البروج
The Great Stars • 22 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).
2Guyyaa beellamamaanis,
3Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
4Warri handaqa abaaraman.
5(Warri) ibidda boba’aa.
6Yeroo isaan ishee irra taa'an,
7Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
8Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa hinjibbine.
9(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedha. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
10Isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'in (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
11Isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jira. Sun milkii guddaadha.
12Qabaan Gooftaa keetii haalaan cimaadha.
13Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
14Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
15(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
16Waan fedhe akkaan hojjataadha.
17Sila oduun waraanaa si ga'eeraa?
18(Waraana) Fir'awniifi Samuud.
19Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
20Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
21Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
22Luuhii tiikfamaa keessa jira.