المنافقون
The Hypocrites • 11 ayahs • Medinan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Dhugumatti Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a.
2Kakuulee isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaan wanti isaan dalagaa turan fokkate.
3Kun sababa isaan amananii ergasii kafaraniifi, onneewwan isaanii irratti cufame, isaan hin hubatan.
4Yeroo isaan argite qaamoleen isaanii si dinqisiifti. Yoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffata. Isaan akka mukkeen hirkifameeti. Iyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaadu. Isaanumatu diinota; kanaafuu isaan eeggadhu. Rabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'u!
5Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama isiniif haa barbaadu" isaaniin jedhame mataalee isaanii naannessu, Kan isaan boonaa gara galan ni argita.
6Araarama isaanii barbaaddus isaanii barbaaduu dhiiftus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramu. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
7Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranu isaan irratti hin arjoominaa hanga isaan faffaca'anutti " jedhanuudha. Kuusaaleen samiileefi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu.
8Nijedhan "Yoo gara Madiinaa deebine, dhugumatti, (nuti) injifattoonni ishee irraa salphattoota baasuuf jira". Injifannoon kan Rabbiiti, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekan.
9Yaa warra amantan! Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin, Namni kana dalage isaan isaanumatu hoonga'oota.
10Waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo tokkoon keessan duuti itti dhuftee hinjenneen dura. "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a"
11Rabbiin lubbuu tokko yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisu. Rabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti.