At-Tariq

الطارق

The Night Comer17 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلسَّمَآءِ وَٱلطَّارِقِ﴿١

1Samiifi (urjii) halkan dhufaa ta’eenin (kakadha).

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلطَّارِقُ﴿٢

2(Urjii) halkan dhufaa ta’e maaltu si beeksise?

ٱلنَّجۡمُ ٱلثَّاقِبُ﴿٣

3(Inni) urjii ifti isaa dukkana uraa ta’eedha.

إِن كُلُّ نَفۡسٖ لَّمَّا عَلَيۡهَا حَافِظٞ﴿٤

4Lubbuun hundi tiksaan ishee irra jiraatu malee hin hafu.

فَلۡيَنظُرِ ٱلۡإِنسَٰنُ مِمَّ خُلِقَ﴿٥

5Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu.

خُلِقَ مِن مَّآءٖ دَافِقٖ﴿٦

6Bishaan utaalaa irraa uumame.

يَخۡرُجُ مِنۢ بَيۡنِ ٱلصُّلۡبِ وَٱلتَّرَآئِبِ﴿٧

7Jidduu dugdaatiifi qomaatii kan ba’u.

إِنَّهُۥ عَلَىٰ رَجۡعِهِۦ لَقَادِرٞ﴿٨

8Inni isa deebisuu irratti danda’aadha.

يَوۡمَ تُبۡلَى ٱلسَّرَآئِرُ﴿٩

9Guyyaa iccitiiwwan ifa ba'an.

فَمَا لَهُۥ مِن قُوَّةٖ وَلَا نَاصِرٖ﴿١٠

10(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru.

وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلرَّجۡعِ﴿١١

11Samii abbaa deddeebiitiinin (kakadha).

وَٱلۡأَرۡضِ ذَاتِ ٱلصَّدۡعِ﴿١٢

12Dachii dhodhootuunin (kakadha).

إِنَّهُۥ لَقَوۡلٞ فَصۡلٞ﴿١٣

13Inni (Qur'aanni) jecha adda baasaadha.

وَمَا هُوَ بِٱلۡهَزۡلِ﴿١٤

14Inni qoosaa miti.

إِنَّهُمۡ يَكِيدُونَ كَيۡدٗا﴿١٥

15Dhugumatti, isaan shira shiru.

وَأَكِيدُ كَيۡدٗا﴿١٦

16Anis shiran baasa.

فَمَهِّلِ ٱلۡكَٰفِرِينَ أَمۡهِلۡهُمۡ رُوَيۡدَۢا﴿١٧

17Kaafirootaaf yeroo kenni. Ammas xinnoo yeroo kenniif.

RELATED SURAHS