النازعات
Those Who Drag Forth • 46 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).
2[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.
3[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.
4Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis.
5(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha).
6Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;
7Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.
8Onneewwan guyyaa san rifattuudha.
9Ijji ishee salphattuudha.
10Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?
11Sila erga lafee dhumte taanee moo?
12Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.
13Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.
14Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u.
15Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?
16Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.
17Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.
18Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?
19Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."
20[Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.
21Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.
22Ergasii ariifataa gara gale.
23Sana booda walitti qabee lallabe:
24“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.
25Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.
26Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.
27Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.
28Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
29Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.
30Dachii sana booda sirreesse.
31Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.
32Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
33Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].
34Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,
35Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,
36(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,
37Namni daangaa dabree,
38Jireenya addunyaa kanaa filate,
39Dhugumatti, jahannam teesson isaa.
40Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,
41Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.
42[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.
43Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?
44Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.
45Ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.
46Isaan guyyaa ishee argan akka waan isaan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata.