As-Sajdah

السجدة

The Prostration30 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

الٓمٓ﴿١

1Alif Laam Miim.

تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ لَا رَيۡبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٢

2Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru.

أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۚ بَلۡ هُوَ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ لِتُنذِرَ قَوۡمٗا مَّآ أَتَىٰهُم مِّن نَّذِيرٖ مِّن قَبۡلِكَ لَعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ﴿٣

3Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii miti, Dhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame) akka isaan qajeelaniif.

ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ مَا لَكُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِيّٖ وَلَا شَفِيعٍۚ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ﴿٤

4Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee sana. eegasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedha. Isaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiru. Sila hin gorfamtanuu?

يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ يَعۡرُجُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمٖ كَانَ مِقۡدَارُهُۥٓ أَلۡفَ سَنَةٖ مِّمَّا تَعُدُّونَ﴿٥

5Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa) Sana booda gara isaa olbaha guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti.

ذَٰلِكَ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ﴿٦

6Inni sana hojjate beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eedha.

ٱلَّذِيٓ أَحۡسَنَ كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥۖ وَبَدَأَ خَلۡقَ ٱلۡإِنسَٰنِ مِن طِينٖ﴿٧

7(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha.

ثُمَّ جَعَلَ نَسۡلَهُۥ مِن سُلَٰلَةٖ مِّن مَّآءٖ مَّهِينٖ﴿٨

8Sana booda sanyii isaa dhangala'aa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe.

ثُمَّ سَوَّىٰهُ وَنَفَخَ فِيهِ مِن رُّوحِهِۦۖ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ﴿٩

9Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufe. Dhageettii, argaaleefi Onneewwanis isiniif taasise. Xiqquma galateeffattu.

وَقَالُوٓاْ أَءِذَا ضَلَلۡنَا فِي ٱلۡأَرۡضِ أَءِنَّا لَفِي خَلۡقٖ جَدِيدِۭۚ بَلۡ هُم بِلِقَآءِ رَبِّهِمۡ كَٰفِرُونَ﴿١٠

10“Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhan. Dhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha.

۞ قُلۡ يَتَوَفَّىٰكُم مَّلَكُ ٱلۡمَوۡتِ ٱلَّذِي وُكِّلَ بِكُمۡ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ تُرۡجَعُونَ﴿١١

11Jedhiin “Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesa, eegasii gara gooftaa keessanii deebifamtu”.

وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلۡمُجۡرِمُونَ نَاكِسُواْ رُءُوسِهِمۡ عِندَ رَبِّهِمۡ رَبَّنَآ أَبۡصَرۡنَا وَسَمِعۡنَا فَٱرۡجِعۡنَا نَعۡمَلۡ صَٰلِحًا إِنَّا مُوقِنُونَ﴿١٢

12osoo gartee Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataalee isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee,(addunyaatti) nu deebisi hojii gaarii hojjannaa nuti dhugoomsoodhaa” jedhan (argitee ) [silaa dubbii cimaa argita turte].

وَلَوۡ شِئۡنَا لَأٓتَيۡنَا كُلَّ نَفۡسٍ هُدَىٰهَا وَلَٰكِنۡ حَقَّ ٱلۡقَوۡلُ مِنِّي لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلۡجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجۡمَعِينَ﴿١٣

13Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turre. Garuu jechi narraa tahe haqa tahee jira. jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta.

فَذُوقُواْ بِمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَآ إِنَّا نَسِينَٰكُمۡۖ وَذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡخُلۡدِ بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ﴿١٤

14“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaa. Nutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis azaaba zalaalam dhandhamaa” (jedhamu).

إِنَّمَا يُؤۡمِنُ بِـَٔايَٰتِنَا ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُواْ بِهَا خَرُّواْۤ سُجَّدٗاۤ وَسَبَّحُواْ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَهُمۡ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ۩﴿١٥

15hangi Keeyyattoota keenyatti amanu warra yeroo isheedhaan gorfaman sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii galatomfataa faarsani. isaan hinboonanu.

