa gara Rabbiitiifi ergamaa Isaa godaanuuf ba’ee ergasii duuti isa dhaqqabe, dhugumatti mindaan isaa Rabbiratti isaa mirkanaa’e, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.

وَإِذَا ضَرَبۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَلَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَن تَقۡصُرُواْ مِنَ ٱلصَّلَوٰةِ إِنۡ خِفۡتُمۡ أَن يَفۡتِنَكُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْۚ إِنَّ ٱلۡكَٰفِرِينَ كَانُواْ لَكُمۡ عَدُوّٗا مُّبِينٗا﴿١٠١

101Yeroo dachii keessa deemtan,badiin homaatuu isin irra hin jiru salaata irraa gabaabsuu keessaniin, yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan, Dhugumatti, kaafiroonni isiniif diinota mul'ataa ta'aniiru.

وَإِذَا كُنتَ فِيهِمۡ فَأَقَمۡتَ لَهُمُ ٱلصَّلَوٰةَ فَلۡتَقُمۡ طَآئِفَةٞ مِّنۡهُم مَّعَكَ وَلۡيَأۡخُذُوٓاْ أَسۡلِحَتَهُمۡۖ فَإِذَا سَجَدُواْ فَلۡيَكُونُواْ مِن وَرَآئِكُمۡ وَلۡتَأۡتِ طَآئِفَةٌ أُخۡرَىٰ لَمۡ يُصَلُّواْ فَلۡيُصَلُّواْ مَعَكَ وَلۡيَأۡخُذُواْ حِذۡرَهُمۡ وَأَسۡلِحَتَهُمۡۗ وَدَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ تَغۡفُلُونَ عَنۡ أَسۡلِحَتِكُمۡ وَأَمۡتِعَتِكُمۡ فَيَمِيلُونَ عَلَيۡكُم مَّيۡلَةٗ وَٰحِدَةٗۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيۡكُمۡ إِن كَانَ بِكُمۡ أَذٗى مِّن مَّطَرٍ أَوۡ كُنتُم مَّرۡضَىٰٓ أَن تَضَعُوٓاْ أَسۡلِحَتَكُمۡۖ وَخُذُواْ حِذۡرَكُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ أَعَدَّ لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٗا مُّهِينٗا﴿١٠٢

102Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu; meeshaalee isaaniis haa qabatanu, Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa ta'anu. Gareen biraa isaan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanu. Of eeggannoo isaaniifi meeshaa isaaniis haa qabatanu. Warri kafaran odoo isin meeshaa waraanaa keessaniifii meeshaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii jaalatu. Yoo rakkoon bokkaa irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaalee lolaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiru. Of eeggannoo keessan qabadhaa. Dhugumatti, Rabbiin kaafirootaaf azaaba salphisaa qopheessee jira.

فَإِذَا قَضَيۡتُمُ ٱلصَّلَوٰةَ فَٱذۡكُرُواْ ٱللَّهَ قِيَٰمٗا وَقُعُودٗا وَعَلَىٰ جُنُوبِكُمۡۚ فَإِذَا ٱطۡمَأۡنَنتُمۡ فَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَۚ إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ كَانَتۡ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ كِتَٰبٗا مَّوۡقُوتٗا﴿١٠٣

103Yeroo salaata raawwattan, dhaabbataa, taa'aafi cinaachoowwan keessan irra haala taataniin Rabbiin faarsaa. Yeroo tasgabbooftan salaata dhaabaa. Dhugumatti, salaanni mu’uminoota irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera.

وَلَا تَهِنُواْ فِي ٱبۡتِغَآءِ ٱلۡقَوۡمِۖ إِن تَكُونُواْ تَأۡلَمُونَ فَإِنَّهُمۡ يَأۡلَمُونَ كَمَا تَأۡلَمُونَۖ وَتَرۡجُونَ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا يَرۡجُونَۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا﴿١٠٤

104Ummata (diinaa) barbaacha keessatti hin laafinaa; Yoo kan laalattan taatan isaanis akkuma isin laalattanitti laalatu, Rabbi irraa waan isaan hin kajeelle kajeeltu. Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.

إِنَّآ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ لِتَحۡكُمَ بَيۡنَ ٱلنَّاسِ بِمَآ أَرَىٰكَ ٱللَّهُۚ وَلَا تَكُن لِّلۡخَآئِنِينَ خَصِيمٗا﴿١٠٥

105Nuti kitaabicha haqaan gara keetti buufnee jirra, akka waan Rabbiin sitti agarsiiseen gidduu namootaatti murteessituuf jecha. Gantootaaf falmaa hin ta'in.

وَٱسۡتَغۡفِرِ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿١٠٦

106Rabbiin araarama kadhu. Dhugumatti Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta'eera.

وَلَا تُجَٰدِلۡ عَنِ ٱلَّذِينَ يَخۡتَانُونَ أَنفُسَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ خَوَّانًا أَثِيمٗا﴿١٠٧

107Isaan lubbuulee isaanii ganan irraas hin falmin. Dhugumatti Rabbiin nama akkaan ganaa dilaawaa ta’e hin jaalatu.

يَسۡتَخۡفُونَ مِنَ ٱلنَّاسِ وَلَا يَسۡتَخۡفُونَ مِنَ ٱللَّهِ وَهُوَ مَعَهُمۡ إِذۡ يُبَيِّتُونَ مَا لَا يَرۡضَىٰ مِنَ ٱلۡقَوۡلِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا يَعۡمَلُونَ مُحِيطًا﴿١٠٨

108Nama irraa ni dhokatu;Rabbi irraa hin dhokatanu, inni yeroo isaan jecha irraa waan inni hin jaalanne bulfatan isaanii wajjin jira. Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaa ta'eera.

