Al-Ghashiyah

الغاشية

The Overwhelming26 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡغَٰشِيَةِ﴿١

1Sila oduun haguugduu (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?

وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٍ خَٰشِعَةٌ﴿٢

2Fuulleen (gariin) guyyaa san xiqqaattuudha.

عَامِلَةٞ نَّاصِبَةٞ﴿٣

3Hojjattuu ifaajjuudha.

تَصۡلَىٰ نَارًا حَامِيَةٗ﴿٤

4Ibidda gubduu seenti.

تُسۡقَىٰ مِنۡ عَيۡنٍ ءَانِيَةٖ﴿٥

5Burqituu danfituu irraa obaafamti.

لَّيۡسَ لَهُمۡ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٖ﴿٦

6Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.

لَّا يُسۡمِنُ وَلَا يُغۡنِي مِن جُوعٖ﴿٧

7Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.

وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاعِمَةٞ﴿٨

8Fuulleen gariin guyyaa san qananiituudha.

لِّسَعۡيِهَا رَاضِيَةٞ﴿٩

9Dalagaa ishee jaalattuudha.

فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٖ﴿١٠

10Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.

لَّا تَسۡمَعُ فِيهَا لَٰغِيَةٗ﴿١١

11Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.

فِيهَا عَيۡنٞ جَارِيَةٞ﴿١٢

12Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.

فِيهَا سُرُرٞ مَّرۡفُوعَةٞ﴿١٣

13Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.

وَأَكۡوَابٞ مَّوۡضُوعَةٞ﴿١٤

14Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.

وَنَمَارِقُ مَصۡفُوفَةٞ﴿١٥

15Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).

وَزَرَابِيُّ مَبۡثُوثَةٌ﴿١٦

16Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).

أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلۡإِبِلِ كَيۡفَ خُلِقَتۡ﴿١٧

17Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?

وَإِلَى ٱلسَّمَآءِ كَيۡفَ رُفِعَتۡ﴿١٨

18Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?

وَإِلَى ٱلۡجِبَالِ كَيۡفَ نُصِبَتۡ﴿١٩

19Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?

وَإِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَيۡفَ سُطِحَتۡ﴿٢٠

20Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?

فَذَكِّرۡ إِنَّمَآ أَنتَ مُذَكِّرٞ﴿٢١

21Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.

لَّسۡتَ عَلَيۡهِم بِمُصَيۡطِرٍ﴿٢٢

22Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.

إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ﴿٢٣

23Nama gara galee kafare malee,

فَيُعَذِّبُهُ ٱللَّهُ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَكۡبَرَ﴿٢٤

24Rabbiin adabbii guddaa isa adaba.

إِنَّ إِلَيۡنَآ إِيَابَهُمۡ﴿٢٥

25Deebiin isaanii garuma Keenya.

ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا حِسَابَهُم﴿٢٦

26Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira.

RELATED SURAHS