تَتَجَافَىٰ جُنُوبُهُمۡ عَنِ ٱلۡمَضَاجِعِ يَدۡعُونَ رَبَّهُمۡ خَوۡفٗا وَطَمَعٗا وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ﴿١٦

16Cinaachoowwan isaanii ciisichoowan irraa ni fagaatti, Goftaa isaanii ni kadhatu sodaataafii kajeelaa. Waan isaaniif kennine irraa ni sadaqatu.

فَلَا تَعۡلَمُ نَفۡسٞ مَّآ أُخۡفِيَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعۡيُنٖ جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴿١٧

17Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa.Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha,

أَفَمَن كَانَ مُؤۡمِنٗا كَمَن كَانَ فَاسِقٗاۚ لَّا يَسۡتَوُۥنَ﴿١٨

18Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an.

أَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَلَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡمَأۡوَىٰ نُزُلَۢا بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴿١٩

19Ammoo Warri amananii gaggaarii hojjatan jannata qobsumaatu isaaniif jira, qubannoota waan isaan hojjataa turaniif jecha.

وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فَسَقُواْ فَمَأۡوَىٰهُمُ ٱلنَّارُۖ كُلَّمَآ أَرَادُوٓاْ أَن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَآ أُعِيدُواْ فِيهَا وَقِيلَ لَهُمۡ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ﴿٢٠

20Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibidda. Dhawaatuma ishee irraa ba’uu barbaanii ishee keessatti deebifamu, “Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama.

وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَدۡنَىٰ دُونَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَكۡبَرِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ﴿٢١

21Dhugumatti (Nuti) adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna, adabbii guddaa dura, akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha.

وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ ثُمَّ أَعۡرَضَ عَنۡهَآۚ إِنَّا مِنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُنتَقِمُونَ﴿٢٢

22Eenyu ka ufmiidhe Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa garagale caalaa? Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha.

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَلَا تَكُن فِي مِرۡيَةٖ مِّن لِّقَآئِهِۦۖ وَجَعَلۡنَٰهُ هُدٗى لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ﴿٢٣

23Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra, Isaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’in, Ilmaan Israa’iiliif qajeeluma isa taasifne.

وَجَعَلۡنَا مِنۡهُمۡ أَئِمَّةٗ يَهۡدُونَ بِأَمۡرِنَا لَمَّا صَبَرُواْۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يُوقِنُونَ﴿٢٤

24Isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne ,Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsoo tahan.

إِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَفۡصِلُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ﴿٢٥

25Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti murteessa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti.

أَوَلَمۡ يَهۡدِ لَهُمۡ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ يَمۡشُونَ فِي مَسَٰكِنِهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍۚ أَفَلَا يَسۡمَعُونَ﴿٢٦

26Sila ifa isaaniif hin taanee? akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii. sana keessa mallattooleetu jira. Sila hin dhagahanuu?

أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا نَسُوقُ ٱلۡمَآءَ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ٱلۡجُرُزِ فَنُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعٗا تَأۡكُلُ مِنۡهُ أَنۡعَٰمُهُمۡ وَأَنفُسُهُمۡۚ أَفَلَا يُبۡصِرُونَ﴿٢٧

27Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiiwwan isaaniitiifi lubbuulee isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu?

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡفَتۡحُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ﴿٢٨

28“ murtiin kun yoom ta’a Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif?” jedhu.

قُلۡ يَوۡمَ ٱلۡفَتۡحِ لَا يَنفَعُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِيمَٰنُهُمۡ وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ﴿٢٩

29Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyadu, isaan Yeroo kennamoos hintaane.

فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَٱنتَظِرۡ إِنَّهُم مُّنتَظِرُونَ﴿٣٠

30Isaan irraa gara gali. [Adabbii isaanitti bu’u] eegi. isaanis (baduu kee) eegoodha.

RELATED SURAHS