النبأ
The Tidings • 40 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1[Warri hin amanin] maal irraa wal gaaggaafatan?
2Oduu guddaa irraa [wal gaafatu)
3Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
4Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
5Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
6Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
7Gaarreenis shikaaloowwan [hin goonee]?
8Cimdiis goonee isin uumne.
9Hirriba keessan boqonnaa goone.
10Halkan uffata goone.
11Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
12Gubbaa keessanitti [samii] jajjaboo torba ijaarre.
13Ifaa boba'aas uumne.
14Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
15Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne].
16Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
17Guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.
18[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.
19[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.
20Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
21Dhugumatti jahannam keellaa taateetti.
22Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.
23Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
24Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
25Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu].
26Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
27Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
28Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.
29Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
30“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
31Warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
32Ashaakiltiifi inabatu [jira].
33Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
34Geeba (xoofoo) guutamtuu.
35Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
36Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
37Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]. Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
38Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.
39Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaati. Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
40Nuti adabbii dhihoo tahe isin sodaachifne. kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte argu, kan kaafirri jedhu "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba".