القدر
The Power • 5 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Dhugumatti, Nuti halkan sadarkaa qabdu keessa isa (Qur'aana) buufne.
2Halkan sadarkaa qabdu maal akka taate maaltu si beeksise?
3Halkan sadarkaa qabdu ji'a kumarra caalti.
4Maleykonniifi Jibriil ishee keessa eeyyama Gooftaa isaaniitiin waayee hundaan bu'u.
5Isheen hanga baha fajriitti nagaadha.