Al-A'la

الأعلى

The Most High19 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

سَبِّحِ ٱسۡمَ رَبِّكَ ٱلۡأَعۡلَى﴿١

1Maqaa Gooftaa kee olaanaa ta'ee qulqulleessi.

ٱلَّذِي خَلَقَ فَسَوَّىٰ﴿٢

2Isa (waan hunda) uumee guute.

وَٱلَّذِي قَدَّرَ فَهَدَىٰ﴿٣

3Isa murteessee qajeelche.

وَٱلَّذِيٓ أَخۡرَجَ ٱلۡمَرۡعَىٰ﴿٤

4Isa marga baase,

فَجَعَلَهُۥ غُثَآءً أَحۡوَىٰ﴿٥

5Goggogaa gurraacha isa taasise.

سَنُقۡرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰٓ﴿٦

6Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu.

إِلَّا مَا شَآءَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ وَمَا يَخۡفَىٰ﴿٧

7Waan Rabbiin fedhe malee Inni mul’ataafi dhokataas ni beeka.

وَنُيَسِّرُكَ لِلۡيُسۡرَىٰ﴿٨

8Nuti karaa laaftuu taateef si laaffifna.

فَذَكِّرۡ إِن نَّفَعَتِ ٱلذِّكۡرَىٰ﴿٩

9Yoo yaadachiisni fayyadde yaadachiisi.

سَيَذَّكَّرُ مَن يَخۡشَىٰ﴿١٠

10Namni Rabbiin sodaatu gorfamuuf jira.

وَيَتَجَنَّبُهَا ٱلۡأَشۡقَى﴿١١

11Hoonga'aan ishee irraa fagaata.

ٱلَّذِي يَصۡلَى ٱلنَّارَ ٱلۡكُبۡرَىٰ﴿١٢

12Inni ibidda guddoo seenu.

ثُمَّ لَا يَمُوتُ فِيهَا وَلَا يَحۡيَىٰ﴿١٣

13Ergasii ishee keessatti hin du'u; hin jiraatus.

قَدۡ أَفۡلَحَ مَن تَزَكَّىٰ﴿١٤

14Dhugumatti, namni of qulqulleeffate milkaa’e.

وَذَكَرَ ٱسۡمَ رَبِّهِۦ فَصَلَّىٰ﴿١٥

15Maqaa Gooftaa isaa dubbatee kan salaate.

بَلۡ تُؤۡثِرُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا﴿١٦

16Inumaa isin jiruu addunyaa filattu.

وَٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓ﴿١٧

17Odoo Aakhiraan caaltuufi haftuu taatee jirtuu [addunyaa filattu].

إِنَّ هَٰذَا لَفِي ٱلصُّحُفِ ٱلۡأُولَىٰ﴿١٨

18Kun barreeffamoota duraanii keessa jira.

صُحُفِ إِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ﴿١٩

19Barreeffamoota Ibraahiimifi Muusaa [keessa jira].

RELATED SURAHS