At-Tin

التين

The Fig8 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلتِّينِ وَٱلزَّيۡتُونِ﴿١

1Tiiniifi Zaytuuniiniin (kakadha).

وَطُورِ سِينِينَ﴿٢

2Gaara (Tulluu) xuuri Siiniinaatiinis.

وَهَٰذَا ٱلۡبَلَدِ ٱلۡأَمِينِ﴿٣

3Biyya nagaa kanaanis (nin kakadha).

لَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ فِيٓ أَحۡسَنِ تَقۡوِيمٖ﴿٤

4Dhugumatti, Nuti nama dhaabbii irra gaarii ta'e keessatti isa uumne.

ثُمَّ رَدَدۡنَٰهُ أَسۡفَلَ سَٰفِلِينَ﴿٥

5Ergasii bakka warra jalaa hundarra gadi aanaa ta'etti isa deebifne.

إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَلَهُمۡ أَجۡرٌ غَيۡرُ مَمۡنُونٖ﴿٦

6Isaan amananii gaggaarii dalagan malee isaaniif mindaa addaan hin cinnetu jira.

فَمَا يُكَذِّبُكَ بَعۡدُ بِٱلدِّينِ﴿٧

7Kana booda maaltu galata [guyyaa Qiyaamaa] si kijibsiisisa (kijibsiisutti si kaase)?

أَلَيۡسَ ٱللَّهُ بِأَحۡكَمِ ٱلۡحَٰكِمِينَ﴿٨

8Sila Rabbiin irra murteessaa murteessitootaa hin taanee?

RELATED SURAHS