Al-Qiyamah

القيامة

The Resurrection40 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ﴿١

1Miti Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha.

وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ﴿٢

2Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu).

أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ﴿٣

3Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa?

بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ﴿٤

4Eeyyeen (walitti ni qabna) (Nuti) qubbeen isaatuu (akka turanitti deebifnee) sirreessuu irratti danda'oodha.

بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ﴿٥

5Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha.

يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ﴿٦

6"Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata.

فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ﴿٧

7(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu.

وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ﴿٨

8(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u)

وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ﴿٩

9Aduufi jiinis walitti qabamu.

يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ﴿١٠

10Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha.

كَلَّا لَا وَزَرَ﴿١١

11Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru.

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ﴿١٢

12Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti.

يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ﴿١٣

13Namni guyyaa san wanti inni durseefii booda aanse itti himama.

بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٞ﴿١٤

14Dhugumatti, namni lubbuu isaa irratti ragaadha.

وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ﴿١٥

15Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu.

لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ﴿١٦

16Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin.

إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ﴿١٧

17Isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.

فَإِذَا قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ﴿١٨

18Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi.

ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ﴿١٩

19Ergasii isa ibsuun Nurra jira.

كَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ﴿٢٠

20Miti isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu.

وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ﴿٢١

21Aakhiraa ni dhiiftu.

وُجُوهٞ يَوۡمَئِذٖ نَّاضِرَةٌ﴿٢٢

22Fuulleen gariin Guyyaa san iftuudha.

إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٞ﴿٢٣

23Gara Gooftaa ishee ilaaltuudha.

وَوُجُوهٞ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٞ﴿٢٤

24Fuulli gariin Guyyaa san akkaan suntuurtuudha.

تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٞ﴿٢٥

25Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi.

كَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ﴿٢٦

26Miti Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee geesse,

وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٖ﴿٢٧

27(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame,

وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ﴿٢٨

28(Namni du'aa jiru sun) inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate;

وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ﴿٢٩

29(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte.

إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ﴿٣٠

30Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti.

فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ﴿٣١

31Hin amanne; hin salaanne.

وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ﴿٣٢

32Garuu kijibsiisee irraa gara gale.

ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ﴿٣٣

33Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme.

أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ﴿٣٤

34Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ﴿٣٥

35Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin!

أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى﴿٣٦

36Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa?

أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةٗ مِّن مَّنِيّٖ يُمۡنَىٰ﴿٣٧

37Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree?

ثُمَّ كَانَ عَلَقَةٗ فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ﴿٣٨

38Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute.

فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ﴿٣٩

39Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise.

أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ﴿٤٠

40Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii?

RELATED SURAHS