هَٰٓأَنتُمۡ هَٰٓؤُلَآءِ جَٰدَلۡتُمۡ عَنۡهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا فَمَن يُجَٰدِلُ ٱللَّهَ عَنۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَم مَّن يَكُونُ عَلَيۡهِمۡ وَكِيلٗا﴿١٠٩

109Dhaga'aa! Isin warri kun jireenya addunyaa keessatti isaan irraa falmitanii, Guyyaa Qiyaamaa immoo eenyutu isaan irraa falma? Yookiin eenyutu isaan irratti tiksaa ta'a?

وَمَن يَعۡمَلۡ سُوٓءًا أَوۡ يَظۡلِمۡ نَفۡسَهُۥ ثُمَّ يَسۡتَغۡفِرِ ٱللَّهَ يَجِدِ ٱللَّهَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿١١٠

110Namni hamtuu hojjatee yookiin lubbuu isaa miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’uu arga.

وَمَن يَكۡسِبۡ إِثۡمٗا فَإِنَّمَا يَكۡسِبُهُۥ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿١١١

111Namni badii oomishes, kan inni isa oomishu lubbuma isaa irratti. Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.

وَمَن يَكۡسِبۡ خَطِيٓـَٔةً أَوۡ إِثۡمٗا ثُمَّ يَرۡمِ بِهِۦ بَرِيٓـٔٗا فَقَدِ ٱحۡتَمَلَ بُهۡتَٰنٗا وَإِثۡمٗا مُّبِينٗا﴿١١٢

112Namni dogoggora yookiin badii oomishee ergasii nama qulqulluu isaan darbate (arrabse), inni dhugumatti cubbuufi badii ifa ta’e baateera.

وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكَ وَرَحۡمَتُهُۥ لَهَمَّت طَّآئِفَةٞ مِّنۡهُمۡ أَن يُضِلُّوكَ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّآ أَنفُسَهُمۡۖ وَمَا يَضُرُّونَكَ مِن شَيۡءٖۚ وَأَنزَلَ ٱللَّهُ عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡحِكۡمَةَ وَعَلَّمَكَ مَا لَمۡ تَكُن تَعۡلَمُۚ وَكَانَ فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكَ عَظِيمٗا﴿١١٣

113Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa sirra jiraachuu baatee, silaa gareen isaan irraa taate tokko si jallisuuf yaaddeetti. Lubbuulee isaanii malee homaa hin jallisanu. Homaa si hin miidhanus. Rabbiin kitaaba (Qur’aanaa)fi ogummaa (hadiisa) sirratti buuse; waan ati kabeektu hintahin si barsiise, Tolli Rabbiin sirratti oolu guddaa ta’eera.

۞ لَّا خَيۡرَ فِي كَثِيرٖ مِّن نَّجۡوَىٰهُمۡ إِلَّا مَنۡ أَمَرَ بِصَدَقَةٍ أَوۡ مَعۡرُوفٍ أَوۡ إِصۡلَٰحِۭ بَيۡنَ ٱلنَّاسِۚ وَمَن يَفۡعَلۡ ذَٰلِكَ ٱبۡتِغَآءَ مَرۡضَاتِ ٱللَّهِ فَسَوۡفَ نُؤۡتِيهِ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿١١٤

114hedduu maqoo isaanii keessa toltuun hin jiru.Nama sadaqaatti yookiin gaggaaritti yookiin gidduu namaa araarsutti ajaje malee, Namni jaalala Rabbii barbaaduuf kana hojjate, fuulduratti galata guddaa isaaf kennina.

وَمَن يُشَاقِقِ ٱلرَّسُولَ مِنۢ بَعۡدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُ ٱلۡهُدَىٰ وَيَتَّبِعۡ غَيۡرَ سَبِيلِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ نُوَلِّهِۦ مَا تَوَلَّىٰ وَنُصۡلِهِۦ جَهَنَّمَۖ وَسَآءَتۡ مَصِيرًا﴿١١٥

115Namni erga qajeelloon ifa isaaf ta’ee booda ergamicha faallesseefi karaa mu’uminootaa kantahin hordofe, waan inni moo'e (jallina) irratti isa moosifna; jahannamiinis isa seensifna. Deebittiin waa fokkattee!

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَغۡفِرُ أَن يُشۡرَكَ بِهِۦ وَيَغۡفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَآءُۚ وَمَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَقَدۡ ضَلَّ ضَلَٰلَۢا بَعِيدًا﴿١١٦

116Dhugumatti Rabbiin Isatti qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti jallina fagoo ta’e jallateera.

إِن يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦٓ إِلَّآ إِنَٰثٗا وَإِن يَدۡعُونَ إِلَّا شَيۡطَٰنٗا مَّرِيدٗا﴿١١٧

117Isaa (Rabbii) gaditti dhaltuuwwan malee homaa hin gabbaranu; shayxaana darbamaa malees homaa hin gabbaranu.

لَّعَنَهُ ٱللَّهُۘ وَقَالَ لَأَتَّخِذَنَّ مِنۡ عِبَادِكَ نَصِيبٗا مَّفۡرُوضٗا﴿١١٨

118Rabbiin isa abaareera. Innis ni jedhe: “Ani gabroota kee irraa qooda murtaa’e nan qabadha.

