Fussilat

فصلت

Explained in Detail54 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

حمٓ﴿١

1Haa Miim.

تَنزِيلٞ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ﴿٢

2(Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha.

كِتَٰبٞ فُصِّلَتۡ ءَايَٰتُهُۥ قُرۡءَانًا عَرَبِيّٗا لِّقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ﴿٣

3Kitaaba keeyyattoonni isaa adda baafamteedha dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, namoota akeekkataiif.

بَشِيرٗا وَنَذِيرٗا فَأَعۡرَضَ أَكۡثَرُهُمۡ فَهُمۡ لَا يَسۡمَعُونَ﴿٤

4Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galan. Isaan hin dhagayan.

وَقَالُواْ قُلُوبُنَا فِيٓ أَكِنَّةٖ مِّمَّا تَدۡعُونَآ إِلَيۡهِ وَفِيٓ ءَاذَانِنَا وَقۡرٞ وَمِنۢ بَيۡنِنَا وَبَيۡنِكَ حِجَابٞ فَٱعۡمَلۡ إِنَّنَا عَٰمِلُونَ﴿٥

5Ni jedhan: “onneewwan teenya haguuggaa keessa jirti waan isin itti nu waamtan irraa. Gurroowan keenya keessa duudummaatu jira. Gidduu keenyaafi gidduu kee haguuggiitu jira. Ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagoodha.

قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞ فَٱسۡتَقِيمُوٓاْ إِلَيۡهِ وَٱسۡتَغۡفِرُوهُۗ وَوَيۡلٞ لِّلۡمُشۡرِكِينَ﴿٦

6Jedhi: “ani namuma fakkaataa keessaniiti; gara kiyyatti beeksisaatu godhama (akkana jechuudhaan) ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa kadhadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira".

ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ كَٰفِرُونَ﴿٧

7Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhiratti kafaraniidha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ أَجۡرٌ غَيۡرُ مَمۡنُونٖ﴿٨

8Isaan amananii, toltuuwwan hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira.

۞ قُلۡ أَئِنَّكُمۡ لَتَكۡفُرُونَ بِٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَرۡضَ فِي يَوۡمَيۡنِ وَتَجۡعَلُونَ لَهُۥٓ أَندَادٗاۚ ذَٰلِكَ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ﴿٩

9Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaalee Isaaf gootanii? Sun Gooftaa aalamootaati.

وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِيَ مِن فَوۡقِهَا وَبَٰرَكَ فِيهَا وَقَدَّرَ فِيهَآ أَقۡوَٰتَهَا فِيٓ أَرۡبَعَةِ أَيَّامٖ سَوَآءٗ لِّلسَّآئِلِينَ﴿١٠

10Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessatti barakaa godhe. Ishee keessatti soora ishee murteesse guyyuma afur keessatti. kadhattootaaf qixa haala taheen.

ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰٓ إِلَى ٱلسَّمَآءِ وَهِيَ دُخَانٞ فَقَالَ لَهَا وَلِلۡأَرۡضِ ٱئۡتِيَا طَوۡعًا أَوۡ كَرۡهٗا قَالَتَآ أَتَيۡنَا طَآئِعِينَ﴿١١

11Ergasii gara samii ol ta’e, haala isheen aara taatee jirtuun. isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe. Isaanis “jaalannee dhufne” jedhan.

فَقَضَىٰهُنَّ سَبۡعَ سَمَٰوَاتٖ فِي يَوۡمَيۡنِ وَأَوۡحَىٰ فِي كُلِّ سَمَآءٍ أَمۡرَهَاۚ وَزَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِمَصَٰبِيحَ وَحِفۡظٗاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ﴿١٢

12Samii torba godhee isheewwan xumuree Guyyaa lama keessatti. samii hunda keessatti, dhimma ishee beeksisa itti godhe. Samii addunyaas ifaadhaaleen (urjiileen) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine). Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati.

فَإِنۡ أَعۡرَضُواْ فَقُلۡ أَنذَرۡتُكُمۡ صَٰعِقَةٗ مِّثۡلَ صَٰعِقَةِ عَادٖ وَثَمُودَ﴿١٣

13Yoo isaan gara galan “ani isin sodaachiseera iyyansa (hamaa), akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin” jedhiin.

إِذۡ جَآءَتۡهُمُ ٱلرُّسُلُ مِنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۖ قَالُواْ لَوۡ شَآءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةٗ فَإِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ﴿١٤

14(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; Nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise).

