الفلق
The Daybreak • 5 ayahs • Meccan
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
1Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha.
2Hamtuu waan Inni uumee irraa,
3Hamtuu dukkanaa yeroo dukkanaa’e irraas,
4Hamtuu (dubartii sihrii) guduunfaalee keessatti tuftu irraas,
5Hamtuu haasidii yeroo inni hassadu (waanyu) irraas (Rabbittin maganfadha).”