وَلَأُضِلَّنَّهُمۡ وَلَأُمَنِّيَنَّهُمۡ وَلَأٓمُرَنَّهُمۡ فَلَيُبَتِّكُنَّ ءَاذَانَ ٱلۡأَنۡعَٰمِ وَلَأٓمُرَنَّهُمۡ فَلَيُغَيِّرُنَّ خَلۡقَ ٱللَّهِۚ وَمَن يَتَّخِذِ ٱلشَّيۡطَٰنَ وَلِيّٗا مِّن دُونِ ٱللَّهِ فَقَدۡ خَسِرَ خُسۡرَانٗا مُّبِينٗا﴿١١٩

119Isaanis nan jallisa; isaan nan hawwisiisas; isaanis nan ajajaa gurra beeyladaa ni tarsaasu; isaan nan ajajaa uumama Rabbii ni jijjiiru." Namni Rabbiin malee sheyxaana jaalallee godhate, inni dhugumatti hoongoo ifa ta’e hoonga’eera.

يَعِدُهُمۡ وَيُمَنِّيهِمۡۖ وَمَا يَعِدُهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ إِلَّا غُرُورًا﴿١٢٠

120Isaaniif waadaa seena; isaanis ni hawwisiisa. Shayxaanni gowwoomsaa malee isaaniif waadaa hin galu.

أُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُ وَلَا يَجِدُونَ عَنۡهَا مَحِيصٗا﴿١٢١

121Warri sun qubsumni isaanii jahannami; ishee irraa gara itti dabanis hin argatanu.

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَنُدۡخِلُهُمۡ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٗاۚ وَمَنۡ أَصۡدَقُ مِنَ ٱللَّهِ قِيلٗا﴿١٢٢

122Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifna. Yeroo hunda achi keessatti hafu. Rabbiin waadaa seenee dhugaa isa godhe. Namni dubbiidhaan Rabbirra dhugaa eenyu? (Hin jiru).

لَّيۡسَ بِأَمَانِيِّكُمۡ وَلَآ أَمَانِيِّ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِۗ مَن يَعۡمَلۡ سُوٓءٗا يُجۡزَ بِهِۦ وَلَا يَجِدۡ لَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرٗا﴿١٢٣

123Hawwii keessaniifi hawwii abbootii kitaabaatiin hin taane; namni hamtuu hojjate isaan mindeeffama; Rabbii gaditti jaalalleefi gargaaraas isaaf hin argu.

وَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِن ذَكَرٍ أَوۡ أُنثَىٰ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ وَلَا يُظۡلَمُونَ نَقِيرٗا﴿١٢٤

124Dhiiraafi dhalaa irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu.

وَمَنۡ أَحۡسَنُ دِينٗا مِّمَّنۡ أَسۡلَمَ وَجۡهَهُۥ لِلَّهِ وَهُوَ مُحۡسِنٞ وَٱتَّبَعَ مِلَّةَ إِبۡرَٰهِيمَ حَنِيفٗاۗ وَٱتَّخَذَ ٱللَّهُ إِبۡرَٰهِيمَ خَلِيلٗا﴿١٢٥

125Eenyutu irra tole amanatiin nama haala bareechaa ta'een fuula isaa Rabbiif bulchee caalaa? kan amantii Ibraahiim qajeelaa haala ta'een hordofe. Rabbiin Ibraahiimiin jaalallee godhateera.

وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٖ مُّحِيطٗا﴿١٢٦

126Wantoonni samiifi dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundatti (beekumsaan) marsaa ta'e.

وَيَسۡتَفۡتُونَكَ فِي ٱلنِّسَآءِۖ قُلِ ٱللَّهُ يُفۡتِيكُمۡ فِيهِنَّ وَمَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ فِي يَتَٰمَى ٱلنِّسَآءِ ٱلَّٰتِي لَا تُؤۡتُونَهُنَّ مَا كُتِبَ لَهُنَّ وَتَرۡغَبُونَ أَن تَنكِحُوهُنَّ وَٱلۡمُسۡتَضۡعَفِينَ مِنَ ٱلۡوِلۡدَٰنِ وَأَن تَقُومُواْ لِلۡيَتَٰمَىٰ بِٱلۡقِسۡطِۚ وَمَا تَفۡعَلُواْ مِنۡ خَيۡرٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِهِۦ عَلِيمٗا﴿١٢٧

127Waa'ee dubartootaa keessatti si gaafatu jedhi "Waa'ee isaanii keessatti Rabbiin isiniif ibsa, Wanti kitaaba keessatti isin irratti dubbifamutu. waa'ee dubartoota yatiimaa keessatti kan isin waan isaaniif barreeffame isaaniif hin kenninefi isaan fuuchuu jibbitaniifi dadhabdoota ijoollee irraa ta'aniifi yatiimotaafis haqaan dhaabbachuu (Rabbiin isiniif ibsa). Toltuu irraa waan isin hojjattan kamillee dhugumatti Rabbiin isa beekaa ta’eera.

وَإِنِ ٱمۡرَأَةٌ خَافَتۡ مِنۢ بَعۡلِهَا نُشُوزًا أَوۡ إِعۡرَاضٗا فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡهِمَآ أَن يُصۡلِحَا بَيۡنَهُمَا صُلۡحٗاۚ وَٱلصُّلۡحُ خَيۡرٞۗ وَأُحۡضِرَتِ ٱلۡأَنفُسُ ٱلشُّحَّۚ وَإِن تُحۡسِنُواْ وَتَتَّقُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا﴿١٢٨

128Yoo dubartiin tokko dhirsa ishee jibbaa yookiin irraa gara galiinsa sodaatte, gidduu isaaniitti walii galtee uumuun badiin isaan irra hin jiru.araaratu caala. Lubbuuleen don’ummaa kennamte. Yoo tolchitanii (badii irraa) eeggattan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan (hunda) keessa beekaadha.

