الانشقاق
The Splitting Open • 25 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Yeroo samiin dhodhoote
2(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
3Yeroo dachiin diriirfamte,
4Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaa taate,
5(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
6Ati Yaa nama! Ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin laffa'aadha laffa'iinsa, isa qunnamaadhasi.
7Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname;
8Qormaata salphaa qoramuuf jira.
9Gammadaa gara maatii isaa deebi’a.
10Namni kitaaba isaa dugdaisaa duubaan kenname immoo;
11Badii yaamuuf jira (Yaa badii tiyya jedhee).
12Ibidda boba’aa seena.
13Inni maatii isaa keessatti gammadaa ture.
14Inni (gama Rabbii) hindeebi’uu yaade.
15Lakki! (ni deebi’a) Gooftaan isaa isa argaadha.
16Miti! Diimina galgalaattin kakadha.
17Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha).
18Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha).
19Isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu.
20Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne?
21Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amu hinsujuudan. [1]
22Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu.
23Rabbiin beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti.
24Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi.
25Isaan amananii gaggaarii hojjatan malee isaaniif mindaa hin cinnetu jira.