الإنسان
Man • 31 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee?
2Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone.
3Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine.
4Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra.
5Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.
6(Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha. (Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu.
7Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atu ni sodaatu.
8Nyaata ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.
9(Ni jedhu): "wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.
10Nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”
11Rabbiini hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.
12Sababa isaan obsaniif jannataafi hariira galata isaaniif galche.
13Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii (jiraatu), ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argan.
14Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).
15Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.
16Qaruuraalee meeta irraa ta'een likki godhan likkii godhiinsa.
17Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.
18Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).
19Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu.
20Yeroo achi keessa ilaalte qananiifi mootummaa guddaa argita.
21Gubbaa isaanii irra uffata hariira qal'aa magariisa fi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamu. Gooftaan isaanii dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa.
22"kun galata isiniif ta'eera. Dalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).
23Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra.
24Murtii Gooftaa keetiitiif obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.
25Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.
26Halkan irraallee Isaaf sujuudi (salaati); halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati.
27Jarri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataa duuyda duuba isaaniitti dhiisu (dagatu).
28Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feene (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna.
29Tuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
30Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetan. Rabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
31Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisa. Miidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.