وَلَن تَسۡتَطِيعُوٓاْ أَن تَعۡدِلُواْ بَيۡنَ ٱلنِّسَآءِ وَلَوۡ حَرَصۡتُمۡۖ فَلَا تَمِيلُواْ كُلَّ ٱلۡمَيۡلِ فَتَذَرُوهَا كَٱلۡمُعَلَّقَةِۚ وَإِن تُصۡلِحُواْ وَتَتَّقُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿١٢٩

129Odoma bololtaniillee gidduu dubartootaa wal qixxeessuu hin dandeessanu; (Gara ishee tokkoo) dabiinsa hunda dabdanii (ishee kaan) akka rarraafamtuutti hin dhiisinaa. Yoo tolchitanii (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

وَإِن يَتَفَرَّقَا يُغۡنِ ٱللَّهُ كُلّٗا مِّن سَعَتِهِۦۚ وَكَانَ ٱللَّهُ وَٰسِعًا حَكِيمٗا﴿١٣٠

130Yoo isaan lameen adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.

وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَلَقَدۡ وَصَّيۡنَا ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكُمۡ وَإِيَّاكُمۡ أَنِ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ وَإِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَنِيًّا حَمِيدٗا﴿١٣١

131Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Dhugumatti warra isin dura kitaaba kennamaniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirra. Yoo kafartan Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiin dureessa, faarfamaa ta’eera.

وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا﴿١٣٢

132Wantoonni samiifi dachii keessaa hundi kan Rabbiiti. Hirkoodhaaf Rabbiin ga’aadha.

إِن يَشَأۡ يُذۡهِبۡكُمۡ أَيُّهَا ٱلنَّاسُ وَيَأۡتِ بِـَٔاخَرِينَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ ذَٰلِكَ قَدِيرٗا﴿١٣٣

133isin Yaa namootaa! (Rabbiin) yoo fedhe isin deemsisee warra biraa fida. Rabbiin kana irratti danda’aa ta'eera.

مَّن كَانَ يُرِيدُ ثَوَابَ ٱلدُّنۡيَا فَعِندَ ٱللَّهِ ثَوَابُ ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا﴿١٣٤

134Namni mindaa addunyaa kan fedhu ta'e, mindaan addunyaafi Aakhiraa Rabbiin bira qofa jira. Rabbiin dhaga’aa, argaa ta’eera.

۞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُواْ قَوَّٰمِينَ بِٱلۡقِسۡطِ شُهَدَآءَ لِلَّهِ وَلَوۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ أَوِ ٱلۡوَٰلِدَيۡنِ وَٱلۡأَقۡرَبِينَۚ إِن يَكُنۡ غَنِيًّا أَوۡ فَقِيرٗا فَٱللَّهُ أَوۡلَىٰ بِهِمَاۖ فَلَا تَتَّبِعُواْ ٱلۡهَوَىٰٓ أَن تَعۡدِلُواْۚ وَإِن تَلۡوُۥٓاْ أَوۡ تُعۡرِضُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا﴿١٣٥

135isin Yaa warra amantan! haqaan dhaabbattoota Rabbiif ragaalee ta’aa odoma lubbuu keessan yookiin abbaa haadha keessaniifi firoota keessan irrattis ta’eeyyuu. Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’e Rabbitu irra isaanitti aana. Haqa irraa dabuuf fedha lubbuu keessanii hin hordofinaa. Yoo (ragaa) dabsitan yookiin (ragaa bahuu irraa) gara galtan, dhugumatti Rabbiin waan isin dalagdan hunda beekaa ta'eera.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ ءَامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِي نَزَّلَ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ مِن قَبۡلُۚ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱللَّهِ وَمَلَٰٓئِكَتِهِۦ وَكُتُبِهِۦ وَرُسُلِهِۦ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ فَقَدۡ ضَلَّ ضَلَٰلَۢا بَعِيدًا﴿١٣٦

136isin Yaa warra amantan! Rabbitti amanaa, ergamaa Isaattis, kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettis kitaaba Inni sana dura buusettis (amanaa). Namni Rabbitti kafare maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis,ifi Guyyaa Aakhiraatti (kafare), inni dhugumatti jallina fagoo jallateera.

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ثُمَّ كَفَرُواْ ثُمَّ ءَامَنُواْ ثُمَّ كَفَرُواْ ثُمَّ ٱزۡدَادُواْ كُفۡرٗا لَّمۡ يَكُنِ ٱللَّهُ لِيَغۡفِرَ لَهُمۡ وَلَا لِيَهۡدِيَهُمۡ سَبِيلَۢا﴿١٣٧

137Dhugumatti isaan amananii ergasii kafaran, ergasii amananii ergasii kafaran, ergasiis kufrii daddabalatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi kan karaa isaan qajeelchu hin taane.

بَشِّرِ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ بِأَنَّ لَهُمۡ عَذَابًا أَلِيمًا﴿١٣٨

138munaafiqoota gammachiisi. Adabni laalessaan isaaniif jira jechuudhaan.