فَأَمَّا عَادٞ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَقَالُواْ مَنۡ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةًۖ أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَهُمۡ هُوَ أَشَدُّ مِنۡهُمۡ قُوَّةٗۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ﴿١٥

15Aad immoo dachii keessatti haqaan malee boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhan. Sila Rabbiin, Inni isaan uume sun inni humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormaa turan.

فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحٗا صَرۡصَرٗا فِيٓ أَيَّامٖ نَّحِسَاتٖ لِّنُذِيقَهُمۡ عَذَابَ ٱلۡخِزۡيِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَخۡزَىٰۖ وَهُمۡ لَا يُنصَرُونَ﴿١٦

16Guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine, Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha. (Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadha. Isaan hin tumsamanu.

وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيۡنَٰهُمۡ فَٱسۡتَحَبُّواْ ٱلۡعَمَىٰ عَلَى ٱلۡهُدَىٰ فَأَخَذَتۡهُمۡ صَٰعِقَةُ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡهُونِ بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ﴿١٧

17Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; duuti adabbii salphisaa isaan qabatte waan isaan hojjataa turaniif .

وَنَجَّيۡنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ﴿١٨

18Isaan amananii, Rabbiin sodaatoo tahan nagaya baafne.

وَيَوۡمَ يُحۡشَرُ أَعۡدَآءُ ٱللَّهِ إِلَى ٱلنَّارِ فَهُمۡ يُوزَعُونَ﴿١٩

19Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii isaan ittifaman san [yaadadhu].

حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيۡهِمۡ سَمۡعُهُمۡ وَأَبۡصَٰرُهُمۡ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴿٢٠

20Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuuwwan isaanitiifi gogaaleen isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u.

وَقَالُواْ لِجُلُودِهِمۡ لِمَ شَهِدتُّمۡ عَلَيۡنَاۖ قَالُوٓاْ أَنطَقَنَا ٱللَّهُ ٱلَّذِيٓ أَنطَقَ كُلَّ شَيۡءٖۚ وَهُوَ خَلَقَكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةٖ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ﴿٢١

21Gogaalee isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan. [Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiisetu nu dubbachiise, inni kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtan.”

وَمَا كُنتُمۡ تَسۡتَتِرُونَ أَن يَشۡهَدَ عَلَيۡكُمۡ سَمۡعُكُمۡ وَلَآ أَبۡصَٰرُكُمۡ وَلَا جُلُودُكُمۡ وَلَٰكِن ظَنَنتُمۡ أَنَّ ٱللَّهَ لَا يَعۡلَمُ كَثِيرٗا مِّمَّا تَعۡمَلُونَ﴿٢٢

22Isin kan of dhoksitan hin taane dhageettiin keessan, agartuuleen keessaniifi gogaaleen keessan ragaa isin irratti ba’uurraa. Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii hinbeekuu yaaddan. [1]

وَذَٰلِكُمۡ ظَنُّكُمُ ٱلَّذِي ظَنَنتُم بِرَبِّكُمۡ أَرۡدَىٰكُمۡ فَأَصۡبَحۡتُم مِّنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ﴿٢٣

23Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidha. Isin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.

فَإِن يَصۡبِرُواْ فَٱلنَّارُ مَثۡوٗى لَّهُمۡۖ وَإِن يَسۡتَعۡتِبُواْ فَمَا هُم مِّنَ ٱلۡمُعۡتَبِينَ﴿٢٤

24Yoo obsan, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadan, isaan warra ceephefamu irraayii miti.

۞ وَقَيَّضۡنَا لَهُمۡ قُرَنَآءَ فَزَيَّنُواْ لَهُم مَّا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَحَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ فِيٓ أُمَمٖ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ خَٰسِرِينَ﴿٢٥

25Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechan. Jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, Isaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru.

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَسۡمَعُواْ لِهَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ وَٱلۡغَوۡاْ فِيهِ لَعَلَّكُمۡ تَغۡلِبُونَ﴿٢٦

26Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa akka injifattaniif ” jedhan.

فَلَنُذِيقَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَذَابٗا شَدِيدٗا وَلَنَجۡزِيَنَّهُمۡ أَسۡوَأَ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ﴿٢٧

27Isaan kafaran adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna. Dhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis (adabaan) isaanii galata galchina.

ذَٰلِكَ جَزَآءُ أَعۡدَآءِ ٱللَّهِ ٱلنَّارُۖ لَهُمۡ فِيهَا دَارُ ٱلۡخُلۡدِ جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ﴿٢٨

28Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefi. Isaaniif ishee keessa mana jireenya turaatu jira. Waan keeyyattoota keenya mormaa turaniif galata galfaman.

