الفجر
The Dawn • 30 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Bariinin (kakadha).
2Halkan kurnaniinis,
3Cimdiifi qarattis;
4Halkanittis; yeroo inni deeme.
5Sila sana keessa abbootii sammuutiif kakuun quubsaan hin jiruu? (ni jira)!
6Sila akkam akka Gooftaan kee Aaditti hojjate hin arginee?
7Iramiin warra dhedheerootti,
8Ishee fakkiin ishee biyyoota keessatti hin uumamin san.
9Samuudittis warra laga (Hijri) keessatti dhagaa uran (mana irraa tolfatan).
10Fir'awniinis abbaa shikaalaatti;
11Isaan biyyoota keessatti daangaa dabran.
12Kan ishee keessatti badii baay'isan.
13Gooftaan kee akaakuu adabbii isaan irratti buuse.
14Gooftaan kee keellatti tahaadha.
15Ammoo Namni yeroo gooftaan isaa isa qorate, isa kabajee, isa qanansiise nijedha “Gooftaan kiyya na kabaje”.
16Yeroo inni hiree isaa itti xiqqeessee isa qorate immoo “Gooftaan kiyya na xiqqeesse” jedha.
17Haa dhorgamu! Dhugumatti, isin yatiima hin kabajjan.
18Hiyyeessa nyaachisuu irrattis hin kakaaftan.
19Qabeenya dhaalaa, nyaata [halaalaafi haraama] walitti qabate nyaattu.
20Jaalala baay’ee qabeenya jaalattu.
21Dhorgamaa! Yeroo dachiin waliin dhawamiinsa jabaa waliin dhawamte.
22(Yeroo) Gooftaan kee dhufee maleykonnis hiriira hiriiran [dhufan].
23Guyyaa san jahannamis ni fidama Guyyaa san namni ni yaadata Yaadannoon (guyyaa sanii) maal isaaf godha ree?
24Ni jedha: "odoon jiruu kiyyaaf dabarfadheen hawwa."
25Guyyaa san adabbii Isaa eenyunuu hin adabu.
26Hidhaa Isaas eenyunuu hin hidhu.
27“Ati Yaa lubbuu tasgabbooftuu!
28Gara Gooftaa keetii deebi'i Jaallatuu, jaallatamtuu tahaadhaa .
29Gabroota kiyya keessas seeni.
30Jannata kiyyas seeni” (jedhamti)