ٱلَّذِينَ يَتَّخِذُونَ ٱلۡكَٰفِرِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ أَيَبۡتَغُونَ عِندَهُمُ ٱلۡعِزَّةَ فَإِنَّ ٱلۡعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعٗا﴿١٣٩

139(Isaan) warra mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee godhataniidha. Sila jabeenya isaan bira barbaaduu? Dhugumatti, jabeenyi hundi kan Rabbiiti.

وَقَدۡ نَزَّلَ عَلَيۡكُمۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ أَنۡ إِذَا سَمِعۡتُمۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ يُكۡفَرُ بِهَا وَيُسۡتَهۡزَأُ بِهَا فَلَا تَقۡعُدُواْ مَعَهُمۡ حَتَّىٰ يَخُوضُواْ فِي حَدِيثٍ غَيۡرِهِۦٓ إِنَّكُمۡ إِذٗا مِّثۡلُهُمۡۗ إِنَّ ٱللَّهَ جَامِعُ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱلۡكَٰفِرِينَ فِي جَهَنَّمَ جَمِيعًا﴿١٤٠

140Dhugumatti, kitaaba keessatti (Rabbiin) isin irratti buuseera “yeroo keeyyattoota Rabbii kan isaanitti kafaramuufi isaanitti qoofamu dhageessan,isaan waliin hin taa’inaa hanga isaan haasa’a biraa keessa seenanitti ” jechuun. Yoos isinis fakkaattota isaaniiti. Dhugumatti, Rabbiin munaafiqootaafi kaafiroota jahannam keessatti walitti qabaadha.

ٱلَّذِينَ يَتَرَبَّصُونَ بِكُمۡ فَإِن كَانَ لَكُمۡ فَتۡحٞ مِّنَ ٱللَّهِ قَالُوٓاْ أَلَمۡ نَكُن مَّعَكُمۡ وَإِن كَانَ لِلۡكَٰفِرِينَ نَصِيبٞ قَالُوٓاْ أَلَمۡ نَسۡتَحۡوِذۡ عَلَيۡكُمۡ وَنَمۡنَعۡكُم مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ فَٱللَّهُ يَحۡكُمُ بَيۡنَكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَلَن يَجۡعَلَ ٱللَّهُ لِلۡكَٰفِرِينَ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ سَبِيلًا﴿١٤١

141(Isaan) warra hamtuu isinitti eeganuudha. Yoo injifannoon Rabbi irraa isiniif ta’e “nuti isinii wajjiin hin turree?” jedhu. Yoo carraan kaafirootaf ta’e immoo “sila nuti isin irratti akkaan hin hoggannee? Mu’uminoota isin irraa hin dhorginee?” jedhu. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu keessanitti ni murteessa. Rabbiin kaafirootaaf mu’uminoota irratti karaa hin godhu.

إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ يُخَٰدِعُونَ ٱللَّهَ وَهُوَ خَٰدِعُهُمۡ وَإِذَا قَامُوٓاْ إِلَى ٱلصَّلَوٰةِ قَامُواْ كُسَالَىٰ يُرَآءُونَ ٱلنَّاسَ وَلَا يَذۡكُرُونَ ٱللَّهَ إِلَّا قَلِيلٗا﴿١٤٢

142Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin ganu. Innis (mindaa dalagaa isaaniitiif) ganaa isaaniiti. Yeroo gara salaataa ka'anis, taatiyaahaa (hifataa) dhaabbatu, nama argisiifatan . Xiqqoo malee Rabbiin hin faarsanu.

مُّذَبۡذَبِينَ بَيۡنَ ذَٰلِكَ لَآ إِلَىٰ هَٰٓؤُلَآءِ وَلَآ إِلَىٰ هَٰٓؤُلَآءِۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ سَبِيلٗا﴿١٤٣

143Gidduu kanatti dhama'oo ta'anii gara isaan kanaas miti; gara isaan sanaas miti. Nama Rabbiin jallise, karaa (qajeelumaa) isaaf hin argitu.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَتَّخِذُواْ ٱلۡكَٰفِرِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ أَتُرِيدُونَ أَن تَجۡعَلُواْ لِلَّهِ عَلَيۡكُمۡ سُلۡطَٰنٗا مُّبِينًا﴿١٤٤

144isin Yaa warra amantan! Mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee hin taasifatinaa. Sila isin irratti Rabbiif ragaa ifa ta’e taasisuu feetuu?

إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ فِي ٱلدَّرۡكِ ٱلۡأَسۡفَلِ مِنَ ٱلنَّارِ وَلَن تَجِدَ لَهُمۡ نَصِيرًا﴿١٤٥

145Dhugumatti, munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii keessa ta'u. Tumsaas isaaniif hin argitu.

إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ وَأَصۡلَحُواْ وَٱعۡتَصَمُواْ بِٱللَّهِ وَأَخۡلَصُواْ دِينَهُمۡ لِلَّهِ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ وَسَوۡفَ يُؤۡتِ ٱللَّهُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ أَجۡرًا عَظِيمٗا﴿١٤٦

146Isaan tawbatanii, tolchanii, Rabbiin qabataniifi amantii isaanii Rabbiif qulqulleessan malee. Warri kun mu’uminoota waliin ta’u. Rabbiinis mu’uminootaaf mindaa guddaa ni kenna

مَّا يَفۡعَلُ ٱللَّهُ بِعَذَابِكُمۡ إِن شَكَرۡتُمۡ وَءَامَنتُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ شَاكِرًا عَلِيمٗا﴿١٤٧

147Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin adabbii keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.