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ رَبَّنَآ أَرِنَا ٱلَّذَيۡنِ أَضَلَّانَا مِنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ نَجۡعَلۡهُمَا تَحۡتَ أَقۡدَامِنَا لِيَكُونَا مِنَ ٱلۡأَسۡفَلِينَ﴿٢٩

29Isaan kafaran nijedhan “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; faana keenya jala isaan goona, akka warra jalaa keessa irraa ta’aniif” (jedhan.)

إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُواْ تَتَنَزَّلُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَلَّا تَخَافُواْ وَلَا تَحۡزَنُواْ وَأَبۡشِرُواْ بِٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ﴿٣٠

30Isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. (isaaniin jetti).

نَحۡنُ أَوۡلِيَآؤُكُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۖ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَشۡتَهِيٓ أَنفُسُكُمۡ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ﴿٣١

31Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasuma. Isiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuuleenn teessan feetutu jira. Isiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.

نُزُلٗا مِّنۡ غَفُورٖ رَّحِيمٖ﴿٣٢

32Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu).

وَمَنۡ أَحۡسَنُ قَوۡلٗا مِّمَّن دَعَآ إِلَى ٱللَّهِ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ﴿٣٣

33Namni jecha bareedu eenyu Nama gara Rabbiitti waame caalaa? kan hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe.

وَلَا تَسۡتَوِي ٱلۡحَسَنَةُ وَلَا ٱلسَّيِّئَةُۚ ٱدۡفَعۡ بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ فَإِذَا ٱلَّذِي بَيۡنَكَ وَبَيۡنَهُۥ عَدَٰوَةٞ كَأَنَّهُۥ وَلِيٌّ حَمِيمٞ﴿٣٤

34(Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’an. Ishee toltuu taateen deebisi. Yoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jirtu akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta).

وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُواْ وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٖ﴿٣٥

35Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatu. Abbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu.

وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ نَزۡغٞ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ﴿٣٦

36Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhu. Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِ ٱلَّيۡلُ وَٱلنَّهَارُ وَٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُۚ لَا تَسۡجُدُواْ لِلشَّمۡسِ وَلَا لِلۡقَمَرِ وَٱسۡجُدُواْۤ لِلَّهِۤ ٱلَّذِي خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمۡ إِيَّاهُ تَعۡبُدُونَ﴿٣٧

37Mallattoolee Isaa irraayyi Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis, Aduufii baatiifis hin sujuudinaa Rabbii isaan uume qofaaf sagadaa, Yoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan.

فَإِنِ ٱسۡتَكۡبَرُواْ فَٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ يُسَبِّحُونَ لَهُۥ بِٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَهُمۡ لَا يَسۡـَٔمُونَ۩﴿٣٨

38Yoo boonan, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu.

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنَّكَ تَرَى ٱلۡأَرۡضَ خَٰشِعَةٗ فَإِذَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡهَا ٱلۡمَآءَ ٱهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡۚ إِنَّ ٱلَّذِيٓ أَحۡيَاهَا لَمُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰٓۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ﴿٣٩

39Mallattoolee Isaa irraayi Ati dachii gogduu taate arguun. yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلۡحِدُونَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا لَا يَخۡفَوۡنَ عَلَيۡنَآۗ أَفَمَن يُلۡقَىٰ فِي ٱلنَّارِ خَيۡرٌ أَم مَّن يَأۡتِيٓ ءَامِنٗا يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ ٱعۡمَلُواْ مَا شِئۡتُمۡ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ﴿٤٠

40Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa hindhokatan. Sila isa ibidda keessatti darbamu caala moo, isa nagaa ta’ee Guyyaa Qiyaamaa dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha.

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِٱلذِّكۡرِ لَمَّا جَآءَهُمۡۖ وَإِنَّهُۥ لَكِتَٰبٌ عَزِيزٞ﴿٤١

41Isaan yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran erga inni itti dhufee booda. (nidhabamsiifamu). Inni kitaaba injifataadha.

لَّا يَأۡتِيهِ ٱلۡبَٰطِلُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَلَا مِنۡ خَلۡفِهِۦۖ تَنزِيلٞ مِّنۡ حَكِيمٍ حَمِيدٖ﴿٤٢

42Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu.(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.

مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدۡ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبۡلِكَۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغۡفِرَةٖ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٖ﴿٤٣

43Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiru. Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati.

