Al-Mursalat

المرسلات

Those Sent Forth50 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلۡمُرۡسَلَٰتِ عُرۡفٗا﴿١

1(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha.

فَٱلۡعَٰصِفَٰتِ عَصۡفٗا﴿٢

2(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;

وَٱلنَّٰشِرَٰتِ نَشۡرٗا﴿٣

3(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;

فَٱلۡفَٰرِقَٰتِ فَرۡقٗا﴿٤

4(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;

فَٱلۡمُلۡقِيَٰتِ ذِكۡرًا﴿٥

5(Malaykota) ergaa buuftotattis;

عُذۡرًا أَوۡ نُذۡرًا﴿٦

6Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).

إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَٰقِعٞ﴿٧

7Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha.

فَإِذَا ٱلنُّجُومُ طُمِسَتۡ﴿٨

8Yeroo urjiiwwan (ifti ishee irraa) haqamte,

وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ فُرِجَتۡ﴿٩

9Yeroo samiileenis babbanamte;

وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ نُسِفَتۡ﴿١٠

10Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte,

وَإِذَا ٱلرُّسُلُ أُقِّتَتۡ﴿١١

11Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte;

لِأَيِّ يَوۡمٍ أُجِّلَتۡ﴿١٢

12Guyyaa kamiif beellamaman?

لِيَوۡمِ ٱلۡفَصۡلِ﴿١٣

13Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman).

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ﴿١٤

14Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿١٥

15Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

أَلَمۡ نُهۡلِكِ ٱلۡأَوَّلِينَ﴿١٦

16Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?

ثُمَّ نُتۡبِعُهُمُ ٱلۡأٓخِرِينَ﴿١٧

17Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna.

كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ﴿١٨

18Yakkamtootas akkanuma goona.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿١٩

19Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

أَلَمۡ نَخۡلُقكُّم مِّن مَّآءٖ مَّهِينٖ﴿٢٠

20Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?

فَجَعَلۡنَٰهُ فِي قَرَارٖ مَّكِينٍ﴿٢١

21Bakka mijaa'aa keessas isa goone.

إِلَىٰ قَدَرٖ مَّعۡلُومٖ﴿٢٢

22Hanga yeroo beekamaatti.

فَقَدَرۡنَا فَنِعۡمَ ٱلۡقَٰدِرُونَ﴿٢٣

23Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٢٤

24Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ كِفَاتًا﴿٢٥

25Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee?

أَحۡيَآءٗ وَأَمۡوَٰتٗا﴿٢٦

26Jiraafi du'aas (walitti qabdi)?

وَجَعَلۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ شَٰمِخَٰتٖ وَأَسۡقَيۡنَٰكُم مَّآءٗ فُرَاتٗا﴿٢٧

27Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti goone. Bishaan mi'aawaas isin obaafne.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٢٨

28Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ مَا كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ﴿٢٩

29(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.

ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ ظِلّٖ ذِي ثَلَٰثِ شُعَبٖ﴿٣٠

30Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa."

لَّا ظَلِيلٖ وَلَا يُغۡنِي مِنَ ٱللَّهَبِ﴿٣١

31Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu.

إِنَّهَا تَرۡمِي بِشَرَرٖ كَٱلۡقَصۡرِ﴿٣٢

32Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti.

كَأَنَّهُۥ جِمَٰلَتٞ صُفۡرٞ﴿٣٣

33Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٣٤

34Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

هَٰذَا يَوۡمُ لَا يَنطِقُونَ﴿٣٥

35Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha.

وَلَا يُؤۡذَنُ لَهُمۡ فَيَعۡتَذِرُونَ﴿٣٦

36Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٣٧

37Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِۖ جَمَعۡنَٰكُمۡ وَٱلۡأَوَّلِينَ﴿٣٨

38Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne.

فَإِن كَانَ لَكُمۡ كَيۡدٞ فَكِيدُونِ﴿٣٩

39Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٤٠

40Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي ظِلَٰلٖ وَعُيُونٖ﴿٤١

41Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu.

وَفَوَٰكِهَ مِمَّا يَشۡتَهُونَ﴿٤٢

42Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).

كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ﴿٤٣

43"Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu).

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ﴿٤٤

44Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٤٥

45Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

كُلُواْ وَتَمَتَّعُواْ قَلِيلًا إِنَّكُم مُّجۡرِمُونَ﴿٤٦

46(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٤٧

47Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱرۡكَعُواْ لَا يَرۡكَعُونَ﴿٤٨

48Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu.

وَيۡلٞ يَوۡمَئِذٖ لِّلۡمُكَذِّبِينَ﴿٤٩

49Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَهُۥ يُؤۡمِنُونَ﴿٥٠

50Isaan ala haasawa kamitti amanu ree?

RELATED SURAHS