۞ لَّا يُحِبُّ ٱللَّهُ ٱلۡجَهۡرَ بِٱلسُّوٓءِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ إِلَّا مَن ظُلِمَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ سَمِيعًا عَلِيمًا﴿١٤٨

148Yoo nama miidhame ta’e malee Rabbiin jecha irraa hamaa ifa baasuu hin jaalatu. Rabbiinis dhagayaa, beekaa ta'eera.

إِن تُبۡدُواْ خَيۡرًا أَوۡ تُخۡفُوهُ أَوۡ تَعۡفُواْ عَن سُوٓءٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَفُوّٗا قَدِيرًا﴿١٤٩

149Yoo toltuu ifa gootan yookiin isa dhoksitan yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan, dhugumatti Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera.

إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكۡفُرُونَ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيُرِيدُونَ أَن يُفَرِّقُواْ بَيۡنَ ٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَيَقُولُونَ نُؤۡمِنُ بِبَعۡضٖ وَنَكۡفُرُ بِبَعۡضٖ وَيُرِيدُونَ أَن يَتَّخِذُواْ بَيۡنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا﴿١٥٠

150Dhugumatti, isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaatti ni amanna; garii Isaatti ni kafarra” jedhan, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,

أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ حَقّٗاۚ وَأَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٗا مُّهِينٗا﴿١٥١

151Isaan warra dhugaan kafaraniidha, kaafirootaaf azaaba xiqqeessaa qopheessinee jirra.

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦ وَلَمۡ يُفَرِّقُواْ بَيۡنَ أَحَدٖ مِّنۡهُمۡ أُوْلَٰٓئِكَ سَوۡفَ يُؤۡتِيهِمۡ أُجُورَهُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا﴿١٥٢

152Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanan, gidduu tokkoon isaan irraa ta'ees adda hin baasin, isaan san (Rabbiin) mindaa isaanii isaaniif kenna. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.

يَسۡـَٔلُكَ أَهۡلُ ٱلۡكِتَٰبِ أَن تُنَزِّلَ عَلَيۡهِمۡ كِتَٰبٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِۚ فَقَدۡ سَأَلُواْ مُوسَىٰٓ أَكۡبَرَ مِن ذَٰلِكَ فَقَالُوٓاْ أَرِنَا ٱللَّهَ جَهۡرَةٗ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ بِظُلۡمِهِمۡۚ ثُمَّ ٱتَّخَذُواْ ٱلۡعِجۡلَ مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡبَيِّنَٰتُ فَعَفَوۡنَا عَن ذَٰلِكَۚ وَءَاتَيۡنَا مُوسَىٰ سُلۡطَٰنٗا مُّبِينٗا﴿١٥٣

153Abbootiin kitaabaa samii irraa kitaaba isaan irratti buusuu si gaafatu. Muusaas waan kana irra guddaa gaafataniiru. “Rabbiin ifatti nu agarsiisi” jedhani. Sababaa miidhaa isaaniitiin gaggabbiin (duuti) isaan qabde. Sana booda erga ragaawwan isaanitti dhufanii jibicha (gabbaramaa) godhatan. Sanas irra isaaniif dabrine. Muusaaf ragaa ifa ta’e kennine.

وَرَفَعۡنَا فَوۡقَهُمُ ٱلطُّورَ بِمِيثَٰقِهِمۡ وَقُلۡنَا لَهُمُ ٱدۡخُلُواْ ٱلۡبَابَ سُجَّدٗا وَقُلۡنَا لَهُمۡ لَا تَعۡدُواْ فِي ٱلسَّبۡتِ وَأَخَذۡنَا مِنۡهُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا﴿١٥٤

154Waadaa isaan galchuuf gaara isaan irratti ol kaafnee, “sujuuda godhaa balbalicha seenaa” isaaniin jenne, “Sanbata keessattis daangaa hin tarinaa" isaaniin jenne, Waadaa ulfaataa isaan irraa fuune.

فَبِمَا نَقۡضِهِم مِّيثَٰقَهُمۡ وَكُفۡرِهِم بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ وَقَتۡلِهِمُ ٱلۡأَنۢبِيَآءَ بِغَيۡرِ حَقّٖ وَقَوۡلِهِمۡ قُلُوبُنَا غُلۡفُۢۚ بَلۡ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَيۡهَا بِكُفۡرِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُونَ إِلَّا قَلِيلٗا﴿١٥٥

155Sababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyoota haqaan ala ajjeesuu isaaniitiifi “onneen keenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre). Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amananu.

وَبِكُفۡرِهِمۡ وَقَوۡلِهِمۡ عَلَىٰ مَرۡيَمَ بُهۡتَٰنًا عَظِيمٗا﴿١٥٦

156Sababaa kufrii isaaniitiifi Maryam irratti kijiba guddaa odeessuu isaanitiif (isaan abaarre).

وَقَوۡلِهِمۡ إِنَّا قَتَلۡنَا ٱلۡمَسِيحَ عِيسَى ٱبۡنَ مَرۡيَمَ رَسُولَ ٱللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِن شُبِّهَ لَهُمۡۚ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُۚ مَا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ إِلَّا ٱتِّبَاعَ ٱلظَّنِّۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينَۢا﴿١٥٧

157Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre), Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes, Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru, sehaa hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban, Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.

بَل رَّفَعَهُ ٱللَّهُ إِلَيۡهِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا﴿١٥٨

158Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.

