محمد
Muhammad • 38 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera.
2Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti amanan, ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ , (Rabbiin) diliilee isaanii isaan irraa haqe, haala isaaniis tolche.
3Kun waan warri kafaran dhara (bu’ura hin qabne) hordofaniifi, warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e hordofaniifi. Akka kanatti Rabbiin fakkeenyota isaanii ilma namaatiif ibsa.
4Yeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.
5Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.
6Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa.
7Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isinii tumsa. Faannaan keessanis gadi dhaaba.
8Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha. (Rabbiin) dalagaalee (hojii) isaanii ni balleessa.
9Kun waan isaan waan Rabbiin buuse (Qur’aana) jibbaniifi. Kanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.
10Sila dachii keessa deemanii hin ilaallee booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e? Rabbiin isaan barbadeesse. Kaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha.
11Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafiroonni immoo gargaaraan isaaniif hinjiru.
12Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannatoowwan laggeen ishee keessa yaa’u seensisa. Warri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa (jiraatan). Ibiddi bakka jireenya isaaniiti.
13Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa tee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirra. Homaa tumsaan isaaniif hin jiru.
14Sila inni ragaa (ifa ba’aa) Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee nitahee? kan fedha lubbuu isaanii hordofan.
15Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaatan waadaa galamanii (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’etu jira, (akkasuma) laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa (ta’etu jira). Ammas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. (Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii? (lakki jarru sun akka jara kanaatii miti).
16Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee hanga yeroo si biraa gadi bahanii nijedhan warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?”. Isaan sun warra qalbiilee isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhiilee isaanii hordofan.
17Isaan qajeelan (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.
18Sila ni eeganii Qiyaaman tasa isaanitti dhufuu malee? Mallattooleen ishee dhufe. Yeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?
19Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hinjiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka.
20Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhu. Yeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru - ilaalcha nama machii du’aa isa gaggabsee- kan gara kee ilaalan argita. Badiin isaaniif haa ta’u.
21Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala). Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.
22Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii?
23Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ijoowwan isaanii jaamseedha.
24Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onneewwan isaanii irra cufaa isheetu jira?
25Isaan duubatti garagalan erga karaan qajeelaan isaaniif ibsame booda, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe.
26Kun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka.
27Akkam tahuu taa’an Yeroo maleeykonni isaan ajjeeftu, fuulleen isaaniitiifi dugdowwan isaanii tumaadhaa?
28Kun waan isaan waan Rabbiin dallansiisu hordofaniifii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifi. (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleesse.
29Sila warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa (garaa isaanii keessa jiru) hin baasuu yaadanii?
30Odoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta. Ergaa jechootaatiinis isaan ni beekta. Rabbiin dalagaalee keessan ni beeka.
31Isin mokkorra Hanga beeknutti (adda baafnutti) nqabsaa’otaafi obsitoota isin irraa tahan. oduulee keessanis nimokkorra (adda baafna).
32Isaan kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) didan, homaa Rabbiin hin miidhanu (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleessuuf jira.
33Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessan hin balleessinaa.
34Isaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorgan, ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu.
35Hin dadhabinaa; gara araaramaatti hin waaminaa. isintu injifatoodha. Rabbiin isin waliin jira; dalagaalee keessan isin irraa hin hir’isu.
36Jireenyi addunyaa taphaafi dagduudha, Yoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaalee keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu.
37Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) gadoo keessan ni baasa.
38Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isin hiyyeeyyiidha. Yoo garagaltan, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an.