البينة
The Clear Proof • 8 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran jallina isaanii kan gadidhiisan hintaane hanga ragaan isaanitti dhufetti.
2(Ragichis) ergamaa Rabbi irraa ta’e kan kitaabota qulqulleeffame dubbisu.
3Ishee keessa barreeffamoota sirriitu jira.
4Isaan kitaaba kennaman adda hinfacaane eega ragaan ifaan isaanitti dhufue booda malee.
5Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun amantii qajeelaadha.
6Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.
7Isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati.
8Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa, kan jala ishee laggeen yaatu, zalaalam ishee keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Kun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a.