وَإِن مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡكِتَٰبِ إِلَّا لَيُؤۡمِنَنَّ بِهِۦ قَبۡلَ مَوۡتِهِۦۖ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ يَكُونُ عَلَيۡهِمۡ شَهِيدٗا﴿١٥٩

159Abbootiin kitaabaa kamillee odoo hin du'in dura isatti amanu malee hin hafu, Guyyaa Qiyaamaa isaan irratti ragaa ta’a.

فَبِظُلۡمٖ مِّنَ ٱلَّذِينَ هَادُواْ حَرَّمۡنَا عَلَيۡهِمۡ طَيِّبَٰتٍ أُحِلَّتۡ لَهُمۡ وَبِصَدِّهِمۡ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ كَثِيرٗا﴿١٦٠

160Sababaa miidhaa warra yahuudomaniifi gaggaarii halaala isaaniif ta’ee ture haraama isaan irratti taasifne, sababaa isaan (namoota) baay’ee karaa Rabbii irraa deebisaniif .

وَأَخۡذِهِمُ ٱلرِّبَوٰاْ وَقَدۡ نُهُواْ عَنۡهُ وَأَكۡلِهِمۡ أَمۡوَٰلَ ٱلنَّاسِ بِٱلۡبَٰطِلِۚ وَأَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ مِنۡهُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا﴿١٦١

161Dhalas odoo dhugumaan irraa dhorgamanii jiranuu fudhachuu isaaniitiin, horii namaa karaa malee waan nyaataniif (isaan abaarre), Kaafiroota isaan irraa ta'aniif adabbii laalessaa qopheessineerra.

لَّٰكِنِ ٱلرَّٰسِخُونَ فِي ٱلۡعِلۡمِ مِنۡهُمۡ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ يُؤۡمِنُونَ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَ وَمَآ أُنزِلَ مِن قَبۡلِكَۚ وَٱلۡمُقِيمِينَ ٱلصَّلَوٰةَۚ وَٱلۡمُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ أُوْلَٰٓئِكَ سَنُؤۡتِيهِمۡ أَجۡرًا عَظِيمًا﴿١٦٢

162Garuu isaan irraa warri beekumsa gadi fagoo qabaniifi mu’uminoonni waan gara keetti bu’eefi waan si dura bu’etti ni amanu; warra salaata dhaabanin (faarsa). Warri zakaa kennaniifi, Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis amanan, isaan sana mindaa guddaa isaaniif kennina.

۞ إِنَّآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ كَمَآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ نُوحٖ وَٱلنَّبِيِّـۧنَ مِنۢ بَعۡدِهِۦۚ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡمَٰعِيلَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ وَٱلۡأَسۡبَاطِ وَعِيسَىٰ وَأَيُّوبَ وَيُونُسَ وَهَٰرُونَ وَسُلَيۡمَٰنَۚ وَءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ زَبُورٗا﴿١٦٣

163Nuti gara keetti beeksisa goonee jirra akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa boodatti beeksisa goone, Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, asbaax (ilmaan Ya’aquub), Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa goonee jirra. Daawuudiif ‘Zabuur’ kennineerra.

وَرُسُلٗا قَدۡ قَصَصۡنَٰهُمۡ عَلَيۡكَ مِن قَبۡلُ وَرُسُلٗا لَّمۡ نَقۡصُصۡهُمۡ عَلَيۡكَۚ وَكَلَّمَ ٱللَّهُ مُوسَىٰ تَكۡلِيمٗا﴿١٦٤

164Ergamtoota san dura seenaa isaanii siif himneefi kan seenaa isaanii siif hin himiniis (erginee jirra). Rabbiin Muusaa haasofsiise haasofsiinsa.

رُّسُلٗا مُّبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَى ٱللَّهِ حُجَّةُۢ بَعۡدَ ٱلرُّسُلِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمٗا﴿١٦٥

165Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine.), Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namaaf ragaan hin argamneef Rabbiin injifataa, ogeessa.tahee jira.

لَّٰكِنِ ٱللَّهُ يَشۡهَدُ بِمَآ أَنزَلَ إِلَيۡكَۖ أَنزَلَهُۥ بِعِلۡمِهِۦۖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ يَشۡهَدُونَۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدًا﴿١٦٦

166Garuu Rabbiin waan gara keetti buuse irratti ragaa ba’a, Beekumsa Isaatiin isa buuse, Malaa’ikoonnis ragaa ba’u, Ragaadhaaf Rabbiin ga’aadha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَصَدُّواْ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ قَدۡ ضَلُّواْ ضَلَٰلَۢا بَعِيدًا﴿١٦٧

167Dhugumatti, warri kafaranii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan, dhugumatti isaan jallina fagoo ta’e jallataniiru.

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَظَلَمُواْ لَمۡ يَكُنِ ٱللَّهُ لِيَغۡفِرَ لَهُمۡ وَلَا لِيَهۡدِيَهُمۡ طَرِيقًا﴿١٦٨

168Dhugumatti, isaan kafaranii miidhaa hojjatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi karaa isaan qajeelchu hin taane.

