Al-Layl

الليل

The Night21 ayahsMeccan

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَغۡشَىٰ﴿١

1Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge.

وَٱلنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ﴿٢

2Guyyaanis yeroo inni mul'ate;

وَمَا خَلَقَ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ﴿٣

3Isa kormaafi dhalaa uumeenis;

إِنَّ سَعۡيَكُمۡ لَشَتَّىٰ﴿٤

4Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba).

فَأَمَّا مَنۡ أَعۡطَىٰ وَٱتَّقَىٰ﴿٥

5Ammoo Namni kennatee Rabbiin sodaate,

وَصَدَّقَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ﴿٦

6Islaamummaas dhugoomse,

فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡيُسۡرَىٰ﴿٧

7(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra.

وَأَمَّا مَنۢ بَخِلَ وَٱسۡتَغۡنَىٰ﴿٨

8Ammoo Nama don’oomee of ga’e,

وَكَذَّبَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ﴿٩

9Islaamummaa sobsiise,

فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡعُسۡرَىٰ﴿١٠

10(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra.

وَمَا يُغۡنِي عَنۡهُ مَالُهُۥٓ إِذَا تَرَدَّىٰٓ﴿١١

11Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu.

إِنَّ عَلَيۡنَا لَلۡهُدَىٰ﴿١٢

12Karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.

وَإِنَّ لَنَا لَلۡأٓخِرَةَ وَٱلۡأُولَىٰ﴿١٣

13Aakhiraafi addunyaan keenya.

فَأَنذَرۡتُكُمۡ نَارٗا تَلَظَّىٰ﴿١٤

14Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.

لَا يَصۡلَىٰهَآ إِلَّا ٱلۡأَشۡقَى﴿١٥

15Hoonga’aa malee ishee hin seenu.

ٱلَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ﴿١٦

16Kan sobsiisee gara gale (malee).

وَسَيُجَنَّبُهَا ٱلۡأَتۡقَى﴿١٧

17Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira.

ٱلَّذِي يُؤۡتِي مَالَهُۥ يَتَزَكَّىٰ﴿١٨

18Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu.

وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُۥ مِن نِّعۡمَةٖ تُجۡزَىٰٓ﴿١٩

19Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu).

إِلَّا ٱبۡتِغَآءَ وَجۡهِ رَبِّهِ ٱلۡأَعۡلَىٰ﴿٢٠

20Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).

وَلَسَوۡفَ يَرۡضَىٰ﴿٢١

21Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira.

RELATED SURAHS