'Abasa

عبس

He Frowned42 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

عَبَسَ وَتَوَلَّىٰٓ﴿١

1Fuula guuree gara gale.

أَن جَآءَهُ ٱلۡأَعۡمَىٰ﴿٢

2Sababa jaamaan isatti dhufeef.

وَمَا يُدۡرِيكَ لَعَلَّهُۥ يَزَّكَّىٰٓ﴿٣

3Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama.

أَوۡ يَذَّكَّرُ فَتَنفَعَهُ ٱلذِّكۡرَىٰٓ﴿٤

4Yookiin gorfameeti gorsi isa fayyaddi.

أَمَّا مَنِ ٱسۡتَغۡنَىٰ﴿٥

5Nama duroome immoo,

فَأَنتَ لَهُۥ تَصَدَّىٰ﴿٦

6Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta.

وَمَا عَلَيۡكَ أَلَّا يَزَّكَّىٰ﴿٧

7Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen.

وَأَمَّا مَن جَآءَكَ يَسۡعَىٰ﴿٨

8Nama fiigaa sitti dhufe immoo,

وَهُوَ يَخۡشَىٰ﴿٩

9Kan Rabbiin sodaatu ta’ee,

فَأَنتَ عَنۡهُ تَلَهَّىٰ﴿١٠

10Ati isa irraa dagatta.

كَلَّآ إِنَّهَا تَذۡكِرَةٞ﴿١١

11Dhorgami! Isheen gorsa.

فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ﴿١٢

12Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata.

فِي صُحُفٖ مُّكَرَّمَةٖ﴿١٣

13Galmeewwan kabajamtuu keessa jira.

مَّرۡفُوعَةٖ مُّطَهَّرَةِۭ﴿١٤

14Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira).

بِأَيۡدِي سَفَرَةٖ﴿١٥

15Harka barressitootaa (maleykotaa) jira.

كِرَامِۭ بَرَرَةٖ﴿١٦

16Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira).

قُتِلَ ٱلۡإِنسَٰنُ مَآ أَكۡفَرَهُۥ﴿١٧

17Namni abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise?

مِنۡ أَيِّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥ﴿١٨

18(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?)

مِن نُّطۡفَةٍ خَلَقَهُۥ فَقَدَّرَهُۥ﴿١٩

19Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse.

ثُمَّ ٱلسَّبِيلَ يَسَّرَهُۥ﴿٢٠

20Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise.

ثُمَّ أَمَاتَهُۥ فَأَقۡبَرَهُۥ﴿٢١

21Ergasii isa ajjeeseti isa awwaalchise.

ثُمَّ إِذَا شَآءَ أَنشَرَهُۥ﴿٢٢

22Ergasii yeroo fedhe isa kaasa.

كَلَّا لَمَّا يَقۡضِ مَآ أَمَرَهُۥ﴿٢٣

23Dhugumatti, (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne.

فَلۡيَنظُرِ ٱلۡإِنسَٰنُ إِلَىٰ طَعَامِهِۦٓ﴿٢٤

24Namni gara nyaata isaa haa ilaalu.

أَنَّا صَبَبۡنَا ٱلۡمَآءَ صَبّٗا﴿٢٥

25Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne.

ثُمَّ شَقَقۡنَا ٱلۡأَرۡضَ شَقّٗا﴿٢٦

26Ergasii dachii dhodhoosiinsa dhodhoofne.

فَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا حَبّٗا﴿٢٧

27Achumaan Ishee keessatti firii magarsine.

وَعِنَبٗا وَقَضۡبٗا﴿٢٨

28Inabaafi margas,

وَزَيۡتُونٗا وَنَخۡلٗا﴿٢٩

29Zeytunaafi muka timiraas,

وَحَدَآئِقَ غُلۡبٗا﴿٣٠

30Ashaakiltiilee muka baay’atanis,

وَفَٰكِهَةٗ وَأَبّٗا﴿٣١

31Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu].

مَّتَٰعٗا لَّكُمۡ وَلِأَنۡعَٰمِكُمۡ﴿٣٢

32Isiniifi beylada keessanis qanansiisuuf.

فَإِذَا جَآءَتِ ٱلصَّآخَّةُ﴿٣٣

33Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan) dhufte,

يَوۡمَ يَفِرُّ ٱلۡمَرۡءُ مِنۡ أَخِيهِ﴿٣٤

34Guyyaa namni obboleessa isaa irraa dheessu,

وَأُمِّهِۦ وَأَبِيهِ﴿٣٥

35Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas,

وَصَٰحِبَتِهِۦ وَبَنِيهِ﴿٣٦

36Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti).

لِكُلِّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ يَوۡمَئِذٖ شَأۡنٞ يُغۡنِيهِ﴿٣٧

37Nama Isaan irraa ta’e hundaaf guyyaa sana dhimma isa duroomsutu jira.

وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ مُّسۡفِرَةٞ﴿٣٨

38Fuulli gariin guyyaa san ni ifti.

ضَاحِكَةٞ مُّسۡتَبۡشِرَةٞ﴿٣٩

39Kolfituu, gammadduudha.

وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذٍ عَلَيۡهَا غَبَرَةٞ﴿٤٠

40Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu) irra jira.

تَرۡهَقُهَا قَتَرَةٌ﴿٤١

41Gurraachinni ishee haguuga.

أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡكَفَرَةُ ٱلۡفَجَرَةُ﴿٤٢

42Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.

RELATED SURAHS