البلد
The City • 20 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Miti Biyya (Makkaa) kanaanin kakadha.
2Ati biyyia kana qubataadha.
3Abbaafi waan inni dhaleenis (nan kakadha).
4Dhugumatti, Nuti nama cinqii[] keessatti uumne.
5Sila inni tokkolleen isa irratti hin danda'uu yaadaa?
6“Qabeenya guddaan balleesse" jedha.
7Sila inni tokkolleen isa hin arguu yaadaa?
8Sila Nuti ija lama isaaf hin taasifnee?
9Arrabaafi hidhii lameenis;
10Karaa lama (gaariifi badaa) isaaf ibsine.
11Sila maaliif tulluu hin dabrine?
12Tulluttiin maal akka taate maaltu si beeksise?
13(Inni) Gabra bilisoomsuudha.
14Yookiin guyyaa beelaa keessa nyaachisuudha.
15Yatiima fira ta’an;
16Yookiin hiyyeessa harkaan lafa qabate (deege).
17Ergasii warra amananii, obsa waliif dhaamaniifi rahmata waliif dhaaman irraa maaliif hin taane?
18Isaan sun warra mirgaati.
19Isaan keeyyattoota keenyatti kafaran immoo isaan warra bitaati.
20Isaan irratti ibiddi cufamtuudha.