إِلَّا طَرِيقَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٗا﴿١٦٩

169karaa jahannam malee, ishee keessa zalaalam jiraatoodha, Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدۡ جَآءَكُمُ ٱلرَّسُولُ بِٱلۡحَقِّ مِن رَّبِّكُمۡ فَـَٔامِنُواْ خَيۡرٗا لَّكُمۡۚ وَإِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمٗا﴿١٧٠

170isin Yaa namootaa! Dhugumatti, ergamaan Gooftaa keessan irraa ta’ee dhugaan isinitti dhufeeraa; isatti amanaa caalaa isiniif (ta'aa). Yoo kafartan, wantoonni samiifi dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

يَٰٓأَهۡلَ ٱلۡكِتَٰبِ لَا تَغۡلُواْ فِي دِينِكُمۡ وَلَا تَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّۚ إِنَّمَا ٱلۡمَسِيحُ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ رَسُولُ ٱللَّهِ وَكَلِمَتُهُۥٓ أَلۡقَىٰهَآ إِلَىٰ مَرۡيَمَ وَرُوحٞ مِّنۡهُۖ فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرُسُلِهِۦۖ وَلَا تَقُولُواْ ثَلَٰثَةٌۚ ٱنتَهُواْ خَيۡرٗا لَّكُمۡۚ إِنَّمَا ٱللَّهُ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓ أَن يَكُونَ لَهُۥ وَلَدٞۘ لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلٗا﴿١٧١

171Yaa abbootii kitaabaa! amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta'i jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedha. Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanaa. “Rabbiin sadihi” hin jedhina. Isarraa dhorgamaa; isiniif caalaa (ta'aa). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa. Inni ilmi Isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e. Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Isaati. Hirkoodhaaf Rabbiin qofti ga’aadha.

لَّن يَسۡتَنكِفَ ٱلۡمَسِيحُ أَن يَكُونَ عَبۡدٗا لِّلَّهِ وَلَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ ٱلۡمُقَرَّبُونَۚ وَمَن يَسۡتَنكِفۡ عَنۡ عِبَادَتِهِۦ وَيَسۡتَكۡبِرۡ فَسَيَحۡشُرُهُمۡ إِلَيۡهِ جَمِيعٗا﴿١٧٢

172Masiih Rabbiif gabricha ta’uu irraa hin nuffu; Malaa’ikoonni dhihoonis (hin nuffanu). Namni Isa gabbaruu irraa nuffeefi boone, Inni hunda isaanii gara Isaatti walitti isaan qaba.

فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَيُوَفِّيهِمۡ أُجُورَهُمۡ وَيَزِيدُهُم مِّن فَضۡلِهِۦۖ وَأَمَّا ٱلَّذِينَ ٱسۡتَنكَفُواْ وَٱسۡتَكۡبَرُواْ فَيُعَذِّبُهُمۡ عَذَابًا أَلِيمٗا وَلَا يَجِدُونَ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرٗا﴿١٧٣

173Isaannan amananiifi gaggaarii hojjatan, mindaalee isaanii isaaniif guuta,Tola Isaa irraas isaaniif dabala. Isaannan nuffaniifi boonan adabbii laalessaa isaan adaba. Isaaniifi Rabbii gaditti jaalallees ta’ee tumsaa hin argatanu.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ قَدۡ جَآءَكُم بُرۡهَٰنٞ مِّن رَّبِّكُمۡ وَأَنزَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ نُورٗا مُّبِينٗا﴿١٧٤

174isin Yaa namootaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeera. Ifa mul’ataa gara keessanitti buufnee jirra.

فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱللَّهِ وَٱعۡتَصَمُواْ بِهِۦ فَسَيُدۡخِلُهُمۡ فِي رَحۡمَةٖ مِّنۡهُ وَفَضۡلٖ وَيَهۡدِيهِمۡ إِلَيۡهِ صِرَٰطٗا مُّسۡتَقِيمٗا﴿١٧٥

175Isaannan Rabbitti amananii, Isa qabatan immoo, fuulduratti rahmata Isa irraa ta’eefi tola keessa isaan seensisa. Gara isaatti karaa qajeelaa isaan qajeelcha.

يَسۡتَفۡتُونَكَ قُلِ ٱللَّهُ يُفۡتِيكُمۡ فِي ٱلۡكَلَٰلَةِۚ إِنِ ٱمۡرُؤٌاْ هَلَكَ لَيۡسَ لَهُۥ وَلَدٞ وَلَهُۥٓ أُخۡتٞ فَلَهَا نِصۡفُ مَا تَرَكَۚ وَهُوَ يَرِثُهَآ إِن لَّمۡ يَكُن لَّهَا وَلَدٞۚ فَإِن كَانَتَا ٱثۡنَتَيۡنِ فَلَهُمَا ٱلثُّلُثَانِ مِمَّا تَرَكَۚ وَإِن كَانُوٓاْ إِخۡوَةٗ رِّجَالٗا وَنِسَآءٗ فَلِلذَّكَرِ مِثۡلُ حَظِّ ٱلۡأُنثَيَيۡنِۗ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمۡ أَن تَضِلُّواْۗ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمُۢ﴿١٧٦

176Si gaafatu, Jedhi: “Rabbiin waa'ee ‘kalaalah’ (nama jalaafi gubbaan kan isa dhaalu hin qabne) keessatti isiniif ibsa. Yoo namtichi du'e kan ilmi isaaf hintahin kan obboleettiin isaaf taate, isheedhaaf walakkaa waan inni dhiisetu jira. Innis yoo isheen ilma hin qabaatin ishee dhaala. Yoo isaan (obboleettiiwwan) lama ta’an, isaaniif dhaala inni dhiise irraa lama sadaffaatu jira. Yoo obbolaan dhiirotaafi dubartoota ta'an immoo dhiiraaf fakkii qooda dubartii lamaatu jira. Rabbiin akka isin hin jallanneef isiniif ibsa. Rabbiin waan hunda beekaadha."

RELATED SURAHS