العلق
The Clot • 19 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.[1]
2(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.
3Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.
4Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.
5Nama, waan inni hin beekne barsiise.
6Dhugumatti, namni daangaa dabra.
7Sababa duroomuu of arguutiin.
8Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.
9Sila isa dhorgu san argitee?
10Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?
11Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!
12Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?
13Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi?
14Sila inni Rabbiin niargaa hin beekuu?
15Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna.
16Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).
17Garee isaa haa waammatu.
18Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra.
19Dhorgami! Isaan hin ajajamin, Sujuudis, gara Rabbiittis dhihaadhu.[1]