Al-Muddaththir

المدثر

The Cloaked One56 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُدَّثِّرُ﴿١

1Yaa mammarataa!

قُمۡ فَأَنذِرۡ﴿٢

2Ka'ii akeekkachiisi.

وَرَبَّكَ فَكَبِّرۡ﴿٣

3Gooftaa kee guddisi

وَثِيَابَكَ فَطَهِّرۡ﴿٤

4Uffata kee qulqulleessi

وَٱلرُّجۡزَ فَٱهۡجُرۡ﴿٥

5Taabotaan oodi.

وَلَا تَمۡنُن تَسۡتَكۡثِرُ﴿٦

6Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.

وَلِرَبِّكَ فَٱصۡبِرۡ﴿٧

7Gooftaa keetiif obsi.

فَإِذَا نُقِرَ فِي ٱلنَّاقُورِ﴿٨

8Yeroo xurumbaa keessa afuufame.

فَذَٰلِكَ يَوۡمَئِذٖ يَوۡمٌ عَسِيرٌ﴿٩

9Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha.

عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ غَيۡرُ يَسِيرٖ﴿١٠

10Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti.

ذَرۡنِي وَمَنۡ خَلَقۡتُ وَحِيدٗا﴿١١

11Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi.

وَجَعَلۡتُ لَهُۥ مَالٗا مَّمۡدُودٗا﴿١٢

12Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe.

وَبَنِينَ شُهُودٗا﴿١٣

13Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis.

وَمَهَّدتُّ لَهُۥ تَمۡهِيدٗا﴿١٤

14Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise;

ثُمَّ يَطۡمَعُ أَنۡ أَزِيدَ﴿١٥

15Ergasii akka Ani isaaf dabalu kan kajeela;

كَلَّآۖ إِنَّهُۥ كَانَ لِأٓيَٰتِنَا عَنِيدٗا﴿١٦

16Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture.

سَأُرۡهِقُهُۥ صَعُودًا﴿١٧

17Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa.

إِنَّهُۥ فَكَّرَ وَقَدَّرَ﴿١٨

18Inni ni xiinxale; ni tilmaames.

فَقُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ﴿١٩

19Abaarame! Akkamumatti tilmaame?

ثُمَّ قُتِلَ كَيۡفَ قَدَّرَ﴿٢٠

20Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?

ثُمَّ نَظَرَ﴿٢١

21Ergasii ni ilaale

ثُمَّ عَبَسَ وَبَسَرَ﴿٢٢

22Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame.

ثُمَّ أَدۡبَرَ وَٱسۡتَكۡبَرَ﴿٢٣

23Ergasii gara gale; ni boone.

فَقَالَ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٞ يُؤۡثَرُ﴿٢٤

24Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.

إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا قَوۡلُ ٱلۡبَشَرِ﴿٢٥

25Kun jecha namaa malee hin taane."

سَأُصۡلِيهِ سَقَرَ﴿٢٦

26Saqar isa seensisuufin jira.

وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا سَقَرُ﴿٢٧

27Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?

لَا تُبۡقِي وَلَا تَذَرُ﴿٢٨

28(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu.

لَوَّاحَةٞ لِّلۡبَشَرِ﴿٢٩

29Gogaa gubduudha.

عَلَيۡهَا تِسۡعَةَ عَشَرَ﴿٣٠

30Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira.

وَمَا جَعَلۡنَآ أَصۡحَٰبَ ٱلنَّارِ إِلَّا مَلَٰٓئِكَةٗۖ وَمَا جَعَلۡنَا عِدَّتَهُمۡ إِلَّا فِتۡنَةٗ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ لِيَسۡتَيۡقِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَيَزۡدَادَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِيمَٰنٗا وَلَا يَرۡتَابَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَلِيَقُولَ ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ وَٱلۡكَٰفِرُونَ مَاذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِهَٰذَا مَثَلٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُۚ وَمَا يَعۡلَمُ جُنُودَ رَبِّكَ إِلَّا هُوَۚ وَمَا هِيَ إِلَّا ذِكۡرَىٰ لِلۡبَشَرِ﴿٣١

31Eegdota Ibiddaa malaykota malee kan biraa hin goone. Lakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata malee hingoone, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee, fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif (kana goone). Akka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha. (Baay'ina) waraana Gooftaa keetii Isa malee homtuu hin beeku. Isheen namaaf gorsa malee waan biraatii miti.