وَلَوۡ جَعَلۡنَٰهُ قُرۡءَانًا أَعۡجَمِيّٗا لَّقَالُواْ لَوۡلَا فُصِّلَتۡ ءَايَٰتُهُۥٓۖ ءَا۬عۡجَمِيّٞ وَعَرَبِيّٞۗ قُلۡ هُوَ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ هُدٗى وَشِفَآءٞۚ وَٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرٞ وَهُوَ عَلَيۡهِمۡ عَمًىۚ أُوْلَٰٓئِكَ يُنَادَوۡنَ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٖ﴿٤٤

44Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin jedhu, akkamitti (Qur'aanni) afaan Ajamiin (ergamaan) Arabaan tahe?” (jedhu turan). (Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qoricha. Isaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jira. Innis isaan irratti jaamummaadha. Isaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”

وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَٱخۡتُلِفَ فِيهِۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٞ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَفِي شَكّٖ مِّنۡهُ مُرِيبٖ﴿٤٥

45Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabame. Odoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama ture. Isaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru.

مَّنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَسَآءَ فَعَلَيۡهَاۗ وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّٰمٖ لِّلۡعَبِيدِ﴿٤٦

46Namni toltuu hojjate lubbuu isaatiifi. Namni hammaates isimarratti. Gooftaan kee gabroota miidhaa hintaane.

۞ إِلَيۡهِ يُرَدُّ عِلۡمُ ٱلسَّاعَةِۚ وَمَا تَخۡرُجُ مِن ثَمَرَٰتٖ مِّنۡ أَكۡمَامِهَا وَمَا تَحۡمِلُ مِنۡ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلۡمِهِۦۚ وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ أَيۡنَ شُرَكَآءِي قَالُوٓاْ ءَاذَنَّٰكَ مَا مِنَّا مِن شَهِيدٖ﴿٤٧

47Beekumsi yerottii (Qiyaamaa) garuma Isaatti deebifama. firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessus Beekumsa isaatiin malee. Guyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) si beeksifna nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u hinjiru.”

وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَدۡعُونَ مِن قَبۡلُۖ وَظَنُّواْ مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٖ﴿٤٨

48Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turan isaan irraa bade. Karri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu.

لَّا يَسۡـَٔمُ ٱلۡإِنسَٰنُ مِن دُعَآءِ ٱلۡخَيۡرِ وَإِن مَّسَّهُ ٱلشَّرُّ فَيَـُٔوسٞ قَنُوطٞ﴿٤٩

49Namni toltuu (qabeenya) kadhachuu irraa hin hifatu. Yeroo hamtuun (hiyyummaan) isa tuqe akkaan abdii murataa, mufataa ta’a.

وَلَئِنۡ أَذَقۡنَٰهُ رَحۡمَةٗ مِّنَّا مِنۢ بَعۡدِ ضَرَّآءَ مَسَّتۡهُ لَيَقُولَنَّ هَٰذَا لِي وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةٗ وَلَئِن رُّجِعۡتُ إِلَىٰ رَبِّيٓ إِنَّ لِي عِندَهُۥ لَلۡحُسۡنَىٰۚ فَلَنُنَبِّئَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِمَا عَمِلُواْ وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنۡ عَذَابٍ غَلِيظٖ﴿٥٠

50(namni) Yoo rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifne erga rakkoon isa tuqee booda nijedha “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira gaariitu naaf jira” (jedha). Dhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjatan isaanitti odeessina, adabbii ulfaataa isaan dhandamsiisiifna.

وَإِذَآ أَنۡعَمۡنَا عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ أَعۡرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ فَذُو دُعَآءٍ عَرِيضٖ﴿٥١

51Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, (galatoomfachurraa) gara gala cinaacha isaatiin fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a.

قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كَانَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِ ثُمَّ كَفَرۡتُم بِهِۦ مَنۡ أَضَلُّ مِمَّنۡ هُوَ فِي شِقَاقِۭ بَعِيدٖ﴿٥٢

52Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru caalaa jallaan eenyu?

سَنُرِيهِمۡ ءَايَٰتِنَا فِي ٱلۡأٓفَاقِ وَفِيٓ أَنفُسِهِمۡ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَهُمۡ أَنَّهُ ٱلۡحَقُّۗ أَوَلَمۡ يَكۡفِ بِرَبِّكَ أَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدٌ﴿٥٣

53Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifna Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti. Inni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu?

أَلَآ إِنَّهُمۡ فِي مِرۡيَةٖ مِّن لِّقَآءِ رَبِّهِمۡۗ أَلَآ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءٖ مُّحِيطُۢ﴿٥٤

54Mee dhagayaa! isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiru. Dhaga’aa! Inni waan hundaan marsee jira.

RELATED SURAHS