At-Taghabun

التغابن

The Mutual Disillusion18 ayahsMedinan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ لَهُ ٱلۡمُلۡكُ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ﴿١

1Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessa. Mootummaan kan Isaati; faarunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha.

هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ فَمِنكُمۡ كَافِرٞ وَمِنكُم مُّؤۡمِنٞۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ﴿٢

2Inni Isa isin uume Isin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jira. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.

خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡۖ وَإِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ﴿٣

3Samiileefi dachii dhugaan uume. Isinis bocee boca keessan bareeche, Deebiin garuma isaati.

يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَيَعۡلَمُ مَا تُسِرُّونَ وَمَا تُعۡلِنُونَۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ﴿٤

4Wantoota samiileefi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beeka. Rabbiin waan qomoowwan keessaa beekaadha.

أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ نَبَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَبۡلُ فَذَاقُواْ وَبَالَ أَمۡرِهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ﴿٥

5Sila oduun warra duraan kafaranii isinitti hin dhufnee! adabbii kufrii isaanii dhandhaman, Isaaniif ibidda laalessaatu jira.

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُۥ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَقَالُوٓاْ أَبَشَرٞ يَهۡدُونَنَا فَكَفَرُواْ وَتَوَلَّواْۖ وَّٱسۡتَغۡنَى ٱللَّهُۚ وَٱللَّهُ غَنِيٌّ حَمِيدٞ﴿٦

6Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifi. Rabbiinis of ga'e. Rabbiin dureessa faarfamaadha.

زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن لَّن يُبۡعَثُواْۚ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتُبۡعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلۡتُمۡۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ﴿٧

7Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha".

فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلنُّورِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلۡنَاۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ﴿٨

8Rabbiifi Ergamaa Isaatti amanaa. akkasumas ifaa isa Nuti buufnetti (amanaa). Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.

يَوۡمَ يَجۡمَعُكُمۡ لِيَوۡمِ ٱلۡجَمۡعِۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلتَّغَابُنِۗ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعۡمَلۡ صَٰلِحٗا يُكَفِّرۡ عَنۡهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ﴿٩

9Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa wal gowwoomsuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.

وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ﴿١٠

10Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, isaan warra ibiddaati ishee keessatti hafoodha. (Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte!

مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ يَهۡدِ قَلۡبَهُۥۚ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ﴿١١

11Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin malee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hunda beekaadha.

وَأَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَۚ فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَإِنَّمَا عَلَىٰ رَسُولِنَا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ﴿١٢

12Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaa, Yoo gara galtan wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu mul'ataa qofa.

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ﴿١٣

13Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Mu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ مِنۡ أَزۡوَٰجِكُمۡ وَأَوۡلَٰدِكُمۡ عَدُوّٗا لَّكُمۡ فَٱحۡذَرُوهُمۡۚ وَإِن تَعۡفُواْ وَتَصۡفَحُواْ وَتَغۡفِرُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ﴿١٤

14Yaa warra amantan! niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaa. Yoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

إِنَّمَآ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَأَوۡلَٰدُكُمۡ فِتۡنَةٞۚ وَٱللَّهُ عِندَهُۥٓ أَجۡرٌ عَظِيمٞ﴿١٥

15Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodha. Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ مَا ٱسۡتَطَعۡتُمۡ وَٱسۡمَعُواْ وَأَطِيعُواْ وَأَنفِقُواْ خَيۡرٗا لِّأَنفُسِكُمۡۗ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفۡسِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ﴿١٦

16Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuulee teessaniif caala. Namni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.

إِن تُقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗا يُضَٰعِفۡهُ لَكُمۡ وَيَغۡفِرۡ لَكُمۡۚ وَٱللَّهُ شَكُورٌ حَلِيمٌ﴿١٧

17Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramas. Rabbiin galateeffataa obsaadha.

عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ﴿١٨

18(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa.

RELATED SURAHS