كَلَّا وَٱلۡقَمَرِ﴿٣٢

32Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!

وَٱلَّيۡلِ إِذۡ أَدۡبَرَ﴿٣٣

33Halkaniinis; yeroo inni deeme.

وَٱلصُّبۡحِ إِذَآ أَسۡفَرَ﴿٣٤

34Bariidhaanis yeroo inni ife.

إِنَّهَا لَإِحۡدَى ٱلۡكُبَرِ﴿٣٥

35Isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.

نَذِيرٗا لِّلۡبَشَرِ﴿٣٦

36Namaaf akeekkachiiftuudha.

لِمَن شَآءَ مِنكُمۡ أَن يَتَقَدَّمَ أَوۡ يَتَأَخَّرَ﴿٣٧

37Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).

كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡ رَهِينَةٌ﴿٣٨

38Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha.

إِلَّآ أَصۡحَٰبَ ٱلۡيَمِينِ﴿٣٩

39Warra mirgaa malee.

فِي جَنَّٰتٖ يَتَسَآءَلُونَ﴿٤٠

40(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.

عَنِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ﴿٤١

41Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).

مَا سَلَكَكُمۡ فِي سَقَرَ﴿٤٢

42"Maaltu Saqar keessa isin seensise?" (isaanin jedhu).

قَالُواْ لَمۡ نَكُ مِنَ ٱلۡمُصَلِّينَ﴿٤٣

43Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre.

وَلَمۡ نَكُ نُطۡعِمُ ٱلۡمِسۡكِينَ﴿٤٤

44Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre;

وَكُنَّا نَخُوضُ مَعَ ٱلۡخَآئِضِينَ﴿٤٥

45Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre;

وَكُنَّا نُكَذِّبُ بِيَوۡمِ ٱلدِّينِ﴿٤٦

46Guyyaa galataa kan sobsiifnu turre;

حَتَّىٰٓ أَتَىٰنَا ٱلۡيَقِينُ﴿٤٧

47Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu).

فَمَا تَنفَعُهُمۡ شَفَٰعَةُ ٱلشَّٰفِعِينَ﴿٤٨

48Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.

فَمَا لَهُمۡ عَنِ ٱلتَّذۡكِرَةِ مُعۡرِضِينَ﴿٤٩

49Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?

كَأَنَّهُمۡ حُمُرٞ مُّسۡتَنفِرَةٞ﴿٥٠

50(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu.

فَرَّتۡ مِن قَسۡوَرَةِۭ﴿٥١

51Leenca irraa kan baqatan.

بَلۡ يُرِيدُ كُلُّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُمۡ أَن يُؤۡتَىٰ صُحُفٗا مُّنَشَّرَةٗ﴿٥٢

52Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha.

كَلَّاۖ بَل لَّا يَخَافُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ﴿٥٣

53Haadhoowwamanii (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu.

كَلَّآ إِنَّهُۥ تَذۡكِرَةٞ﴿٥٤

54haadhoowwamanii inni (Qur'aanni) gorsa.

فَمَن شَآءَ ذَكَرَهُۥ﴿٥٥

55Nama fedheetu isaan gorfama.

وَمَا يَذۡكُرُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ هُوَ أَهۡلُ ٱلتَّقۡوَىٰ وَأَهۡلُ ٱلۡمَغۡفِرَةِ﴿٥٦

56Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanu. Inni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati.

RELATED SURAHS